Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu

Kitaaba kana keessatti wantoota yeroo addaatti raawwataman, seenaa uumamaa Kitaabni Qulqulluu, dhalachuu fi tajaajila Yesuus, dhufaatii Mootummichaa ni ilaalla.

Xalayaa Qaama Ol Aanaa Irraa Ergame

Kitaaba Kanatti fayyadamuun kan dandaʼamu akkamitti?

BARUMSA 1

Waaqayyo samii fi lafa uume

Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo samii fi lafa uume jedha. Haa taʼu malee, Waaqayyo namaa fi wanta kam iyyuu dura maleekota kan uume maaliifi?

BARUMSA 2

Waaqayyo Dhiiraa fi Dubartii Jalqabaa Uume

Waaqayyo dhiiraa fi dubartii jalqabaa uumee, iddoo biqiltuu Eedan keessa akka jiraatan godhe. Maatii horuu fi guutummaa lafa jannata gochuu dandaʼu turan.

BARUMSA 3

Addaamii fi Hewaan Waaqayyoof hin Ajajamne

Wanti muka iddoo biqiltuu Eedan keessa jiru tokko adda taasisu maal ture? Hewaan firii sana irraa kan nyaatte maaliifi?

BARUMSA 4

Aariin Ajjeechaatti Geesse

Waaqayyo aarsaa Abeel ni fudhate, kan Qaayin garuu hin fudhanne. Qaayin yommuu kana beeku baayʼee aaree wanta hamaa raawwate.

BARUMSA 5

Doonii Noh

Maleekonni hamoo taʼan dubartoota lafa irraa fuudhanii ilmaan guguddaa abbootii humnaa taʼan godhatan. Hammeenyi bakka hundaa jira ture. Noh garuu nama addaa Waaqayyoon jaallatuu fi isaaf ajajamu ture.

BARUMSA 6

Namoonni Saddeet Addunyaa Haaraatti Galan

Bokkaan halkan 40 fi guyyaa 40 roobe Bishaan Badiisa fide. Walumaa galatti Nohii fi maatiin isaa waggaa tokkoo oliif doonii keessa turan. Dhuma irratti, achi keessaa baʼuu dandaʼaniiru.

BARUMSA 7

Gamoo Baabel

Namoonni magaalaa fi gamoo fiixeen isaa samii bira gaʼu ijaaruuf murteessan. Waaqayyo akkuma tasaa qooqa adda addaa akka dubbatan kan godhe maaliifi?

BARUMSA 8

Abrahaamii fi Saaraan Waaqayyoof Ajajamaniiru

Abrahaamii fi Saaraan jireenya isaanii isa magaalaa keessaa dhiisanii galaa taʼanii Kanaʼaan keessa jiraachuu kan filatan maaliifi?

BARUMSA 9

Dhuma Irratti Ilma Godhatan!

Abdii Waaqayyo Abrahaamiif kenne akkamitti raawwatama? Abdiin kun karaa Yisihaaq moo karaa Ishmaaʼel raawwatama?

BARUMSA 10

Haadha manaa Loox Yaadadhaa

Waaqayyo Sodoomii fi Gomoraa irratti ibiddaa fi dhagaa bobaʼu roobse. Magaalonni sun kan balleeffaman maaliifi? Haadha manaa Loox yaadachuu kan qabnu maaliifi?

BARUMSA 11

Qorumsa Amantii

Waaqayyo Abrahaamiin, ‘maaloo ilma kee tokkicha gaara Moriiyaa irratti aarsaa godhii dhiheessi’ jedheen. Abrahaam qorumsa amantii kana kan moʼe akkamitti?

BARUMSA 12

Yaaqoob Dhaalicha Argate

Yisihaaqii fi Ribqaan ilmaan lakkuu Esaawuu fi Yaaqoob jedhaman qabu turan. Esaawu jalqaba irratti waan dhalateef, dhaala addaa argachuu dandaʼa ture. Mirga isaa kana ittoodhaan kan jijjiire maaliifi?

BARUMSA 13

Yaaqoobii fi Esaawu ni Araaraman

Yaaqoob maleekaa tokko irraa eebba kan argate akkamitti? Esaawuu wajjin kan araarame akkamitti?

BARUMSA 14

Garbicha Waaqayyoof Ajajame

Yoseef wanta sirrii taʼe raawwatus rakkinni cimaan isa irra gaʼeera. Maaliif?

BARUMSA 15

Yihowaan Matumaa Yoseefiin hin Irraanfanne

Yoseef maatii isaa irraa fagaatee kan jiru taʼus, Waaqayyo isaa wajjin akka jiru argisiiseera.

BARUMSA 16

Iyyoob Eenyu Ture?

Haala rakkisaa keessatti illee Yihowaadhaaf ajajameera.

BARUMSA 17

Museen Yihowaa Waaqeffachuu Filate

Museen ijoollummaa isaatti mala gaarii haati isaa qopheessiteen duʼa irraa ooleera.

BARUMSA 18

Harangamaa Bobaʼu

Ibdichi harangamaa sana kan hin gubne maaliifi?

BARUMSA 19

Dhaʼicha Jalqabaa Sadan

Faraʼoon of tuulummaa isaatiin kan kaʼe tarkaanfii salphaa taʼe fudhachuu waan dideef, saba isaatti badiisa fide.

BARUMSA 20

Dhaʼichawwan Itti Aanan Jaʼan

Dhaʼichawwan kana warra jalqabaa sadan irraa adda kan taasisu maali dha?

BARUMSA 21

Dhaʼicha Kurnaffaa

Dhaʼichi kun baayʼee ulfaataa waan taʼeef Faraʼoon inni of tuulu illee abdii kutatee ture.

BARUMSA 22

Dinqii Galaana Diimaa Irratti Raawwatame

Faraʼoon dhaʼichawwan kudhan lubbuudhaan darbus, dinqii Waaqayyoo kana irraa ooleeraa?

BARUMSA 23

Waadaa Yihowaadhaaf Galan

Israaʼelonni Gaara Siinaa bira yommuu buufatanii turan Waaqayyoof waadaa addaa galan.

BARUMSA 24

Waadaa Yihowaadhaaf Galan hin Eegne

Museen Ajajawwan Kurnan yeroo fiduu dhaqetti, sabichi cubbuu cimaa hojjete.

BARUMSA 25

Godoo Qulqullaaʼaa Waaqeffannaadhaaf Oolu

Saanduqni kakuu dunkaana addaa taʼe kana keessa taaʼa ture.

BARUMSA 26

Basaastota Kudha Lamaan

Iyyaasuu fi Kaaleb basaastota kurnan irraa adda turan.

BARUMSA 27

Yihowaa Irratti Mormii Kaasan

Qoraa, Daataan, Abiiramii fi namoonni 250 kan biraan Yihowaa ilaalchisee dhugaa barbaachisaa tokko utuu hin hubatin hafaniiru.

BARUMSA 28

Harreen Balaʼaam ni Dubbatte

Harree qaama Balaʼaamitti hin mulʼanne tokko argite.

BARUMSA 29

Yihowaan Iyyaasuu Filate

Qajeelfamni Waaqayyo Iyyaasuudhaaf kenne yeroo harʼaattis nu fayyada.

BARUMSA 30

Rahaab Basaastoota Dhoksite

Dallaan Yerikoo ni jige. Manni Rahaab inni dallichatti maxxanee ijaarame garuu hin jigne.

BARUMSA 31

Iyyaasuu fi Gibeʼonota

Iyyaasuun, “Yaa aduu . . . dhaabbadhu!” jedhee Yihowaa kadhate. Yihowaan deebii isaaf kenneeraa?

BARUMSA 32

Geggeessaa Haaraa fi Dubartoota Ija Jabeeyyii Lama

Iyyaasuun erga duʼee booda Israaʼelonni waaqayyolii sobaa waaqeffachuu jalqaban. Jireenyi ulfaata taʼus karaa Baaraaq, Dibooraa fi Yaaʼel gargaarsa argataniiru!

BARUMSA 33

Ruutii fi Naaʼomii

Dubartoonni lamaan abbootiin manaa isaanii irraa duʼan gara Israaʼelitti deebiʼan. Dubartoota sana keessaa tokko Ruut qaarmii funaannachuu kan deemte siʼa taʼu, yeroo kanatti Boʼaaz ishii arge.

BARUMSA 34

Giidewon Miidiyaanota ni Moʼe

Miidiyaanonni Israaʼelotatti jireenya yommuu hadheessan namoonni Yihowaa kadhatan. Namoonni Giidewon 300 loltoota diinaa 135,000 moʼuu kan dandaʼan akkamitti?

BARUMSA 35

Haannaan Ilma Argachuuf Kadhatte

Elqaanaan Haannaa, Peniinaa fi ijoollee wajjin waaqeffannaaf Shiiloo deema ture. Haannaanis ilma argachuuf kadhatte. Waggaa tokko boodas Saamuʼeliin ni deesse!

BARUMSA 36

Waadaa Yiftaan Gale

Yiftaan waadaa akkamii gale, maaliifi? Intalli Yiftaa waadaa abbaan ishii gale ilaalchisee maal jette?

BARUMSA 37

Yihowaan Saamuʼelitti Dubbate

Eelii lubni ol aanaan ilmaan godoo qulqulluu keessa tajaajilan lama qaba ture, taʼus isaan seera Waaqayyoof hin ajajaman turan. Saamuʼel mucichi isaan irraa adda ture. Yihowaanis isatti dubbate.

BARUMSA 38

Yihowaan Saamsoniif Humna Guddaa Kenne

Waaqayyo Saamson Filisxeemota akka waraanuuf humna guddaa isaaf kenne, yeroo Saamson murtoo dogoggoraa godhetti garuu Filisxeemonni isa qaban.

BARUMSA 39

Mootii Israaʼel Isa Jalqabaa

Waaqayyo Israaʼelota akka geggeessaniif abbootii murtii isaaniif kennee ture, isaan garuu mootii qabaachuu barbaadan. Saamuʼel, Saaʼol mootii isa jalqabaa akka taʼuuf isa dibe, booda garuu Yihowaan isa tuffate. Maaliifi?

BARUMSA 40

Daawitii fi Goliyaad

Yihowaan Daawit mootii Israaʼel isa itti aanu akka taʼe isa filate, Daawitis inni filatamuun isaa maaliif gaarii akka ture argisiiseera.

BARUMSA 41

Daawitii fi Saaʼol

Namoota kana keessaa inni tokko isa kaan kan jibbu maaliifi? Inni jibbame hoo amala akkamii argisiise?

BARUMSA 42

Yonaataan Isa Ija Jabeessaa fi Amanamaa

Ilmi mootichaa Daawitiif michuu gaarii taʼe.

BARUMSA 43

Cubbuu Daawit Mootichaa

Murtoon dogoggoraa rakkina hedduu geessisa.

BARUMSA 44

Mana Qulqullummaa Yihowaa

Yihowaan kadhannaa Solomoon Mootichi dhiheesse dhagaʼee mirgawwan guguddaa isaaf kenneera.

BARUMSA 45

Mootummaan Tokko ni Qoodame

Israaʼeloonni hedduun Yihowaa tajaajiluu dhaaban.

BARUMSA 46

Qorumsa Gaara Qarmeelos Irratti Geggeeffame

Waaqni dhugaa eenyu? Yihowaa moo Baʼaali dha?

BARUMSA 47

Yihowaan Eeliyaasiin ni Jabeesse

Siinis si jabeessuu akka dandaʼu sitti dhagaʼamaa?

BARUMSA 48

Ilmi Dubartii Abbaan Manaa Irraa Duʼe Tokkoo Duʼaa ni Kaʼe

Manuma tokko keessatti dinqii lama!

BARUMSA 49

Mootuu Hamtuun Tokko ni Adabamte

Iizaabel dhaaba wayinii isaa fudhachuuf nama Israaʼel Naabot jedhamu ajjeesisuuf itti malte! Hammeenyi ishii ija Yihowaa duraa hin dhokanne.

BARUMSA 50

Yihowaan Yoshaafaaxiin Oolche

Yoshaafaax inni mootii gaarii ture Yihudaan yommuu saboota diinota taʼaniin doorsifamu Yihowaatti kadhannaa dhiheesse.

BARUMSA 51

Loltuu Tokkoo fi Intala Xinnoo Tokko

Intalli durbaa Israaʼel tokko waaʼee humna Yihowaa isa guddaa giiftii ishiitti yommuu himtu, buʼaan isaa dinqisiisaa ture.

BARUMSA 52

Fardeenii fi Gaarii Fardaa Ibiddaa Yihowaa

Tajaajilaan Eelsaaʼi, ‘warri nuu wajjin jiran, warra isaanii wajjin jiran irra in caaluu’ isa jedhame arguu kan dandaʼe akkamitti?

BARUMSA 53

Ija Jabina Yehoyaadaa

Luboonni amanamoo taʼan mootii hamtuu irratti kaʼan.

BARUMSA 54

Yihowaan Yoonaasiif Obseera

Raajiin Waaqayyoo tokko qurxummiidhaan kan liqimfame akkamitti? Achi keessaa kan baʼe hoo akkamitti? Yihowaan barumsa akkamii isaaf kenne?

BARUMSA 55

Maleekaan Yihowaa Hisqiyaasiif Eegumsa Godhe

Diinonni Yihudaa Yihowaan saba isaa hin eegu jedhanii turan, garuu dogoggoranii turan!

BARUMSA 56

Yosiyaas Seera Waaqayyoo ni Jaallata Ture

Yosiyaas umurii isaa waggaa saddeetitti mootii taʼe, sabni isaa Yihowaa akka waaqeffatu gargaareera.

BARUMSA 57

Yihowaan Akka Lallabuuf Ermiyaasiin Erge

Wanti raajiin dargaggeessa taʼe kun dubbate jaarsoliin Yihudaa baayʼee akka aaran godhe.

BARUMSA 58

Yerusaalem ni Balleeffamte

Namoonni Yihudaa waaqolii sobaa waaqeffachuu isaanii waan itti fufaniif Yihowaan isaan dhiise.

BARUMSA 59

Dargaggoota Yihowaadhaaf Ajajaman Arfan

Dargaggoonni Yihudoota taʼan masaraa mootummaa Baabilon keessatti illee Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii jiraachuuf murteessanii turan.

BARUMSA 60

Mootummaa Bara Baraaf Jiraatu

Daaniʼel hiika abjuu Nebukadnezaar isa adda taʼe ibse.

BARUMSA 61

Isaan Gombifamanii hin Sagadne

Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoon siidaa mootii Baabilon warqii irraa hojjetameef gombifamanii hin sagadne.

BARUMSA 62

Mootummaa Akka Muka Guddaa Taʼe Tokko

Abjuun Nebukadnezaar wanta gara fuulduraatti isa mudatu kan dubbatu ture.

BARUMSA 63

Barreeffama Keenyan Irratti Mulʼate

Wanti iccitii taʼe kun kan mulʼate yoomi? Hiikni isaa hoo maali dha?

BARUMSA 64

Daaniʼel Boolla Leencotaa Keessatti Darbatame

Akkuma Daaniʼel gochaa ture atis guyyaa hundumaa gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessi!

BARUMSA 65

Asteer Saba Ishii Oolchite

Nama biyya ormaa taatus haalli ishii inni intala warra hin qabne taʼuudhaan dabarsite gara mootuu taʼutti jijjiirame.

BARUMSA 66

Izraan Seera Waaqayyoo Barsiise

Israaʼelonni erga Izraa dhagaʼanii booda Waaqayyoof waadaa adda taʼe galan.

BARUMSA 67

Dallaawwan Yerusaalem

Nahimiyaan diinonni isaan haleeluuf akka karoorfatan ni beeke. Inni kan hin sodaanne hoo maaliifi?

BARUMSA 68

Elsaabex Ilma Deesse

Abbaan manaa Elsaabex hamma mucichi dhalatutti dubbachuu akka hin dandeenye kan itti himame maaliifi?

BARUMSA 69

Gabriʼeel Maariyaam Bira Dhaqe

Ergaa jireenya ishii jijjiire itti hime.

BARUMSA 70

Maleekonni Yesuus Dhalachuu Isaa Beeksisan

Maleekonni beeksisicha dhagaʼan dafanii tarkaanfii fudhatan.

BARUMSA 71

Yihowaan Yesuusiif Eegumsa Godhe

Mootiin hamaa taʼe tokko Yesuusiin ajjeesuu barbaade.

BARUMSA 72

Yesuus Yeroo Ijoollee Turetti

Barsiisota mana qulqullummaa keessa turan kan ajaaʼibsiise akkamitti?

BARUMSA 73

Yohaannis Karicha Qopheesse

Yohaannis guddatee raajii taʼe. Dhufaatii Masiihichaa barsiise. Namoonni sun ergaa isaa yommuu dhagaʼan maal godhan?

BARUMSA 74

Yesuus Masiihicha Taʼe

Yohaannis, Yesuusiin Hoolaa Waaqayyoo yommuu jedhu maal jechuu isaa ture?

BARUMSA 75

Diyaabilos Yesuusiin Qore

Diyaabilos Yesuusiin siʼa sadii qore. Qorumsiwwan kun sadan maalfaʼi? Yesuus hoo deebii akkamii kenne?

BARUMSA 76

Yesuus Mana Qulqullummaa Qulqulleesse

Yesuus bineeldota mana qulqullummaa keessaa kan ariʼee fi minjaala namoota maallaqa jijjiiranii kan gaggaragalche maaliifi?

BARUMSA 77

Dubartii Boolla Bishaanii Bira Turte

Dubartiin Samaariyaa boolla bishaanii Yaaqoob bira turte Yesuus ishii wajjin dubbachuun isaa ishii dinqisiise. Maaliif? Yesuus wanta eenyutti illee hin himne ishiitti hime?

BARUMSA 78

Yesuus Ergaa Mootummichaa Lallabe

Yesuus barattoota isaa keessaa tokko tokko ‘namoota akkaqabaniif’ affeereera. Yeroo booda barattoota isaa keessaa namoota 70 leenjisee ergaa mootummichaa guutummaa Yihudaatti akka lallabaniif lama lama godhee isaan erge.

BARUMSA 79

Yesuus Dinqiiwwan Hedduu Raawwate

Bakka inni deemu hundatti namoonni dhukkubsatan gargaarsaaf gara isaa dhufu turan; innis hunda isaanii ni fayyisa ture. Intala xinnoo tokko illee duʼaa kaaseera

BARUMSA 80

Yesuus Ergamoota Kudha Lama Filate

Maaliif isaan filate? Maqaa isaanii ni yaadattaa?

BARUMSA 81

Lallaba Gaara Tokko Irratti Kenname

Yesuus namoota walitti qabamanii turan barumsa faayidaa guddaa qabu barsiise.

BARUMSA 82

Yesuus Akkamitti Akka Kadhatan Barattoota Isaa Barsiise

Yesuus waaʼee wantoota akkamii kadhachuu isaanii akka itti fufan barsiise?

BARUMSA 83

Yesuus Namoota Kumaan Lakkaaʼaman Nyaachise

Dinqiin kun waaʼee Yesuusii fi waaʼee Yihowaa maal nu barsiisa?

BARUMSA 84

Yesuus Bishaan Irra Deeme

Ergamoonni dinqii kana yommuu argaman maaltu akka isaanitti dhagaʼame tilmaamuu dandeessaa?

BARUMSA 85

Yesuus Guyyaa Sanbataatiin Fayyise

Wanta inni raawwatetti namoonni hundi kan hin gammanne maaliifi?

BARUMSA 86

Yesuus Alaazaariin Duʼaa Kaase

Yesuus Maariyaam yommuu boossu yommuu innis booʼuu jalqabe. Taʼus imimmaan isaanii utuma baayʼee hin turin gammachuutti jijjiirame.

BARUMSA 87

Irbaata Yesuus Yeroo Dhumaatiif Irratti Argame

Yesuus irbaata yeroo dhumaatiif irratti argame irratti ergamoota isaatiif qajeelfama barbaachisaa taʼe kenne.

BARUMSA 88

Yesuus ni Qabame

Yihudaan Yesuusiin qabuu akka dandaʼaniif namoota goraadee fi ulee qabatan dura buʼee iddoo biqiltuu Getesemaanee dhaqe.

BARUMSA 89

Pheexiros Yesuusiin Gane

Mooraa mana Qayyaafaa keessatti maaltu raawwatame? Manicha keessatti Yesuus irra maaltu gaʼe?

BARUMSA 90

Yesuus Golgootaatti Duʼe

Philaaxos Yesuus akka ajjeefamu kan ajaje maaliifi?

BARUMSA 91

Yesuus Duʼaa Kaafame

Yesuus erga ajjeefamee booda wantoota dinqisiisoo akkamiitu raawwatame?

BARUMSA 92

Yesuus Namoota Qurxummii Qabanitti Mulʼate

Yesuus xiyyeeffannaa isaanii argachuuf maal godhe?

BARUMSA 93

Yesuus Gara Samiitti Ol Deebiʼe

Haa taʼu malee, Yesuus deebiʼuu isaa dura barattoota isaatiif qajeelfama baayʼee barbaachisaa taʼe isaaniif kenneera.

BARUMSA 94

Barattoonni Hafuura Qulqulluu Fudhatan

Hafuurri qulqulluu dinqii akkamii akka raawwataniif humna isaaniif kenne?

BARUMSA 95

Eenyu Iyyuu Isaan Dhaabsisuu hin Dandeenye

Geggeessitoonni amantii Yesuusiin ajjeesaniiru, amma immoo barattoota isaa afaan qabsiisuuf yaalaa jiru. Haa taʼu malee, hin dandeenye.

BARUMSA 96

Yesuus Saaʼoliin Filate

Saaʼol diina Kiristiyaanotaa ture, booda garuu ni jijjiirame.

BARUMSA 97

Qorneelewos Hafuura Qulqulluu Fudhate

Waaqayyo Pheexirosiin gara mana nama Yihudii hin taʼin kanaatti maaliif erge?

BARUMSA 98

Kiristiyaanummaan Biyyoota Hedduutti Babalʼate

Phaawulosii fi namoonni isaa wajjin misiyoonota taʼanii tajaajilan biyyoota fagootti lallabuu jalqaban.

BARUMSA 99

Eegduun Mana Hidhaa Tokko Kiristiyaana Taʼe

Jinniin, kirkirri lafaa fi goraadeen seenaa kana keessatti kan ibsaman akkamitti?

BARUMSA 100

Phaawulosii fi Ximotewos

Namoonni kun akka michootaatti waliin hojjetaniiru, akkasumas waggoota hedduudhaaf hidhata walii taʼanii tajaajilaniiru.

BARUMSA 101

Phaawulos Roomaatti Ergame

Imalli sun balaadhaan kan guutame taʼus, rakkinni kam iyyuu ergamaa kana abdii hin kutachiisne.

BARUMSA 102

Mulʼata Yohaannis Arge

Yesuus mulʼatawwan walitti aanaanii fi waaʼee gara fuulduraa ibsan isaaf kenne.

BARUMSA 103

“Mootummaan Kee haa Dhufu”

Mulʼanni Yohaannis Mootummaan Waaqayyoo jireenya lafa irraa akkamitti akka jijjiiru argisiisa.