Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QOʼANNAA 8

Fakkeenyota Barumsa Dabarsan

Fakkeenyota Barumsa Dabarsan

Maatewos 13:34, 35

YAADA IJOO: Fakkeenyota salphaa, dhaggeeffattoota kee hawwatanii fi qabxiiwwan barbaachisoo taʼan barsiisanitti fayyadamuudhaan barumsi kee humna akka qabaatu godhi.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Fakkeenyota salphaa taʼan filadhu. Akkuma Yesuus, wantoota guguddaa taʼan ibsuuf wantoota xixinnootti, wantoota ulfaataa taʼan ibsuuf wantoota salphaa taʼanitti fayyadami. Yaadawwan xixinnoo hedduu barbaachisoo hin taanee fi fakkeenyicha wal xaxaa godhan itti hin dabalin. Dhaggeeffattoonni kee fakkeenyicha keessaa wantoota barumsichaa wajjin wal hin simneen xiyyeeffannaan isaanii akka hin hihhiramneef, fakkeenyichi guutummaatti barumsichaa wajjin kan wal simu taʼuu isaa mirkaneessi.

  • Wantoota dhaggeeffattoota kee fayyadan yaadi. Fakkeenyota wanta dhaggeeffattoonni kee jaallatanii fi guyyaa guyyaadhaan hojjetan irratti hundaaʼan filadhu. Fakkeenyonni kee kan nama qaanessan ykn mufachiisan akka hin taane of eeggadhu.

  • Qabxii ijoo taʼe barsiisi. Fakkeenyi kee qabxiiwwan xixinnoo irratti utuu hin taʼin, qabxiiwwan guguddaa irratti akka xiyyeeffatu godhi. Dhaggeeffattoonni kee fakkeenyicha qofa utuu hin taʼin, qabxii barumsichaa yaadachuu isaanii mirkaneessi.