Dubbisuu fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi

Barreeffamni kun dandeettii uummataaf dubbisuuf, dubbachuu fi barsiisuuf qabdu akka guddifattu si gargaaruuf yaadamee kan qophaaʼe dha.

Xalayaa Qaama Ol Aanaa Irraa Ergame

Ergaa ilmaan namootaatiif kenname keessaa isa baay‵ee barbaachisaa ta‵e barsiisna.

QOʼANNAA 1

Ittiin Lixa Gaarii

Ittiin lixni gaariin kaayyoo sadii galmaan gaʼa.

QOʼANNAA 2

Bifa Mariitiin Dhiheessuu

Bifa mariitiin dhiheessuu jechuun akkaataa uumamaa fi haqaan dubbachuu jechuu siʼa taʼu, kunis dhaggeeffattoonni kee tasgabbaaʼanii ergaa kee fudhachuuf isaan gargaara.

QOʼANNAA 3

Gaaffiitti Fayyadamuu

Fedhii kakaasuu fi qabxii barbaachisaa taʼe cimsitee ibsuuf gaaffii irratti yaadame gaafadhu.

QOʼANNAA 4

Caqasoota Sirriitti Beeksisuu

Caqasa tokko dubbisuu kee dura sammuu dhaggeeffattoota kee akkamitti akka qopheessitu hubadhu.

QOʼANNAA 5

Sirriitti Dubbisuu

Sirriitti dubbisuun beekumsa Yihowaa dabarsuu keessaa karaa isa guddaa dha.

QOʼANNAA 6

Walitti Dhufeenya Caqasaa fi Barumsichaa Ifa Gochuu

Dhaggeeffattoonni walitti dhufeenya caqasa dubbistee fi barumsaa akka hubatan gargaari.

QOʼANNAA 7

Sirrii fi Amansiisaa

Ragaan sirrii fi amansiisaa taʼe, dhaggeeffattoonni kee xumura sirrii irra akka gaʼan gargaara.

QOʼANNAA 8

Fakkeenyota Barumsa Dabarsan

Fakkeenyota salphaa taʼan, dhaggeeffattoota kee hawwatanii fi qabxii barbaachisaa taʼe barsiisanitti fayyadami.

QOʼANNAA 9

Viidiyoo fi Fakkiidhaan Barsiisuu

Barumsi kee caalaatti akka hin irraanfatamne gochuuf viidiyoo fi fakkiitti fayyadami.

QOʼANNAA 10

Sagalee Jijijjiiruu

Miira dhaggeeffattoota kee kakaasuudhaan tarkaanfii akka fudhatan gochuuf, ol kaʼiinsaa fi gad buʼiinsa akkasumas humna sagalee kee jijijjiiri.

QOʼANNAA 11

Miira Hoʼaa Qabaachuu

Miira hoʼaadhaan dubbachuun cimsitee akka itti amantu argisiisa, akkasumas xiyyeeffannaan dhaggeeffattoota keetii hin banne gochuuf si gargaara.

QOʼANNAA 12

Jaalala Qabaachuu fi Miira Namootaa Hubachuu

Garaadhaa kan dubbattu yoo taʼe, dhaggeeffattoota keetiif akka yaaddu argisiista.

QOʼANNAA 13

Faayidaa Barumsichaa Ifa Gochuu

Dhaggeeffattoonni kee barumsichi dhiibbaa inni godhu akka hubatan gargaari akkasumas wanta barataniin maal akka godhan argisiisi.

QOʼANNAA 14

Qabxiiwwan Guguddaa Adda Baasuu

Dhaggeeffattoonni haasaa kee akka hordofan gargaari akkasumas qabxiiwwan guguddaan hundi kaayyoo kee fi yaada ijoo wajjin akkamitti akka wal qabatan ifa godhi.

QOʼANNAA 15

Amantii Guutuudhaan Dubbachuu

Amantiidhaan dubbadhu. Wanti dubbattu barbaachisaa taʼuu isaa cimsitee akka amantu argisiisi.

QOʼANNAA 16

Kan Nama Ijaaruu fi Nama Jajjabeessu

Ceephaʼuu mannaa ijaari. Dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiruu fi nama haaromsu irratti akka xiyyeeffatan godhi.

QOʼANNAA 17

Salphaatti kan Namaa Galu

Dhaggeeffattoonni kee ergaa kee akka hubatan gargaari. Qabxiiwwan ijoo sirriitti ibsi.

QOʼANNAA 18

Barumsa Dabalataa kan Kennu

Yaada dhaggeeffattoota kee kakaasi akkasumas wanta gatii qabu tokko akka baratan akka isaanitti dhagaʼamu isaan gargaari.

QOʼANNAA 19

Garaa Tuquuf Carraaquu

Dhaggeeffattoonni kee Waaqayyoo fi Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluu akka jaallatan kakaasi.

QOʼANNAA 20

Yaada Xumuraa Buʼa Qabeessa

Yaadni xumuraa buʼa qabeessa taʼe dhaggeeffattoonni wanta baratan akka fudhatanii fi akka hojii irra oolchan gargaara.

Guddina Gochaa Jirtu Galmeessi

Dandeettii dubbisuu fi barsiisuu kee fooyyessuuf yommuu carraaqxu guddina gochaa jirtu galmeessi.

Kanneen Armaan Gadiis ni Jaallatta Taʼa

VIIDIYOOWWAN WALITTI AANANII BA'AN

Dubbisuu fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi—Viidiyoowwan

Dandeettii barbaachisoo namoota duratti dubbisuu fi barsiisuuf si fayyadan horadhu.