Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaʼee Waaqayyoo Barachuun Si Fayyaduu kan Dandaʼu Akkamitti?

Waaʼee Waaqayyoo Barachuun Si Fayyaduu kan Dandaʼu Akkamitti?

Gaaffii, Waaqayyo Eenyu Dha? jedhuuf deebii argachuuf, hamma ammaatti waan hedduu baranneerra. Maqaan isaa Yihowaa akka taʼee fi amalawwan isaa keessaa inni guddaan jaalala akka taʼe Kitaaba Qulqulluu irraa barachuudhaan jalqabneerra. Kana malees, ilmaan namootaa warra uumama isaa taʼaniif, kanaan dura maal akka godhee fi gara fuulduraatti maal akka godhu qoʼanneerra. Waaʼee Waaqayyoo wanti barannu hedduun kan jiru taʼus, ‘Kana gochuun koo faayidaa maalii naaf argamsiisa?’ jettee gaafatta taʼa.

Yihowaan “Yoo isa barbaaddatte, isa in argatta” jechuudhaan abdii kenneera. (1 Seenaa 28:9) Waaqayyoon yommuu barbaadduu fi isa beektu, jechuunis “Yihowaa wajjin michummaa cimaa” yommuu qabaattu kennaa dinqisiisaa akkamii akka argattu yaadi! (Faarfannaa 25:14, NW) Michummaan akkasii faayidaa akkamii siif argamsiisuu dandaʼa?

Gammachuu dhugaa. Yihowaan “Waaqa gammadaa” akka taʼetti ibsameera. (1 Ximotewos 1:11) Isatti dhihaachuu fi fakkeenya isaa hordofuun kee gammachuu dhugaa kan siif argamsiisu siʼa taʼu, kunis karaa miiraa, sammuu fi qaamaa faayidaa siif argamsiisa. (Faarfannaa 33:12) Kana malees, akkaataa jireenyaa miidhaa geessisu irraa fagaattee jireenya gammachuu qabu jiraachuu, barsiifata gaarii horachuu fi warra kaanii wajjin hariiroo gaarii qabaachuu ni dandeessa. Atis yaada faarfatichi, “Waaqayyotti dhiʼaachuun anaaf gaarii dha” jechuudhaan dubbate irratti walii galuu dandeessa.—Faarfannaa 73:28.

Dhuunfaatti siif yaada akkasumas xiyyeeffannaa siif kenna. Yihowaan, “Sin gorsa, ija kootiinis sin toʼadha” jechuudhaan tajaajiltoota isaatiif abdii kenneera. (Faarfannaa 32:8) Kana jechuun Yihowaan tajaajiltoota isaatiif dhuunfaatti xiyyeeffannaa kenna akkasumas wanta tokkoon tokkoon isaaniitiif barbaachisu isaaniif ni godha jechuu dha. (Faarfannaa 139:1, 2) Yihowaa wajjin takkaa hariiroo gaarii erga uumtee booda, yeroo hunda akka inni si gargaaru ni hubatta.

Abdii dinqisiisaa. Yihowaan furtuu yeroo ammaatti jireenya gammachiisaa jiraachuuf si gargaaru siif kennuu malees, abdii dinqisiisaa akka qabaattu carraa siif kenneera. (Isaayaas 48:17, 18) Kitaabni Qulqulluun, “Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si isa Waaqa dhugaa tokkicha taatee fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu qabu” jedha. (Yohaannis 17:3) Abdiin Waaqayyo kennu akka qofoo dooniitti waan tajaajiluuf, “jabaa fi amansiisaa” taanee itti fufuuf nu gargaara.—Ibroota 6:19.

Kanneen olitti ilaalle sababiiwwan guguddaa Waaqayyoon akka gaariitti beekuu fi dhuunfaatti hariiroo isaa wajjin qabaachuu itti qabdu keessaa muraasa qofa dha. Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa nama tokko akka haasofsiistu ykn odeeffannoo argachuuf weebsaayitii jw.org/om jedhamu akka daawwattu si afeerra.