Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 32

Geggeessaa Haaraa fi Dubartoota Ija Jabeeyyii Lama

Geggeessaa Haaraa fi Dubartoota Ija Jabeeyyii Lama

Iyaasuun waggoota hedduudhaaf saba Yihowaa geggeessaa erga turee booda waggaa 110⁠tti duʼe. Hanga inni lubbuudhaan turetti Israaʼeloonni Yihowaa waaqeffachaa turan. Erga inni duʼee booda garuu, isaanis akkuma Kanaʼaanotaa waaqolii tolfamoo waaqeffachuu jalqaban. Israaʼeloonni Yihowaa waaqeffachuu waan dhiisaniif, jireenyi ulfaataa akka isaanitti taʼuuf inni mootii Kanaʼaanotaa Yaabiin jedhamutti dabarsee isaan kenne. Yeroo kanatti, sabichi Yihowaan akka isa gargaaru kadhate. Kanaaf, Yihowaan geggeessaa haaraa Baaraaq jedhamu isaaniif kenne. Innis sabichi gara Yihowaatti akka deebiʼu gargaare.

Deboraa raajittiin nama itti ergitee Baaraaqiin waamsiste. Ergaa Yihowaa biraa isaaf dhufe akkana jettee isatti himte: ‘Dhiirota 10,000 fudhadhuu Laga Kiishonitti loltoota Yaabiin irratti waraana bani. Achitti Siiseraa isa ajajaa waraanaa Yaabiin taʼe ni injifatta.’ Baaraaqis Deboraadhaan, ‘Yoo ati anaa wajjin dhaqxe qofan dhaqa’ jedhe. Ishiinis akkana isaan jette: ‘Dhaquu illee si wajjin nan dhaqa. Siiseraa kan ajjeesu garuu siʼi akka hin taane beeki. Yihowaan dubartiin tokko akka isa ajjeestu dubbateera.’

Kanaaf, Deboraan waraanaaf qophaaʼuuf, Baaraaqii fi loltoota isaa wajjin gara Tulluu Taaboritti ol baate. Siiseraan akkuma waaʼee kanaa dhagaʼeen, gaariiwwan fardaa fi loltoota isaa sulula Tulluu Taabor jala jiru keessatti walitti qabate. Deboraan Baaraaqiin, ‘Harʼa guyyaa Yihowaan itti moʼicha siif kennu dha’ isaan jette. Achiis, Baaraaqii fi dhiironni isaa 10,000 loltoota Siiseraa warra humna guddaa qaban sana loluuf gaaricha irraa gad buʼan.

Yeroo kanatti, Yihowaan lagni Kiishon guutee akka dhangalaʼu godhe. Gaariiwwan waraanaa Siiseraa dhoqqeedhaan qabaman. Kanaaf, Siiseraan gaarii isaa dhiisee baqachuu jalqabe. Baaraaqii fi loltoonni isaa loltoota Siiseraa ni moʼan, Siiseraan garuu ni miliqe! Achiis, baqatee dunkaana dubartii Yaaʼel jedhamtu tokkoo keessa dhokate. Yaaʼel aannan akka dhugu erga kenniteefii booda, uffata hoʼa kennu isatti uffiste. Loltuun dadhabe kun hirribni cimaan isa fudhate. Achiis, Yaaʼel qaxxistee gara isaa dhaquudhaan qofoo dunkaanaa illee isaa keessa baaste. Innis ni duʼe.

Baaraaqis Siiseraa barbaacha dhufe. Yeroo kanatti Yaaʼel dunkaana ishii keessaa baatee, ‘Ol seeni! Nama ati barbaaddu sana sittan argisiisa!’ jetteen. Baaraaq ol seenee reeffi Siiseraa lafa irratti diriiree arge. Baaraaqii fi Deboraan, Yihowaan Israaʼelootaaf diinota isaanii irratti moʼicha waan kenneef faarfannaadhaan isa jajatan. Achiis Israaʼeloonni waggoota 40 itti aananiif nagaa argatan.

“Dubartoonni warri misraachoo himan sun macca guddaa turan.”—Faarfannaa 68:11