Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Cidhawwan Waaqayyoofi Nama Biratti Ulfina Qaban

Cidhawwan Waaqayyoofi Nama Biratti Ulfina Qaban

Cidhawwan Waaqayyoofi Nama Biratti Ulfina Qaban

“Mandara Qaanaatti cidhi tokko ture; . . . Yesusii fi bartoonni isaa cidhichatti waamamanii turan.”—YOHANNIS 2:1, 2.

1. Wanta Yesus Qaanaatti raawwaterraa maal hubanna?

 YESUS, haatisaafi bartoonnisaa tokko tokko, cidhi kabajamaan sabni Waaqayyoo godhatan gammachuu akka argamsiisu beeku turan. Sirumayyuu Yesus cidha tokkorratti dinqiisaa isa jalqabaa raawwachuudhaan, cidhi sun caalaatti gammachiisaa akka ta’u godheera. (Yohannis 2:1-11) Cidha Kiristiyaanota wal fuudhanii gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluu barbaadaniirratti argamtee gammaddeetta ta’a. Tariimmoo ofii keetiif cidha akkasii godhachuu ykn michuunkee tokko cidha gaarii akka godhatu gargaaruu barbaadda ta’a. Cidha gaarii godhachuuf maaltu gargaaruu danda’a?

2. Cidha ilaalchisee Macaafni Qulqulluun odeeffannoo akkamii qabateera?

2 Kiristiyaanonni, dhiirriifi durbi tokko yommuu wal fuudhan gorsa Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuurasaatiin barreeffame hordofuun faayidaa akka qabu hubataniiru. (2 Ximotewos 3:16, 17) Macaafni Qulqulluun cidhi Kiristiyaanotaa kan akkasii ta’uu qaba jedhee kallattiidhaan seera akka hin baasne beekamaadha. Aadaaniifi wanti seerri namarraa barbaadu akka naannoosaafi akka yeroosaatti garaa gara waan ta’eef kana gochuu dhiisuunsaa sirriidha. Fakkeenyaaf, Israa’el durii keessatti sirni cidhaa beekamaa ta’e hin jiru ture. Gaafuma cidhaa misirrichi misirroosaa gara manasaatti ykn mana abbaasaatti fudhatee gala. (Uumama 24:67; Isaayaas 61:10; Maatewos 1:24) Tarkaanfiin ifatti mul’atu akkasii kun, akka cidha yeroo ammaa sirni adda addaa kan irratti raawwatamuu ta’uu baatuyyuu akka cidhaatti ilaalama.

3. Yesus Qaanaa keessatti maalirratti gumaacha godhe?

3 Israa’eloonni gocha kana akka gaa’ela godhachuutti ykn akka cidhaatti fudhatu turan. Tarii sanaan booda akka Yohannis 2:1⁠rratti ibsametti waamicha qopheessu ta’a. Macaafni Qulqulluu hedduun caqasa kana: “Qaanaa keessa cidhatu ture” jedhanii hiiku. Inni afaan isa jalqabaatiin hiikame garuu, “waamicha gaa’elaa” ykn “afeerrii cidhaa” jechuudhaan akka gaariitti kaa’eera. a (Maatewos 22:2-10; 25:10; Luqaas 14:8) Seenaansaa, Yesus qophii cidha nama Yihudii tokkorratti akka argameefi gammachuu namootaatiif gumaacha godhee akka ture ibsa. Haata’u malee, wanti bara sanatti gaa’ela ijaaruuf godhamu wanta yeroo ammaa baramerraa addadha.

4. Kiristiyaanonni tokko tokko cidha akkamii godhachuuf filatu? Maaliif?

4 Yeroo har’aa biyyoota hedduutti Kiristiyaanonni gaa’ela godhachuu barbaadan ulaagaa seerri irraa eegu guutuu qabu. Takkaa erga kana godhanii booda, karaa seeraan fudhatama qabu tokkoon wal fuudhu. Kunis, sirna salphaa abbaa seeraatiin, bulchaa magaalaa tokkoon ykn tajaajilaa amantii kana gochuuf mootummaan aangoo kenneef tokkoon geggeeffamuun raawwatama. Obboloonni tokko tokkommoo firoottan tokko tokkoofi obboloonni Kiristiyaanaa hiriyootasaanii ta’an qofti ragaa akka ta’an ykn gammachuusaaniirratti akka hirmaatan afeeruudhaan wal fuudhuuf filatu. (Ermiyaas 33:11; Yohannis 3:29) Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanonni kaanimmoo cidha ykn afeerrii guddaa karooraafi baasii hedduu gaafatu qopheessuu hin barbaadan. Kanaa mannaa nyaata xinnoo qopheessanii michoota isaanitti dhihaatan qofa afeeru ta’a. Filannoon keenya maaliyyuu yoo ta’e, Kiristiyaanonni muuxannoo qaban kaan ilaalcha nurraa adda ta’e qabaachuu akka danda’an hubachuu qabna.—Roomaa 14:3, 4.

5. Kiristiyaanonni baay’een yeroo wal fuudhan haasawaan cidhaa akka kennamuuf kan barbaadan maaliifi? Kun maal argisiisa?

5 Kiristiyaanonni baay’een cidhasaaniirratti haasawaan Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e akka kennamu barbaadu. b Gaa’ela kan hundeesse Yihowaa akka ta’eefi gaa’elli milkaa’aafi gammachiisaa akka ta’uufimmoo Macaafa Qulqulluu keessatti gorsa gaarii akka kenne beeku. (Uumama 2:22-24; Maarqos 10:6-9; Efesoon 5:22-33) Kiristiyaanonni baay’een, qophii gammachiisaa kanarratti obboloonniifi firoottansaanii akka hirmaatan godhu. Haata’u malee, nuyi ulaagaa seerri nurraa barbaadu, sirnaafi aadaa ilaalchisee garaa garummaa jiru akkamitti ilaalla? Matadureen kun haala adda addaa naannoowwan gara garaa keessa jiru qorata. Kanneen keessaa tokko tokko wanta ati beekturraa ykn wanta naannookeetti godhamurraa baay’ee adda ta’uu danda’a. Kan ta’es ta’u, seerawwan bu’uuraa ykn haalawwan tajaajiltoota Yihowaatiif barbaachisaa ta’an tokko tokko ilaali.

Gaa’elli Ulfina Qabeessa Ta’e Isa Ulaagaa Seeraa Guutudha

6, 7. Gaa’elli ulaagaalee seeraa kan guute ta’uunsaa nu yaaddessuu kan qabu maaliifi? Kanahoo akkamitti argisiisuu dandeenya?

6 Gaa’ela kan hundeesse Yihowaa ta’uyyuu, mootummoonni ilmaan namootaas wanta warri wal fuudhan raawwatan ilaalchisee waan tokko tokko to’achuuf aangoo qabu. Kunis sirriidha. Yesus: “Mootichaaf, kan fudhachuun isaaf ta’u kennaa, Waaqayyoofis kan fudhachuun isaaf ta’u kennaa!” jedheera. (Maarqos 12:17) Haaluma wal fakkaatuun Phaawulosis akkas jechuudhaan ajajeera: “Namni hundinuu warra biyya bulchuudhaaf aboo qabaniif haa abboomamu! Fedha Waaqayyoo malee aboo qabachuun hin danda’amu; warra aboo qabatanis Waaqayyotu achi isaan dhaabe.”—Roomaa 13:1; Tiitos 3:1.

7 Biyyoota baay’eetti mootummoonni, namni gaa’elaaf karaa seeraa ga’eessa ta’e eenyu akka ta’e ni murteessu. Kanaafuu, Kiristiyaanonni akka Macaafa Qulqulluutti gaa’ela godhachuuf walaba ta’an, wanta seerri isaanirraa barbaadu ni raawwatu. Kunis, waraqaa ragaa baafachuu, bakka bu’aa mootummaa biyyattiitiin heyyama argateen akka geggeeffamu gochuufi gaa’ela hundeeffame sana galmeessisuu kan dabalatu ta’uu danda’a. Awugusxos mootichi namoonni hundi “akka caafaman” yommuu ajaju, Maariyaamiifi Yoseef abboommiisaa fudhachuudhaan “caafamuudhaaf” gara Betlihem dhaqaniiru.—Luqaas 2:1-5.

8. Gaa’elli hammam cimsamee ilaalamuu qaba? Dhugaa Baatonni Yihowaa kana hubachuusaanii kan argisiisu gocha isa kamidha?

8 Kiristiyaanonni lama karaa seeraafi karaa beekamaa ta’een yeroo wal fuudhan, itti gaafatamummaan Waaqayyo biratti waliif qaban cimaa ta’a. Kanaan kan ka’e Dhugaa Baatonni Yihowaa sirnawwan seeraa adda addaa raawwachuudhaan gaa’elasaanii irra hin deebi’an. Yookiinimmoo waggaa 25⁠ffaa ykn 50⁠ffaasaanii yommuu kabajan wareega gaa’elaasaanii hin haaromsan. (Maatewos 5:37) (Manneen sagadaa tokko tokko, qophii gaa’elaarratti lubni ykn geggeessaan amantii tokko sirna amantiitiin qophii sana yoo geggeesse malee fudhatama hin qabu jechuudhaan, gaa’elli karaa seeraatiin raawwatame sirrii miti jedhu.) Biyyoota hedduutti mootummaan, tajaajilaan Dhugaa Baatota Yihowaa tokko seera gaa’elaa akka geggeessu bakka buusa. Kun kan danda’amu yoo ta’e, Galma Mootummaa keessatti haasawaa cidhaa dhiheessuudhaan saganticha geggeessa. Galmi Mootummaa bakka waaqeffattoonni dhugaa walitti qabamaniifi qophii Yihowaan hundeesse kana ilaalchisee haasawaan itti kennamudha.

9. (a) Cidha karaa seera mootummaatiin geggeeffamu ilaalchisee warri wal fuudhan maal gochuuf murteessuu danda’u? (b) Karoorawwan gaa’elaarratti jaarsoliin gahee qabaachuu kan danda’an akkamitti?

9 Biyyoota kan biraattimmoo warri wal fuudhan waajjira mootummaa, jechuunis galma magaalaa keessatti akka wal fuudhan seerri isaan gaafata. Yeroo baay’ee Kiristiyaanonni wanta seerri gaafatu sana gochuudhaan gaafuma sana ykn borumtaasaatti haasawaa cidhaa godhatu. (Ija Waaqayyoo, namootaafi gumii Kiristiyaanaa duratti kan wal fuudhan waan ta’aniif, sirni gaa’elaa erga geggeeffame booda haasawaan cidhaa utuu hin godhamin guyyaa baay’een akka darbu hin barbaadan.) Obboloonni akka seeraatti wal fuudhaniifi haasawaan cidhasaanii Galma Mootummaatti akka kennamuuf barbaadan, dursanii jaarsolii Koree Tajaajilaa Gumii ta’an heyyama gaafachuu qabu. Ilaaltonni olaanaa kun, warri wal fuudhan maqaa gaariidhaan kan beekaman ta’uusaanii qofa utuu hin ta’in, sa’aatii haasawaan cidhaa isaanii kennamutti walga’iin gumii ykn sagantaan dursee karoorfame kan biraa kan hin jiraanne ta’uusaa mirkaneessuu qabu. (1 Qorontos 14:33, 40) Kana malees, misirroonni lamaan galmicha akka cidhasaanitiif ta’utti qopheessuu yoo barbaadan jaarsoliin kun gaaffiisaanii kana ni ilaalu; akkasumas akka isaan itti fayyadaman beeksisa himuun yoo isaan barbaachise murteessuu qabu.

10. Karaa sirna seeraatiin wal fuudhuun dirqama ta’uunsaa haasawaa cidhaarratti dhiibbaa maalii geessisa?

10 Jaarsoliin haasawaa cidhaa dhiheessan, karaa jaalala qabeessa ta’een, karaa hafuuraa kan nama jajjabeessuufi ulfina qabeessa gochuudhaan dhiheessuu qabu. Cidhichi akka sirna seeraatti raawwatameera yoo ta’e, obboleessi haasawaa dhiheessu obboloonni kun karaa seeraatiin wal fuudhanii akka jiran ibsa. Yeroo akka seerichaatti wal fuudhanitti waliif hin wareegne taanaan, haasawicharratti walii wareeguu barbaadu ta’a. c Sirni karaa seeraa sun wareegama kan dabalatu yoo ta’eefi warri wal fuudhanimmoo Yihowaafi gumii duratti walii wareeguu yoo barbaadan, yeroo darbetti ‘walitti hidhamuusaanii’ karaa argisiisuun irra deebi’u.—Maatewos 19:6; 22:21.

11. Naannoowwan tokko tokkotti namoonni kan wal fuudhan akkamitti? Kunoo haasawaa cidhaarratti dhiibbaa maalii qaba?

11 Naannoowwan muraasattimmoo warri wal fuudhan sirna waajjiroota mootummaatti geggeeffamu dabalatee sirna akkamiiyyuu akka godhatan irraa hin eegu. Gaa’ellisaanii kan beekamu, foormii gaa’elaa irratti mallatteeffame gara biiroo mootummaatti yommuu fudhatanidha. Yeroo sanatti waraqaan ragaa gaa’elaa galmeeffama. Karaa kanaan guyyaan sun akka guyyaa cidhaatti fudhatamee, namoonni lamaan akka abbaa manaafi haadha manaatti ilaalamu. Akka armaan olitti ibsametti, lamaansaanii erga gaa’elasaanii galmeessisanii booda, yeruma sana Galma Mootummaatti haasawaan Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e akka kennamuuf barbaadu ta’a. Obboleessi karaa hafuuraa cimaa ta’eefi haasawicha kennuuf filatame, haasawicha dura seeraan galmeeffamanii waan turaniif lamaansaanii haadha manaafi abbaa manaa akka ta’an namoota achitti argamaniif ifa godha. Akka keeyyata 10fi miiljaleesaatti wareegni ni godhama. Warri Galma Mootummaatti argaman hundi warra wal fuudhanii wajjin ni gammadu; haasawaa Macaafa Qulqulluurraa kennameenis ni fayyadamu.—Weedduu 3:11.

Gaa’ela Aadaafi Seeraan Galmeeffamuudhaan Raawwatamu

12. Gaa’elli barame kan akkamiiti? Gaa’ela akkasii booda maal gochuutu sirriidha?

12 Biyyoota tokko tokkotti warri lamaan gaa’ellisaanii akka aadaatti ykn gosa sanaan barametti akka geggeeffamu godhu. Gaa’elli akkasii kun gaa’ela namoonni lama utuma wal hin fuudhin waliin jiraatanirraa addadha; yookiinimmoo gaa’ela naannoowwan tokko tokkotti akka seera qabeessaatti ilaalamuufi guutummaatti seera qabeessa hin taanes kan argisiisu miti. d Kan dubbachaa jirru, waa’ee gaa’ela akka aadaa saba ykn naannoo tokkotti beekameeti. Kunis kennaa kan dabalatu si’a ta’u, akkasitti karaa seeraas ta’e akka Caaffanni Qulqulluun jedhutti haadha manaafi abbaa manaa ta’u. Gaa’elli akka aadaatti hundeeffame akkasii kun mootummaa biratti bakka guddaa kan qabu, seera qabeessaafi cimaa godhamee ilaalama. Kanaafuu, gaa’ela karaa aadaatiin ijaaramu galmeessisuun ni danda’ama; yeroo kanatti warri wal fuudhan waajjira mootummaarraa waraqaa ragaa argachuu danda’u. Galmeeffamuun, warra wal fuudhaniifis ta’e yoo abbaan manaa du’emmoo haadha manaafi ijoollee gara fuulduraatti dhalatan hundumaaf eegumsa ta’a. Obboloonni akka aadaatti wal fuudhan gaa’elasaanii akka galmeessisan gumiidhaa gorsi kennamuufi qaba. Seera Musee jalatti gaa’elliifi namni dhalate galmeeffamaa kan ture fakkaata.

13. Karaa baramaa ta’een gaa’ela erga godhatanii booda, haasawaa cidhaa ilaalchisee maal gochuutu sirriidha?

13 Warri akka sirna aadaa kanaatti wal fuudhan akka abbaa manaafi haadha manaatti lakkaa’amu. Akkuma asii olitti ibsame, Kiristiyaanonni akka seerri gaafatutti gaa’ela godhatan, haasawaan cidhaafi wareegamni Galma Mootummaatti akka godhamu barbaadu ta’a. Yoo kun ta’e, inni haasawaa dhiheessu namoonni lamaan karaa seeraatiin dursanii akka wal fuudhan dubbata. Haasawicha qofatu achitti dhihaata. Yoo akkas ta’e, gaa’ela karaa aadaa raawwatameefi seeraan fudhatama argate tokko, akkasumas haasawaan Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e tokko, jechuunis gaa’ela tokko qofatu ta’e jechuudha. Sirnoota lamaan kana hamma danda’ame guyyuma tokkoon raawwachuun, gaa’elli Kiristiyaanotaa hawaasa gidduutti ulfina kan qabu gochuuf gargaara.

14. Gaa’elli karaa aadaas ta’e karaa seeraa raawwatamu fudhatama kan qabu yoo ta’e Kiristiyaanni tokko maal gochuu qaba?

14 Biyyoota gaa’elli aadaadhaan raawwatamu seera qabeessa ta’e tokko tokkotti, akka seera mootummaattis cidhasaanii akka geggeessan qophiin godhame jira. Gaa’elli karaa seeraa godhamu, waajjiroota mootummaa duratti godhama; kunis waliif wareeguufi waraqaa ragaarratti mallatteessuu dabalachuu danda’a. Kiristiyaanonni tokko tokko gaa’ela karaa addaatiin raawwatamurra isa karaa seeraa raawwatamu filatu. Lamaansaaniirraayyuu wanti seeraan gaafatamu hin jiru. Haasawaafi wareegama cidhaa ilaalchisee wanti keeyyata 9fi 10⁠rratti jedhame asirrattis ni hojjeta. Wanti guddaan namoonni lamaan karaa Waaqayyoofi nama duratti ulfina argamsiisuun wal fuudhuusaaniiti.—Luqaas 20:25; 1 Phexros 2:13, 14.

Wal Kabajaa

15, 16. Ulfinni gaa’ela keessatti bakka guddaa qabaachuu kan qabu akkamitti?

15 Gaa’ela mootii Faares tokko keessatti rakkinni yeroo uumametti, gorsituunsaa inni hangafni Memukaan jedhamu gorsa bu’a qabeessa, ‘dubartoonni hundinuu dhirsoota isaaniitiif ulfina akka kennan’ godhu kennee ture. (Asteer 1:20) Gaa’ela Kiristiyaanotaa keessatti garuu gorsi akkasii mootii ilmaan namootaatiin kennamuun isa hin barbaachisu; dubartoonni abbootii manaasaanii kabajuu ni barbaadu. Akkasumas abbootiin manaa Kiristiyaana ta’an haadhotii manaasaanii ni kabaju, isaan jajus. (Fakkeenya 31:11, 30; 1 Phexros 3:7) Gaa’ela keenya kabajuun wanta waggoota booda haa ta’u jedhamee bira darbamu ta’uu hin qabu. Jalqabumaa kaasee jechuunis guyyaa cidhaa sanaa kaasee argisiifamuu qaba.

16 Guyyaa gaa’elaa sana kabaja argisiisuu kan qaban abbaa manaafi haadha manaa qofa miti. Jaarsa gumiitu haasawaa kenna yoo ta’e, haasawaan sun ulfina qabeessa ta’uu qaba. Haasawichi warra wal fuudhaniif kan dhihaatu ta’uu qaba. Akkasumas warra wal fuudhan kan kabajchiisu ta’uu waan qabuuf, jechoonni qoosaa kabaja hin qabne dubbatamuu hin qaban. Obboleessi kun ilaalcha garmalee kan dhuunfaasaa ta’eefi warra wal fuudhanis ta’e keessummoota qaanessuu danda’u dubbachuu hin qabu. Kanaa mannaa, Hundeessaa gaa’elaafi gorsasaa isa guddaarratti xiyyeeffachuudhaan, jaalala qabeessaafi kan nama jajjabeessu ta’uuf carraaquu qaba. Eeyyee, jaarsoliin karaa ulfina qabuun haasawaa cidhaa dhiheessan, gaa’elichi Yihowaadhaaf ulfina kan fidu akka ta’u godhu.

17. Gaa’elli Kiristiyaanotaa seera mootummaa guutuu kan qabu maaliifi?

17 Mataduree kana keessatti seera gaa’elaa ilaalchisee qabxiiwwan baay’ee hubachuu hin ooltu. Haalli tokko tokko kallattiidhaan naannoo keetiif hin hojjetu ta’a. Ta’uyyuu, hundi keenya qophiiwwan gaa’elaa Kiristiyaanotaa seera naannoo sanaa, ulaagaa mootummaan gaafatu guutuunsaa hammam barbaachisaa akka ta’e hubachuu qabna. (Luqaas 20:25) Phaawulos akkas jechuudhaan nu gorseera: “Egaa hundumaaf waan isaan isin irraa argachuuf malan, baasaaf; isa gibirri isaaf ta’uuf gibira, isa qaraxi isaaf ta’uuf qaraxa, . . . isa ulfinni isaaf ta’uuf ulfina kennaaf!” (Roomaa 13:7) Eeyyee, Kiristiyaanonni guyyaa cidhaa sanaa kaasee qophii Waaqayyo yeroodhaaf kaa’eef ulfina argisiisuu qabu.

18. Bifa cidhaa kan biraa isa kamiif xiyyeeffannaa kennuun barbaachisa? Dhimma kana ilaalchisee eessaa odeeffannoo argachuu dandeenya?

18 Cidhi Kiristiyaanotaa hedduun waamicha qaba. Yesus cidha akkasiirratti argamuuf filatee akka ture yaadadhu. Qophiin akkasii yoo jiraate, innis Waaqayyoof ulfina kan fiduufi misirroota reefu wal fuudhaniifi gumii Kiristiyaanaa kan kabajchiisu akka ta’u gochuuf, gorsi Macaafa Qulqulluu kan nu gargaaru akkamitti? Mataduree ittaanurratti waa’ee dhimma kanaa ilaalla. e

[Miiljaleewwan]

a Caqasni kun afaan jalqaba ittiin berreeffameen waamicha gaa’elaa wajjin walitti dhufeenya hin qabne argisiisuufis itti hojjetameera.—Asteer 9:22.

b Dhugaa Baatonni Yihowaa, haasawaan gaa’elaa daqiiqaa 30 fudhatuufi matadureensaa, “Gaa’ela Waaqayyoo Duratti Ulfina Qabu” jedhutti fayyadamu. Haasawaan kun, gorsa Macaafa Qulqulluu kitaaba “Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti? jedhamuufi barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaa kan biraarratti argamu caqasa. Barumsi kun warra wal fuudhan lamaaniifis ta’e namoota cidhasaaniirratti argaman hunda ni fayyada.

c Seerri biyyichaa wanta biraa kan gaafatu yoo ta’uu baate wareegni kanaa gadi jiruufi Waaqayyoof ulfina fidu ni godhama. Misirroon dhiiraa akkas jedha: “Ani [maqaasaa] lamaan keenyayyuu sirna gaa’elaa Waaqayyo baase jalatti lafa kanarra hamma waliin jiraannetti, seera Waaqayyo Caaffata Qulqullaa’aarratti abbootii manaa Kiristiyaana ta’aniif baase hordofuudhaan, siin [maqaashee] si jaallachuufi si kunuunsuuf haadha manaakoo godhee si fudhadheera.” Misirroon durbaa akkas jetti: “Ani [maqaashee] lamaan keenyayyuu sirna gaa’elaa Waaqayyo baase jalatti lafa kanarra hamma waliin jiraannetti, seera Waaqayyo Caaffata Qulqullaa’aarratti haadhotii manaa Kiristiyaana ta’aniif baase hordofuudhaan, siin [maqaasaa] si jaallachuuf, si kunuunsuufi guddaa si kabajuuf abbaa manaakoo godhee si fudhadheera.”

d Masaraan Eegumsaa Caamsaa 1, 1962, ful. 287, gaa’ela aadaa ilaalchisee yaada kenna.

e Mataduree, “Guyyaa Cidha Keessanii Kan Nama Gammachiisuufi Ulfina Qabeessa Gochuu” jedhuufi ful. 28⁠rratti argamus ilaali. (Amaariffa)

Ni Yaadattaa?

• Gaa’ela ilaalchisee wanta karaa seeraas ta’e karaa hafuuraa nurraa barbaadamu beekuu kan qabnu maaliifi?

• Kiristiyaanonni lama karaa seeraa erga wal fuudhanii booda yeruma sana maal akka isaaniif godhamu murteessuu danda’u?

• Haasawaan cidhaa Galma Mootummaa keessatti kennamuu kan qabu maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]