Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Uumama 1:1—“Waaqayyo Jalqabatti Bantiiwwan Waaqaa fi Lafa Uume”

Uumama 1:1—“Waaqayyo Jalqabatti Bantiiwwan Waaqaa fi Lafa Uume”

 “Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume.”—Uumama 1:1.

Hiika Uumama 1:1

 Yaadni Kitaaba Qulqulluu inni jalqabaa kun dhugaawwan barbaachisoo lama ifa godha. Tokkoffaa, ‘samii fi lafti,’ jechuunis uumamni ijaan mulʼatu jalqaba qaba. Lammaffaa, Waaqayyotu isaan uume.—Mulʼata 4:11.

 Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo uumama cufa yeroo hammamii dura akka uumes taʼe akkamitti akka uume hin ibsu. Taʼus, uumama cufa kan uume ‘humna isaa fi aangoo’ isaatti fayyadamuudhaan akka taʼe ni ibsa.—Isaayaas 40:26.

 Jechi “uume” jedhu, gochima Afaan Ibrootaa adda durummaadhaan wanta Waaqayyo hojjete argisiisuuf itti hojjetamu irraa hiikame. a Kitaaba Qulqulluu irratti Uumaa akka taʼe kan ibsame Yihowaa b qofa dha.—Isaayaas 42:5; 45:18.

Yaada naannoo Uumama 1:1⁠tti argamu

 Caqasni jalqabaa Macaafa Uumamaa kun, ittiin lixa seenaa uumamaa Uumama boqonnaa 1 fi 2 irra jiruu ti. Kitaabni Qulqulluun Uumama 1:1 hanga 2:4 irratti, Waaqayyo lafa, akkasumas dhiiraa fi dubartii jalqabaa dabalatee lubbu qabeeyyii ishii irra jiraatan hunda uumuuf tarkaanfii akkamii akka fudhate gabaabaatti ibsa. Kitaabni Qulqulluun ibsa waliigalaa kana erga kennee booda, uumama dhiiraa fi dubartii ilaalchisee ibsa balʼaa kenna.—Uumama 2:7-25.

 Kitaabni Uumamaa, Waaqayyo hojii uumamaa kan raawwate “guyyoota” jaʼa keessatti akka taʼe ibsa. Guyyoonni kun kallattiidhaan guyyaa saʼaatii 24 qabu utuu hin taʼin, yeroo dheerinni isaa hin beekamne argisiisu. Eeyyee, jechi “guyyaa” jedhu guyyaa isa saʼaatii 24 dheeratu qofa kan argisiisu miti. Uumamni 2:4, jecha “guyyaa” jedhu jecha “yeroo” jedhuun bakka buusuudhaan, hojiiwwan uumamaa Waaqayyo guyyoota jaʼan sana dura turanitti raawwate hunda “guyyaa” tokkotti akka raawwataman godhee ibsa.

Hubannaawwan dogoggoraa waaʼee Uumama 1:1

 Hubannaa dogoggoraa: Namoonni tokko tokko Waaqayyoo uumama cufa waggoota kuma muraasa dura uume jedhu.

 Dhugaa isaa: Kitaabni Qulqulluun uumamni cufti yoom akka uumame hin ibsu. Yaadni Uumama 1:1 irra jiru, tilmaama saayinsiin ammayyaa uumamni cufti waggoota biliyoona hedduu dura akka uumame qabu wajjin wal hin faallessu. c

 Hubannaa dogoggoraa: Namoonni tokko tokko jechi Afaan Ibrootaa Uumama 1:1 irratti “Waaqayyo” jedhamee hiikame baayʼina kan argisiisu waan taʼeef, caqasni kun Waaqni sillaasee akka taʼe argisiisa jedhu.

 Dhugaa isaa: Maqaan ulfinaa “Waaqayyo” jedhu, jecha Afaan Ibrootaa Eloohiim jedhu irraa kan hiikame yoo taʼu, jechi kun baayʼina namootaa odoo hin taʼin, kabaja guddaa ykn ulfina kan argisiisu dha. Kitaabni New Catholic Encyclopedia jedhamu akka jedhutti, jechi Uumama 1:1 irratti Eloohiim jedhuu fi baayʼina argisiisu, “yeroo hunda kan itti hojjetamu gochima qeentee waliini; kunis akkuma mootonni nuyi jedhanii of waamaa turan, jechi Elohiim jedhus baayʼina odoo hin taʼin ulfina kan argisiisu akka taʼe ibsa.”—Maxxansa lammaffaa, Jildii 6, fuula 272.

a Kitaabni Qulqulluun Ingiliffaa HCSB Study Bible jedhamuu fi qoʼannaadhaaf qophaaʼe, jecha kana ilaalchisee akkana jedha: ‘Jechi Afaan Giriikii baaraa jedhuu fi “uumuu” jedhamee hiikame, akka matimaatti hima keessa yeroo galu hundatti wanta namoonni raawwatan wajjin karaa wal qabateen itti hojjetamee hin beeku. Kanaafuu, gochimni baaraa jedhu wantoota Waaqayyo qofti raawwatu kan argisiisu dha.’— Fuula 7.

b Yihowaan (Yaahween) maqaa dhuunfaa Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame dha.— Kitaaba Qulqulluu irraa hiika jechootaa fuula 387 irra jiru ilaali.

c Barreeffamni The Expositor’s Bible Commentary jedhamuu fi Kitaaba Qulqulluu irratti ibsa kennu, jechi Afaan Ibrootaa “jalqabatti” jedhamee hiikame yeroo hammamii akka taʼe ilaalchisee yaada yeroo kennu, “Jechi kun waaʼee dheerina yerichaa waan jedhu hin qabu” jedheera.—Hiika Fooyyeffame, Jildii I, fuula 51.