Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 3

Yihowaan Akka Milkooftu Si Gargaara

Yihowaan Akka Milkooftu Si Gargaara

‘Yihowaan Yoseefii wajjin ture; wanta inni raawwatu hundumaa irrattis milkaaʼina isaaf kennaa ture.’—UMA. 39:2, 3.

FAARFANNAA 30 Abbaa Koo, Waaqa Koo fi Michuu Koo

QABIYYEE a

1-2. (a) Qorumsi nurra gaʼuun isaa kan nu hin dinqisiisne maaliifi? (b) Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

 SABA Yihowaa waan taaneef qorumsi nurra gaʼuun isaa nu hin ajaaʼibsiisu. Akkuma Kitaabni Qulqulluun jedhu “Mootummaa Waaqayyootti galuuf rakkina hedduu keessa darbuu” akka qabnu beekna. (HoE. 14:22) Rakkoowwan keenya tokko tokko hamma addunyaa haaraa Waaqayyo fidutti gallutti guutummaatti akka hin balleeffamnes beekna; yeroo sanatti ‘duuti hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni hin jiraatu.’—Mul. 21:4.

2 Yihowaan qorumsi akka nurra hin geenye hin godhu. Qorumsa nurra gaʼu akka dandamannu garuu nu gargaara. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota Roomaa keessa jiraataniin maal akka jedhe hubadhu. Qorumsawwan obboloota isaa mudatan hedduu erga tarreessee booda, “Karaa isa nu jaallate sanaa wantoota kana hunda keessatti guutummaatti injifannoo arganna” jedheera. (Rom. 8:35-37) Kana jechuun Yihowaan qorumsa keessa utuma jirtuullee milkaaʼina akka argattu si gargaaruu dandaʼa jechuudha. Mee Yihowaan Yoseef milkaaʼina akka argatu kan gargaare akkamitti akka taʼee fi siinis kan gargaaru akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

HAALLI KEE AKKA TASAA YEROO JIJJIIRAMU

3. Jireenyi Yoseef akkuma tasaa kan jijjiirame akkamitti?

3 Yaaqoob ilma isaa Yoseefiin baayʼee akka jaallatu ifatti argisiisa ture. (Uma. 37:3, 4) Kanaan kan kaʼes ijoolleen Yaaqoob warri hangafaa Yoseefitti hinaafuu jalqaban. Carraa yommuu argatanitti Yoseefiin daldaltoota Miidiyaanitti gurguran. Daldaltoonni kunis gara Gibxii ishii kiilomeetira dhibbaan lakkaaʼamu fagaattee argamtutti isa geessan; achittis ajajaa waardiyyootaa Faraʼoon kan taʼe Phoxifaaritti isa gurguran. Yoseef inni mucaa abbaa isaa biratti jaallatamaa ture jireenyi isaa guutummaatti jijjiiramee garba namicha Gibxii tokkoo taʼe.—Uma. 39:1.

4. Yeroo harʼaatti haalli rakkisaan akkamii nu mudachuu dandaʼa?

4 Kitaabni Qulqulluun “Wanti hamaan nama hundumaarra gaʼa” jedha. (Lal. 9:11, Holy Bible—Easy-to-Read Version) Yeroo tokko tokko haalli rakkisaan “namoota kaan irra gaʼu,” jechuunis qorumsi ilmaan namootaa hundumaarra gaʼu nu mudachuu dandaʼa. (1 Qor. 10:13) Yookiinimmoo barattoota Yesuus waan taaneef qofa rakkinni nurra gaʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, sababii amantii keenyaatiin namoonni nutti qoosuu, nu mormuu, darbees ariʼatama nurraan gaʼuu dandaʼu. (2 Xim. 3:12) Qorumsi akkamiiyyuu yoo sirra gaʼe Yihowaan milkaaʼina akka argattu si gargaara. Yihowaan Yoseefiin kan gargaare akkamitti?

Yoseef garba taʼee Gibxii keessatti yeroo Phoxifaaritti gurguramettillee Yihowaan milkaaʼina akka argatu isa gargaareera (Keeyyata 5 ilaali)

5. Phoxifaar milkaaʼina Yoseef ilaalchisee xumura akkamiirra gaʼe? (Uumama 39:2-6)

5 Uumama 39:2-6 dubbisi. Phoxifaar Yoseef dargaggeessa dandeettii guddaa qabuu fi jabaatee hojjetu taʼuu isaa hubatee ture. Sababii itti akkas taʼes beeka. Phoxifaar “Yihowaan wanta [Yoseef] raawwatu hundumaa irratti milkaaʼina akka isaaf kennaa jiru” argeera. b Yeroo boodas namichi Gibxii kun tajaajilaa dhuunfaa isaa isa godhate. Guutummaa mana isaarrattis itti gaafatamaa godhee isa muude. Buʼaan isaa hoo maal ture? Phoxifaar ni badhaadhe.

6. Yoseef haala keessa jiru ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa?

6 Mee bakka isaa of kaaʼuudhaan miira Yoseefitti dhagaʼame tilmaamuuf yaali. Wanti inni hundumaa caalaa barbaadu maal ture? Phoxifaar xiyyeeffannaa akka isaaf kennuu fi akka isa badhaasu turee? Wanti Yoseef hundumaa caalaa barbaadu bilisa baʼee gara abbaa isaatti deebiʼuu akka taʼe ifadha. Yoseef mana Phoxifaar keessatti mirga hedduu kan qabu taʼus, ammayyuu garba nama Yihowaa hin waaqeffanne tokkooti. Taʼus, Yihowaan Phoxifaar Yoseefiin bilisa akka baasu hin goone. Kana malees, haalli Yoseef caalaatti hammaachuuf jedha.

HAALLI KEE YEROO HAMMAACHAA DEEMU

7. Haalli Yoseef caalaatti hammaachaa kan deeme akkamitti? (Uumama 39:14, 15)

7 Uumamni boqonnaan 39 akka jedhutti haati manaa Phoxifaar Yoseefirra ija ishii waan buufatteef isa qoruuf irra deddeebitee yaalteetti. Yoseef garuu matumaa tole ishiidhaan hin jenne. Dhumarrattis baayʼee waan isatti aarteef Yoseef ishii gudeeduuf akka yaale gootee isa himatte. (Uumama 39:14, 15 dubbisi.) Phoxifaar kana yeroo dhagaʼu Yoseefiin mana hidhaa galche; innis waggoota muraasaaf achuma keessa ture. (Uma. 39:19, 20) Manni hidhaa sun maal fakkaata ture? Jechi Afaan Ibrootaa Yoseef itti fayyadamee fi “mana hidhaa” jedhamee hiikame “boolla bishaanii” ykn “boolla” jedhamees hiikamuu dandaʼa; kunis manni hidhaa sun dukkana akka turee fi abdii akka hin qabne isatti dhagaʼamee akka ture argisiisa. (Uma. 40:15; milj.) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun Yoseef miilli isaa hidhaa sibiilaatiin hidhamee akka turee fi mormi isaa sibiila gidduu galee akka ture dubbata. (Far. 105:17, 18) Haalli Yoseef caalaatti hammaachaa deeme. Yoseef inni garba amanamaa ture amma hidhamaa tuffatamaa taʼeera.

8. Qorumsi tokko yeroo hammaachaa deemuttillee waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

8 Irra deddeebitee kadhannaa kan dhiheessite taʼus, haalli dhiphisaan keessa jirtu caalaatti hammaatee beekaa? Haalli akkasii eenyuuniyyuu mudachuu dandaʼa. Yihowaan addunyaa Seexanni bulchu kana keessatti qorumsi akka nurra hin geenye hin godhu. (1 Yoh. 5:19) Taʼus, waaʼee kanaa mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa: Yihowaan wanta si mudachaa jiru sirriitti beeka, akkasumas siif yaada. (Mat. 10:29-31; 1 Phe. 5:6, 7) Kana malees Yihowaan, “Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu” jechuudhaan waadaa galeera. (Ibr. 13:5) Yihowaan haalli keessa jirtu abdii kan hin qabne yeroo fakkaatuttillee, jabaattee akka dhaabbattu si gargaara. Mee Yihowaan Yoseefiin kan gargaare akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

Yihowaan Yoseef yeroo mana hidhaa turettii fi hidhamtoota hundarratti itti gaafatamaa godhamee muudamettillee isa wajjin ture (Keeyyata 9 ilaali)

9. Yoseef mana hidhaa yeroo turetti Yihowaan isa wajjin akka ture wanti argisiisu maalidha? (Uumama 39:21-23)

9 Uumama 39:21-23 dubbisi. Yoseef mana hidhaa keessatti haala rakkisaa keessa yeroo turettillee Yihowaan milkaaʼina akka argatu isa gargaareera. Akkamitti? Yeroo booda akkuma Phoxifaar ajajaan mana hidhaa sun Yoseefiin amanuu fi isa kabajuu jalqabe. Boodas ajajaan mana hidhaa sun Yoseefiin hidhamtoota kaanirratti itti gaafatamaa godhee muude. Kitaabni Qulqulluun, “Ajajaan mana hidhaa sun wanta itti gaafatamummaa Yoseef jala jiru ilaalchisee homaa hin dhiphatu ture” jedha. Amma Yoseef hojii buʼa qabeessa irratti xiyyeeffachuu dandaʼu argateera. Kun jijjiirama hin eegamne ture. Hidhamaan haadha manaa abbaa taayitaa mana mootummaa gudeeduuf yaaleera jedhamee himatame itti gaafatamummaan akkasii kan isaaf kenname akkamitti? Deebiin gaaffii kanaa ifadha. Uumamni 39:23, “Yihowaan Yoseefii wajjin [ture], akkasumas wanta inni raawwatu hundumaa Yihowaan [isaaf] milkeesse” jedha.

10. Yoseef wanta hundarratti milkaaʼina akka argate isatti dhagaʼamee taʼuu dhiisuu dandaʼa kan jennu maaliif akka taʼe ibsi.

10 Mee ammas bakka Yoseef of kaaʼiitii wanta isatti dhagaʼame tilmaamuuf yaali. Sobaan himatamee erga hidhamee booda wanta hundumaarratti milkaaʼina akka argate isatti dhagaʼama jettee yaaddaa? Wanti Yoseef hundumaa caalaa barbaadu maal ture? Ajajaa mana hidhaa sana duratti fudhatama argachuu turee? Wanti Yoseef hundumaa caalaa barbaadu bilisa baʼuu akka ture ifadha. Mana hidhaa nama dhiphisu sana keessaa akka isa baasuuf Faraʼooniin akka isaaf haasofsiisullee namicha mana hidhaatii gadhiifamuuf jedhu tokko gaafatee ture. (Uma. 40:14) Haa taʼu malee, namichi sun dhimmicha yeruma sana Faraʼoonitti hin himne. Kanaan kan kaʼes, Yoseef waggoota dabalataa lama mana hidhaatti dabarse. (Uma. 40:23; 41:1, 14) Taʼus, Yihowaan milkaaʼina akka argatu isa gargaaruu isaa itti fufeera. Akkamitti?

11. Yihowaan Yoseefiif dandeettii addaa akkamii kenne? Kunis kaayyoon Yihowaa akka raawwatamu gochuurratti gumaacha akkamii godhe?

11 Yoseef mana hidhaa yeroo turetti Yihowaan mootiin Gibxii abjuu sammuu isaa jeequ lama akka argu godhe. Faraʼoon hiika abjuuwwan kanaa beekuuf carraaqqii cimaa godhe. Mootichi Yoseef dandeettii abjuu hiikuu akka qabu yeroo dhagaʼu isa waamsise. Gargaarsa Yihowaatiin Yoseef abjuuwwan kana ni hiike, akkasumas Faraʼooniif gorsa gaarii kenne; kunis Faraʼooniin baayʼee ajaaʼibsiise. Faraʼoon Yihowaan Yoseef wajjin akka jiru yeroo argu guutummaa Gibxiirratti itti gaafatamaa midhaanii godhee isa muude. (Uma. 41:38, 41-44) Yeroo booda beelli cimaan Gibxii keessatti qofa utuu hin taʼin Kanaʼaan keessattis babalʼate ni kaʼe; maatiin isaa kan jiraatan Kanaʼaan keessa ture. Yoseef amma maatii isaa oolchuu fi hiddi dhalootaa Masiihichaa akka eegamu gochuu dandaʼa.

12. Yihowaan milkaaʼina akka argatu Yoseefiin kan gargaare karaawwan kamiini?

12 Mee waaʼee wantoota hin eegamnee fi jireenya Yoseef keessatti raawwatamanii yaadi. Phoxifaar Yoseef isa garba taʼeef xiyyeeffannaa addaa akka kennu kan godhe eenyu? Ajajaan mana hidhaa Yoseef isa hidhamaa taʼetti gaarummaa akka argisiisu kan godhe eenyu? Faraʼoon abjuu sammuu isaa jeequ akka arguu fi Yoseef dandeettii abjuu sana hiikuu akka qabaatu kan godhe eenyu? Gibxii keessatti Yoseefiin itti gaafatamaa midhaanii godhee akka muudu Faraʼooniin kan kakaase eenyu? (Uma. 45:5) Yoseef wanta godhu hundumaarratti milkaaʼina akka argatu kan godhe Yihowaa akka taʼe ifadha. Obboloonni Yoseef isa ajjeesuu barbaadanii kan turan taʼus, Yihowaan fedhii isaa raawwachuuf jecha haala isaa jijjiireera.

YIHOWAAN AKKA MILKOOFTU KAN SI GARGAARU AKKAMITTI?

13. Yihowaan haala nu mudatu hundumaa keessa ni galaa? Ibsi.

13 Seenaa Yoseefirraa maal baranna? Yihowaan haala nu mudatu hundumaa keessa ni galaa? Wantoonni gadheen nu mudatan hundi buʼaa gaarii akka argamsiisan gochuuf jecha wanta jireenya keenya keessatti nu mudatu hundumaa ni toʼataa? Lakki, Kitaabni Qulqulluun ilaalcha akkasii hin deeggaru. (Lal. 8:9; 9:11) Wanti beeknu tokko garuu jira: Yihowaan yeroo qorumsi nurra gaʼu ni arga, iyya gargaarsa argachuuf dhageessisnus ni dhagaʼa. (Far. 34:15; 55:22; Isa. 59:1) Hunda caalaammoo haala rakkisaa nu mudatu milkaaʼinaan akka dandamannu nu gargaara. Akkamitti?

14. Yihowaan yeroo rakkinni nurra gaʼu kan nu gargaaru akkamitti?

14 Karaa itti Yihowaan nu gargaaru keessaa inni tokko jajjabina nuuf kennuudha; kanas yeroo baayʼee yeroo sirrii taʼetti godha. (2 Qor. 1:3, 4) Obboleessi Aziiz jedhamuu fi Turkmeenistaan keessatti sababii amantii isaatiif hidhaan waggaa lamaa itti murtaaʼe kun dhugaa taʼuu isaa argeera. Akkana jedheera: “Gaafan murtiitti dhihaadhe sana ganama obboleessi tokko Isaayyaas 30:15 isa, ‘Tasgabbaaʼuu fi anatti amanamuudhaan jabina ni argattu’ jedhu natti argisiise. Caqasni kun yeroo hunda akkan tasgabbaaʼuu fi waan hundumaarratti Yihowaatti akkan amanamu na gargaareera. Caqasa kanarratti xiinxaluun koo yeroon mana hidhaatti dabarse hundatti na gargaareera.” Yeroo Yihowaan yeroo caalaatti si barbaachisetti si jajjabeessuudhaan itti si gargaare ni yaadattaa?

15-16. Muuxannoo Toorii irraa maal baratte?

15 Yeroo baayʼee Yihowaan qorumsa keessatti kan nu gargaare akkamitti akka taʼe kan hubannu rakkinicha keessa darbinee duubatti deebinee yeroo yaannudha. Obboleettiin Toorii jedhamtu kun dhugaa taʼuu isaa hubatteetti. Ilmi ishii Maasoon waggaa jaʼaaf kaansarii wajjin waldhaansoo gochaa erga turee booda ni duʼe. Tooriin baayʼee gadduun ishii nama hin dinqisiisu. Akkana jetteetti: “Haadha tokkoof haalli rakkisaan kanarra hammaatu jira jedhee hin yaadu. Warri hundi mucaan isaanii yeroo dhukkubsatu arguurra ofii dhukkubsachuu akka filatan beekamaadha.”

16 Tooriin mucaan ishii yeroo dhukkubsatu arguun ishii baayʼee kan ishii miidhe taʼus, yeroo booda Yihowaan haala isaa dandamachuuf kan ishii gargaare akkamitti akka taʼe yaaduu jalqabde. Akkana jetteetti: “Waaʼee yeroo sanaa yommuun yaadu, yeroo ilmi koo dhukkubsachaa ture sana hundumaatti Yihowaan akkamitti akka na gargaare hubachuu nan dandaʼa. Fakkeenyaaf, Maasoon baayʼee dhukkubsachuu isaatiin kan kaʼe warra isa gaafachuu dhufan arguu kan hin dandeenye taʼus, obboloonni saʼaatii lamaa ol oofanii hospitaala isa gaafachuu dhufu turan. Yeroo hunda namni nu gargaaruuf qophaaʼaa taʼe jira ture. Obboloonni wanta nu barbaachisu hundumaa nuuf guutu turan. Yeroo baayʼee rakkisaa taʼettillee wanta nu barbaachisu dhabnee hin beeknu.” Yihowaan Tooriin jabaattee akka dhaabbattuuf wanta ishii barbaachisu ishiidhaaf godheera; Maasooniifis akkasuma godheera.—Saanduqa, “ Yihowaan Wantuma Nu Barbaachisu Nuuf Kenne” jedhu ilaali.

WANTA YIHOWAAN SIIF GODHE HIN IRRAANFATIN

17-18. Gargaarsa Yihowaan yeroo rakkinaatti nuuf godhu hubachuu fi dinqisiifachuuf maaltu nu gargaara? (Faarfannaa 40:5)

17 Faarfannaa 40:5 dubbisi. Namni gaara baʼu tokko kaayyoon isaa fiixee gaarichaarra gaʼuudha. Haa taʼu malee, namni gaara baʼu kun bakka garaagaraatti dhaabbatee wantoota babbareedoo taʼan ilaala. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan qorumsa keessattillee milkaaʼina akka argattu si gargaaraa kan jiru akkamitti akka taʼe yeroo ramaduudhaan takka dhaabbadhuu irratti yaadi. Yeroo hundumaa galgala rafuu kee dura akkana jedhii of gaafadhu: ‘Harʼa eebba Yihowaa kanan arge karaa kamiini? Ammayyuu rakkina keessa kanan jiru taʼus, Yihowaan haala isaa dandamachuuf na gargaaraa kan jiru akkamitti?’ Yoo xinnaate eebba Yihowaan sii kennee fi milkaaʼina argachuuf si gargaare tokko adda baafachuuf yaali.

18 Qorumsi sirra gaʼu akka dhaabbatuuf akka kadhattu beekamaadha. Akkas gochuun kees sirriidha. (Filp. 4:6) Taʼus, eebba amma arganne hubachuun keenyas barbaachisaadha. Yihowaanis nu cimsuu fi jabaannee akka dhaabbannu nu gargaaruuf waadaa galeera. Kanaafuu, deeggarsa Yihowaan siif godhuuf yeroo hunda galateeffadhu. Akkas yoo goote Yihowaan akkuma Yoseefiin gargaare qorumsa keessattillee milkaaʼina akka argattu si gargaaraa kan jiru akkamitti akka taʼe hubachuu dandeessa.—Uma. 41:51, 52.

FAARFANNAA 32 Yihowaa Deggeri!

a Qorumsa cimaa keessa yeroo jirru milkaaʼina akka argannetti of hin ilaallu taʼa. Milkaaʼina akka argannetti kan yaannu qorumsi sun erga darbee booda taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, wantoonni jireenya Yoseef keessatti raawwataman barumsa guddaa tokko nu barsiisu: Yihowaan qorumsa keessa utuma jirtuullee milkaaʼina akka argannu nu gargaara. Mata dureen kun Yihowaan kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ibsa.

b Kitaabni Qulqulluun jijjiirama Yoseefiin mudate caqasoota muraasarratti kan ibsu taʼus, jijjiiramni kun waggoota hedduu keessatti raawwatamee taʼuu dandaʼa.