MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Hagayya 2015

Barruun kun mata dureewwan qayyabannaa Fulbaana 28 hanga Onkoloolessa 25, 2015tti qayyabataman qabateera.

SEENAA JIREENYAA

“Biyyi Bishaan Keessaa Warri Baayʼeen Haa Gammadan!”

Seenaa Jeefrii Jaaksan isa miseensa Qaama Ol Aanaa taʼee tajaajilaa jiruu dubbisi.

Jaalala Yihowaa Isa Hin Badne Irratti Xiinxalaa

Yihowaan yeroo rakkisaa taʼettis sii wajjin akka taʼu mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeessu akkamitti?

Eeggachuu Keessan Itti Fufaa!

Keessumaa yeroo sirna dhumaa kana ilaalchisee sababii dammaqoo taʼuuf nu kakaasu lama qabna.

Jireenya Addunyaa Haaraatiif Ammuma Qophaaʼaa

Haalli saba Waaqayyoo haala namoota jireenyaaf gara biyya kan biraa deemanii wajjin wal fakkaata.

Hiriyummaa Guyyoota Dhumaa Kanatti Namootaa Wajjin Qabdan Irratti Of Eeggadhaa

Hiriyoota jechuun namoota wajjin yeroo dabarsitan qofa miti.

Yoʼanaa Irraa Maal Baranna?

Yesus duukaa buʼuuf jireenya ishee irratti jijjiirama akkamii gochuutu ishee barbaachise?

KUUSAA KEENYA KEESSAA

“Yihowaan Gara Faransaay Kan Isin Fide Dhugaa Akka Dhageessaniifi”

Walii galteen bara 1919tti Faransaayii fi Poolaandi gidduu godhame wanta hin eegamne geessiseera.