Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DUBBISTOOTAA . . .

Waaqayyoon Eenyutu Uume?

Waaqayyoon Eenyutu Uume?

Abbaa ilma isaa umurii waggaa torbaa wajjin dubbachaa jiru tokko yaadaan ilaali. Akkana jedha: “Bara dur durii, Waaqayyo lafaa fi wantoota lafa irra jiran hunda uume; akkasumas aduu, addeessaa fi urjiilee uume.” Mucichis takka erga irratti yaadee booda, “Abbaa, Waaqayyoon hoo eenyutu uume?” jedhee isa gaafate.

Abbaan isaas, “Eenyu iyyuu Waaqayyoon hin uumne. Inni yeroo hundumaa kan jiraatu dha” jedhee isaaf deebise. Ammaaf deebii salphaan kun mucichaaf gaʼaa taʼuu dandaʼa. Yeroo guddachaa deemu garuu yaanni kun deebisee gaaffii isatti taʼa. Qaamni jalqaba hin qabne jiraachuu isaa hubachuun baayʼee isatti ulfaata. Hawaan illee jalqaba qaba ture. Maarree, ‘Waaqayyo eessaa dhufe?’ jedhee gaafata.

Kitaabni Qulqulluun deebii akkamii kenna? Deebii abbaan fakkeenyicha keessatti kennee wajjin wal fakkaatu kenna. Museen akkana jedhee barreesseera: “Yaa Yihowaa, . . . gaaronni dhalachuu isaanii dura yookiin lafaa fi lafa oomisha kennitu uumuu kee dura, bara baraa hamma bara baraatti ati Waaqa dha.” (Faarfannaa 90:1, 2) Haaluma wal fakkaatuun, Isaayyaas raajichis “Ati hin beektuu? Hin dhageenyee? Yihowaan inni Uumaa andaara lafaa taʼe, bara baraaf Waaqa dha”! jedhee dinqisiifannaadhaan dubbateera. (Isaayyaas 40:28) Xalayaa Yihudaan barreesse irrattis Waaqayyo “bara darbe hundumaaf” akka jiraate ibsameera.—Yihudaa 25.

Akkuma Phaawulos dubbate caqasoonni kunneen Waaqayyo “Mootii bara baraa” akka taʼe ibsu. (1 Ximotewos 1:17) Kana jechuun hammam iyyuu gara duubaatti deebinee yoo ilaalle, Waaqayyo yeroo hundumaa jiraachaa ture jechuu dha. Gara fuulduraattis yeroo hundumaa jiraachuu isaa itti fufa. (Mulʼata 1:8) Kanaafuu, Waaqa yeroo hundumaa jiraatu taʼuun isaa, Waaqa Hundumaa Dandaʼu akka taʼe kan argisiisu dha.

Yaada kana hubachuun ulfaataa kan nutti taʼu maaliifi? Yeroo gabaabaadhaaf kan jiraannu waan taaneef ilaalchi nuti yeroodhaaf qabnu ilaalcha Yihowaan yeroodhaaf qabu irraa guutummaatti adda dha. Waaqayyo bara baraaf kan jiraatu waan taʼeef, isaaf waggaan kumni tokko akkuma guyyaa tokkoo ti. (2 Pheexiros 3:8) Kana fakkeenyaan ibsuuf, kuruphisni guyyaa 50f qofa jiraatu tokko, namoonni waggaa 70 ykn 80 akka jiraatan hubachuu dandaʼaa? Matumaa! Kitaabni Qulqulluun, Uumaa keenya isa guddaa wajjin wal bira qabamnee yommuu ilaalamnu akkuma kuruphisaa akka taane dubbata. Dandeettiin yaaduu keenya kan isaa wajjin wal bira qabamee yeroo ilaalamu wayitti iyyuu kan hin lakkaaʼamne dha. (Isaayyaas 40:22; 55:8, 9) Kanaafuu, ilmaan namootaa waaʼee Yihowaa guutummaatti kan hin hubanne taʼuun isaanii nama hin dinqisiisu.

Yaanni Waaqayyo bara baraaf jiraata jedhu hubachuun ulfaataa taʼus, yaanni kun sirrii akka taʼe hubachuu dandeenya. Qaamni Waaqayyoon uume utuu jiraatee qaamni sun Uumaa dha jechuu dha. Garuu Kitaabni Qulqulluun Yihowaan ‘wantoota hundumaa akka uume’ dubbata. (Mulʼata 4:11) Kana malees, hawaan yeroo taʼe tokkotti akka hin turre beekna. (Uumama 1:1, 2) Maarree hawaan eessaa dhufe? Uumaan hawaan akka argame godhe dursee jiraachuu qaba. Ilma isaa tokkichaa fi maleekota dabalatee uumamni yaaduu dandaʼu kam iyyuu utuu hin jiraatin jiraachaa ture. (Iyyoob 38:4, 7; Qolosaayis 1:15) Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, jalqaba irratti kophaa isaa jiraachaa ture. Inni uumamuu hin dandaʼu; qaamni isa uumuu dandaʼus hin jiru.

Nuti jiraachuun keenyaa fi guutummaan hawaa jiraachuun isaa Waaqni bara baraaf jiraatu akka jiru mirkaneessa. Qaamni hawaan balʼaa taʼe akka sochoʼu godhuu fi seera isa toʼatu baase, yeroo hundumaa jiraachuu qaba. Wantoota hundumaaf jireenya kennuu kan dandaʼu isa qofa dha.—Iyyoob 33:4.