Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 59

Dargaggoota Yihowaadhaaf Ajajaman Arfan

Dargaggoota Yihowaadhaaf Ajajaman Arfan

Yommuu Nebukadnezaar bulchitoota Yihudaa gara Baabilonitti geessetti, abbaa taayitaa mana mootii Ashfenaaz jedhamu tokko itti gaafatamaa isaanii godhee muude. Nebukadnezaar dargaggoota caalaatti fayya buleeyyii fi qaxalee taʼan isaan gidduudhaa akka barbaadu Ashfenaazitti himee ture. Dargaggoonni kun waggaa sadiif leenjifamuu qabu. Leenjiin kunis Baabilon keessatti abbootii taayitaa iddoo guddaa qaban akka taʼan isaan qopheessa. Dargaggoonni kun qooqa Baabilon dubbisuu, barreessuu fi dubbachuu barachuu qabu turan. Kana malees, nyaata mootichii fi abbootiin taayitaa mana mootummaa isaa keessa jiran nyaatan tokko tokko akka nyaatan isaan irraa eegama ture. Dargaggoonni arfan kun Daaniʼel, Hanaaniyaa, Miishaaʼelii fi Azaariyaa dha. Ashfenaaz immoo Belxishaazaar, Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoo jedhee maqaa Baabilonotaa haaraa taʼe isaaniif moggaase. Garuu barumsi kun Yihowaa tajaajiluu akka dhiisan isaan godhee turee?

Dargaggoonni arfan kun Yihowaadhaaf ajajamuuf murteessanii turan. Seerri Yihowaa nyaata sana keessaa tokko tokko qulqulluu akka hin taane waan dubbatuuf, nyaata mootichaa nyaachuu akka hin qabne beeku turan. Kanaaf Ashfenaaziin, ‘Nyaata mootichaa akka nyaannu hin godhin’ jedhan. Ashfenaazis, ‘Yoo hin nyaattan taʼe mootichi yommuu isin argu dhukkubsatoo yoo fakkaattan na ajjeesa!’ jedhee itti hime.

Daaniʼel garuu yaada tokko dhiheessee ture. Eegduu isaaniitiin, ‘Maaloo guyyaa kudhaniif muduraa fi bishaan qofa nuu kenni. Achiis dargaggoota nyaata mootichaa nyaatanii wajjin wal bira qabii nu ilaali’ jedhe. Eegduun sunis tole jedhe.

Qorumsa guyyaa kudhanii booda, Daaniʼelii fi hiriyoonni isaa sadan dargaggoota kaan hunda caalaa qaama cimaa kan qaban taʼanii argaman. Yihowaan isaaf ajajamuu isaanitti gammadee ture. Daaniʼeliif ogummaa mulʼataa fi abjuu hubachuuf isa gargaaru illee isaaf kenneera.

Yommuu leenjiin isaanii xumuramu, Ashfenaaz dargaggoota sana Nebukadnezaar duratti dhiheesse. Mootichis isaanii wajjin ni haasaʼe; Daaniʼel, Hanaaniyaan, Miishaaʼelii fi Azaariyaa yommuu argu isaan dargaggoota sana hunda caalaa hubatoo fi dammaqoo taʼuu isaanii hubate. Mana mootummaa isaa keessatti akka hojjetaniif arfan isaanii iyyuu ni filate. Yeroo baayʼee mootichi dhimmoota iddoo guddaa qaban irratti gorsa isaan gaafata ture. Yihowaan ogeessotaa fi namoota mootichaa ayyaana hedan hunda caalaa ogeeyyii akka taʼan isaan godhee ture.

Daaniʼel, Hanaaniyaan, Miishaaʼelii fi Azaariyaan biyya ormaa kan jiraatan taʼus, saba Yihowaa taʼuu isaanii hin irraanfanne. Ati hoo yeroo warri kee si bira hin jirretti illee, yeroo hunda Yihowaa ni yaadattaa?

“Eenyu illee dargaggummaa kee akka tuffatu hin heyyamin. Kanaa mannaa warra amanamoo taʼaniif, dubbiidhaan, amalaan, jaalalaan, amantiidhaan, akkasumas qulqullummaadhaan fakkeenya taʼi.”—1 Ximotewos 4:12