Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hafuurota Hamoorraa Of Eegi

Hafuurota Hamoorraa Of Eegi

Hafuurota Hamoorraa Of Eegi

JAMSI, Odoolawwan Solomoon keessaa tokko kan taate, odoola Maaleetaa keessaa naannoo fagoo tokkotti guddate. Ijoollummaasaatii kaasee, hafuurotaaf ulfina kennuu akka qabu barateera. Akkas jedhe: “Hafuuronni namoota kaan akka miidhan tasumaa isaan kadhadhee hin beeku. Ta’uyyuu, wanta hamaarraa eegumsa argachuuf raaraafoonootti * utuu hin fayyadamin, jireenya gammachuu qabu jiraachuun ni danda’ama jedhee yaadee hin beekun ture.”

Akkuma namoota biyyoota hedduu keessatti argamanii, jiraattonni Odoolawwan Solomoonis hafuuronni nama tokko gargaaruu ykn miidhuu danda’u jedhanii amanu. Namoonni Maalaneeshiyaa baay’een, hafuurota nama gargaaru jedhaman ni jaallatu malee hin sodaatan.

Namoonni, amantii gocha hafuurotaarratti qaban karaa addaddaatiin ibsu. Fakkeenyaaf, yeroo Jamsi ijoollee turetti dubartoonni naannoo sanaa, sagalee simbira korokoroo jedhamtuu ennaa dhaga’an, ijoolleesaanii dafanii gara manaatti galchu turan. Maaliif? Iyyi simbira sanaa, nama tokkorra miidhaan ga’uuf akka jedhu argisiisa jedhanii waan amananiifi.

Jiraattonni tokko tokkommoo, mataa balbalasaaniirra dhagaa adii adda ta’e kaa’u. Jamsis, dhagaan sun hafuurota hamoorraa akka isa eegu waan amanuuf akkas godheera. Kana malees, Jamsi bakka hojiisaatti laaqana erga nyaatee booda, nyaata isarraa hafe hunda booddee gatuu akka danda’utti sassaabee korojootti qabata ture. Kana kan godhu, qaalluun tokko hurraa nyaataa sana argatee, itti moruudhaan miidhaa akka isarra hin geessisneef ture.

Gochawwan akkasii kun naannoo keetti kan hin beekamne yoo ta’anillee, atis akkuma Jamsi hafuurota hamoorraa eegumsa argachuuf duudhaawwan tokko tokko hordofuu akka qabdu sitti dhaga’ama ta’a. Aadaawwan akkasii hordofuun nageenya keetiif barbaachisaa akka ta’e ni amanta ta’a.

Macaafa Qulqulluutiif ulfina yoo qabaatte, gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii inni kennu beekuu akka barbaaddu homaa hin shakkisiisu: (1) Hafuuronni hamoon miidhaa akkamii sirraan geessisuu danda’u? (2) Duudhaawwan tokko tokko hordofuunkee, dhiibbaa hafuurota kanaatiif si saaxiluu danda’aa? (3) Miidhaa hafuurota hamoorraa eegumsa argachuufi gammachuudhaan jiraachuu kan dandeessu akkamitti?

Hafuuronni Hamoon Miidhaa Kan Geessisan Akkamitti?

Macaafni Qulqulluun, hafuuronni hamoon hafuurota warra du’anii akka hin taane ibsa. Dubbiin Waaqayyoo, “Warri jiran akka du’an beeku, warri du’an garuu waan tokko iyyuu hin beekan” jedha. (Lallaba 9:5) Hafuuronni hamoon, ergamoota, Seexanaa wajjin ta’anii ilmaan namootaa wallaalchisuu yaalanidha.—Mul’ata 12:9.

Caaffanni Qulqullaa’oon, miidhaa hafuuronni hamoon geessisanirraa ooluuf eegumsi Waaqayyoo akka nu barbaachisu ni dubbatu. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota Efesooniif akkas jechuudhaan barreesseera: “Nuyi namoota foon uffatanii wajjin wal’aansoo wal qabna miti; garuu . . . macca hafuurota hamminaa warra bantii waaqaa keessa jiraatanii wajjin wal’aansoo wal qabna.” Phexros ergamaan, bulchaa hafuurota hamoo hundaa kan ta’e Seexana, ‘leenca yeroo beela’utti aadaa naanna’uudhaan nama liqimsu barbaaduu’ wajjin wal fakkeessee ibseera.—Efesoon 6:12; 1 Phexros 5:8.

Seexanni, hunda caalaa miidhaa kan geessisu namoota wallaalchisuu, gowwoomsuu ykn wanta Waaqayyoon gaddisiisu akka raawwatan gochuudhaani. Macaafni Qulqulluun, Seexanni ‘ergamoota ifaa fakkaachuuf akka wallaalchifatu’ dubbata. (2 Qorontos 11:14) Akeeknisaa gadhee ta’ee utuu jiruu, hafuura nama eegu fakkaachuuf yaala. Seexanni, namoonni waa’eesaafi waa’ee Waaqayyoo dhugaasaa akka hin beekne yaadasaanii jaamsa. (2 Qorontos 4:4) Haata’u malee, namoota kan wallaalchisu maaliifi?

Seexanni waaqeffannaa argachuuf kan dharra’u si’a ta’u, namoonni beekaniis ta’e utuu hin beekin akka isa waaqeffatan barbaada. Ilma Waaqayyoo kan ta’e Yesusillee yeroo lafarra turetti, ‘lafa dha’ee akka isaaf sagadu’ barbaadee ture. Yesus garuu, “Seexana nana, argaa koo duraa turi! ‘Waaqayyo kee gooftichaaf jilbeenfattee sagadi! . . . ’ kan jedhu caafameera” jedheen. (Maatewos 4:9, 10) Yesus, wanta Seexanaaf waaqeffannaa dhiheessuusaa argisiisu tokkoyyuu hin goone.

Yihowaan hafuurota hunda caalaa humna guddaa waan qabuuf, namoota isaaf ajajamanirra miidhaan barabaraa akka ga’u hin heyyamu. (Faarfannaa 83:18; Roomaa 16:20) Akkuma Yesus Yihowaa gammachiisuu yoo barbaanne garuu, karaa kamiiniyyuu Seexanaafis ta’e hafuurota hamoodhaaf bitamuu hin qabnu. Isaaniif bitamuurraa of qusachuufimmoo, duudhaawwan macca hafuurota hamoodhaaf ulfina akka laannu godhan addaan baasnee beekuu qabna. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti?

Aadaawwan Waaqayyoon Gaddisiisan Hubadhu

Yihowaan, Israa’eloonni sabasaa turan, gochawwan aadaa saba naannoosaanii tokko tokko duukaa akka hin buune isaan akeekkachiiseera. Akkas isaaniin jedhe: “Namni hooda dubbatu, namni duumessa ilaalee ayyaana hedu, beekaan, namni qoricha namatti godhus tokko illee si keessatti hin argamin! Namni nama dawweessu, . . . si keessatti hin argamin.” Namoota barsiifata akkasii hordofaa turan ilaalchisee Macaafni Qulqulluun, “Eenyu illee kana yoo godhe Waaqayyo duratti ciigga’amaa in ta’a” jedha.—Keessa Deebii 18:10-12.

Kanaafuu, waa’ee aadaawwan naannookeetti beekamanii yommuu yaaddu, gaaffiiwwan armaan gadii of gaafadhu: Aadaan kun ayyaana hedachuu kan jajjabeessudhaa? Wantoota lubbuu hin qabneen eegumsa argachuun akka danda’amu ibsaa? Dawweessaa namatti gochuufi isarraa eegumsa argachuu wajjin walitti dhufeenya qabaa? Yihowaa ykn bakka bu’aasaa kan ta’e Yesusiif bitamuu mannaa, hafuurota kaaniif akkan bitamu kan godhudhaa?—Roomaa 14:11; Filiphisiiyus 2:9, 10.

Aadaa gochawwan akkasii akka raawwattu si jajjabeessurraa fagaachuunkee baay’ee barbaachisaadha. Maaliif? Phaawulos ergamaan hafuuraan geggeeffamee, “Maaddii gooftaa irraa akkasumas maaddii hafuurota hamootaa irraa hirmaachuu hin dandeessan” jechuudhaan barreesseera. Namoonni Waaqayyoofi hafuurota kaan ergaan takkaa gammachiisuu barbaadan, Yihowaa ‘akka hinaafsisan’ ibseera. (1 Qorontos 10:20-22) Yihowaan isa qofa akka waaqeffannu barbaada; kunis isaaf ta’a.—Ba’uu 20:4, 5.

Gaaffii kanas ilaali: Aadaan sun, namni tokko waan raawwatetti itti hin gaafatamu yaada jedhu kan dabarsudhaa? Fakkeenyaaf, ejjiifi gaa’ela dura saalqunnamtii raawwachuun hawaasa baay’ee keessatti waan jibbamudha; Macaafni Qulqulluunis kana ni balaaleffata. (1 Qorontos 6:9, 10) Haata’u malee, aadaawwan naannoo Paasifiik tokko tokko keessatti, durbi tokko utuu hin beekin raateffamtee saalqunnamtii akka raawwatte yoo dubbatte, gocha sanaaf balaaleffatamuu dhiisuu dandeessi.

Macaafni Qulqulluun garuu, wanta raawwanneef akka itti gaafatamnu barsiisa. (Roomaa 14:12; Galaatiyaa 6:7) Fakkeenyaaf, dubartii jalqabaa kan taate Hewwaan, “Bofichi na sossobnaanan nyaadhe” jechuudhaan, Waaqayyoof kan hin ajajamne Seexanni waan ishee dirqisiiseef akka ta’e itti dhaga’amee ture. Yihowaan garuu, Hewwaaniin gochasheetiif isheetti faradeera. (Uumama 3:13, 16, 19) Nuyis amalaafi gocha keenyaaf isa biratti itti gaafatamna.—Ibroota 4:13.

Maal Gochuu Qabda?

Waaqayyoon gammachiisuufi seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluutiin jiraachuu kan barbaaddu yoo ta’e, tarkaanfii guddaa fudhachuu qabda. Namoonni garaa qajeelaa qabaniif, jaarraa jalqabaatti Efesoon keessa turan karaa kanaan fakkeenya gaarii ta’u. Dhiibbaa hafuurota hamoorraa walaba ta’uuf, kitaabotasaanii warra gocha hafuura xuraa’ummaa wajjin walitti dhufeenya qaban walitti guuranii “fuula hunduma isaanii duratti guban.”—Hojii Ergamootaa 19:19.

Namoonni kun kitaabota kana gubuusaanii dura, “dhufanii, cubbuu isaanii mul’inatti himatanii, waan hojjechaa turan beeksisan.” (Hojii Ergamootaa 19:18) Barumsa Phaawulos waa’ee Kiristos isaan barsiiseen garaansaanii waan tuqameef, kitaabota hafuura xuraa’ummaa wajjin wal qabatan sana balleessuuf qofa utuu hin ta’in, ilaalcha gochawwan aadaasaaniitiif qaban jijjiiruufis kaka’aniiru.

Dhugaadha, gochawwan aadaarraa fagaachuun salphaa ta’uu dhiisuu danda’a. Jamsi inni jalqabarratti ibsame, rakkinni akkasii isa mudatee ture. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kan jalqabe yommuu ta’u, wanti barates isa gammachiiseera. Ta’us, raaraafoonoo raawwachuusaa itti fufee ture. Gochawwan kana ilaalchisee wanta isatti dhaga’amu yommuu gamaaggamu, abdiiwwan gara fuulduraa Yihowaan kennetti kan amanu ta’us, ammaaf garuu miidhaarraa eegumsa argachuuf, gochawwan aadaa raawwachuun akka isa barbaachisu itti dhaga’ama ture.

Jamsi ilaalchasaa akka jijjiiru kan isa gargaare maalidha? Akkas jedha: “Yihowaan eegumsa akka naa godhuufi isatti amanamuuf akka na gargaarun isa kadhadhe. Yeruma sanas gochawwan aadaa raawwachuu nan dhiise.” Miidhaan isarra ga’e jiraa? Jamsi, “Hin jiru” erga jedhee booda, “Yihowaatti amanamuu baradheera. Yihowaan akka michuutti akka namatti dhihaatu argeera” jedheera. Jamsi, warri kaan wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu akka beekan gargaaruudhaan, waggoota torbaaf tajaajilaa yeroo guutuu ta’ee hojjeteera.

Fakkeenya Jamsi maaliif hin hordoftu? Aadaawwan naannoo keetti beekaman qori. Achiis, ‘hubannaa keetti,’ [NW] fayyadamiitii aadaan kun ‘jaalala Waaqayyoo’ wajjin kan walsimu ta’uufi dhiisuusaa murteessi. (Roomaa 12:1, 2) Sana booda, gochawwan aadaa gadhee wajjin wal qabatanirraa fagaachuuf ija jabina qabaadhu. Kana yoo goote, ‘Yihowaan akka si simatuufi’ akka si eegu mirkanaa’aa ta’uu dandeessa. (2 Qorontos 6:16-18) Akkuma Jamsi, abdiin Macaafa Qulqulluu inni, “Maqaan [“Yihowaa,” NW] gimbii jabaa dha, namni qajeelaan gara isaatti baqatee in oola” jedhu dhugaa ta’uusaa ni argita.—Fakkeenya 18:10.

[Miiljaleewwan]

^ key. 2 Raaraafoonoon, gochawwan aadaa eegumsa hafuurotaa namaaf argamsiisu jedhamanii amanamanidha.

[Fakkii fuula 13rra jiru]

“Korokoroo”

[Madda]

Courtesy of Dr. Bakshi Jehangir

[Fakkii fuula 13rra jiru]

Intalli tokko qaalluun akka itti hin moorreef jecha hurraa nyaataa yommuu funaantu