Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyo Gara Fuulduraatti Maal Raawwata?

Waaqayyo Gara Fuulduraatti Maal Raawwata?

Rakkina keessa jirta yoo taʼe, michuu gaariin tokko si gargaaruuf waa akka godhu akka eegdu hin shakkisiisu. Namoonni tokko tokko yaada akkasii sammuutti qabachuudhaan Waaqayyo isaan gargaaruuf homaa waan hin gooneef michuusaanii akka hin taane dubbatu. Dhugaansaa garuu, Waaqayyo faayidaa keenyaaf kanaan dura wantoota hedduu raawwateera; rakkinaa fi dhiphina yeroo harʼaa nurra gaʼu hunda balleessuufis tarkaanfii ni fudhata. Waaqayyo gara fuulduraatti maal raawwataree?

HAMMINA HUNDA NI BALLEESSA

Waaqayyo madda hamminaa dhabamsiisuudhaan hammina hunda ni balleessa. Kitaabni Qulqulluun, “Guutummaan addunyaa . . . humna isa hamaa sanaa jala jira” jechuudhaan maddi hamminaa kun maal akka taʼe ibsa. (1 Yohaannis 5:19) “Isa hamaa” kan jedhame Seexana isa Yesuus ‘bulchaa addunyaa’ jedhee waame akka taʼe hin shakkisiisu. (Yohaannis 12:31) Maddi rakkoowwan lafa irra jiranii inni guddaan dhiibbaa Seexanni addunyaa ilmaan namootaarratti godhudha. Waaqayyo kana ilaalchisee maal godharee?

Waaqayyo, “Diyaabilos isa duʼa fiduuf humna qabu sana balleessuuf” dhiheenyatti karaa Ilmasaa Yesuus Kiristoos tarkaanfii fudhata. (Ibroota 2:14; 1 Yohaannis 3:8) Kitaabni Qulqulluun, Diyaabilos balleeffamuuf “yeroo gabaabduu” qofti akka isa hafe inniyyuu akka beeku dubbata. (Mulʼata 12:12) Waaqayyo warra rakkina uuman hundumaas ni balleessa.—Faarfannaa 37:9; Fakkeenya 2:22.

LAFA JANNATA GODHA

Uumaan keenya hammina hundumaa erga balleessee booda, ilmaan namootaa fi lafa ilaalchisee kaayyoosaa isa barabaraa galmaan gaʼuuf tarkaanfii fudhata. Wantoota akkamii hawwiidhaan eeggachuu dandeenya?

Nagaa fi tasgabbii itti fufiinsa qabu. “Garraamonni . . . lafa ni dhaalu, nagaa hedduu argataniis baayʼee ni gammadu.”—Faarfannaa 37:11.

Nyaata madaalamaa fi gaʼaa. “Midhaan hedduun lafa irra ni jiraata; fiixee gaarotaa irrattis irraa hafaa ni taʼa.”—Faarfannaa 72:16.

Mana mijataa fi hojii gammachiisaa. “Isaan manneen ni ijaaru, keessas ni jiraatu, mukeetii wayinii ni dhaabu, firii isaaniis ni nyaatu. . . . Warri ani filadhes hojii harka isaaniitti guutummaatti ni gammadu.”—Isaayyaas 65:21, 22.

Kun hundi yeroo raawwataman arguuf ni hawwitaa? Wantoonni kun dhiheenyatti wanta namoonni hundi argatan taʼu.

DHUKKUBAA FI DUʼA NI BALLEESSA

Yeroo harʼaa namni hundi oolee bulee dhukkubaa fi duʼaaf saaxilamuunsaa hin oolu, yeroo sanatti garuu kun hin jiraatu. Waaqayyo “isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef” dhiheenyatti faayidaa aarsaan furii Yesuus qabu hojiirra oolcha. (Yohaannis 3:16) Kunoo buʼaa akkamii argamsiisa?

Dhukkubni ni bada. “Jiraattota biyyattii keessaa tokko illee, ‘Na dhukkuba’ hin jedhu. Namoonni achi jiraatanis balleessaan isaanii isaaniif ni dhiifama.”—Isaayyaas 33:24.

Duuti sana booda ilmaan namootaa hin miidhu. “Inni bara baraaf duʼa ni liqimsa, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan fuula hundumaa irraa imimmaan ni haqa.”—Isaayyaas 25:8.

Namoonni barabaraaf jiraatu. “Kennaan Waaqayyo kennu . . . karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus jireenya bara baraa ti.”—Roomaa 6:23.

Warri duʼan deebiʼanii jiraatu. ‘Qajeelonnis taʼan jalʼoonni duʼaa ni kaafamu.’ (Hojii Ergamootaa 24:15) Namoonni kun kennaa furii Waaqayyo qopheesserraa faayidaa argatu.

Waaqayyo wantoota kana hundumaa akkamitti raawwata?

MOOTUMMAA MUDAA HIN QABNE HUNDEESSA

Waaqayyo mootummaa samii isa Yesuus Kiristoos Bulchaa taʼee irratti muudametti fayyadamuudhaan kaayyoo ilmaan namootaa fi lafaaf qabu ni raawwata. (Faarfannaa 110:1, 2) Bulchiinsi ykn mootummaan kun isa Yesuus duuka buutonnisaa, “Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, . . . Mootummaan kee haa dhufu” jedhanii akka kadhatan isaan barsiisedha.—Maatewos 6:9, 10.

Mootummaan Waaqayyoo yommuu lafa bulchu, gaddaa fi rakkina hundumaa guutummaa lafaarraa ni balleessa. Mootummaan kun bulchiinsa ilmaan namootaa hundeessuu dandaʼan hundumaa ni caala. Yesuus yeroo lafarra tajaajilaa turetti, “misiraachoo Mootummichaa” labsuurratti guutummaatti kan xiyyeeffatee fi barattoonnisaas kana akka godhan kan isaan ajaje kanaafi.—Maatewos 4:23; 24:14.

Yihowaan ilmaan namootaa warra uumamasaa taʼaniif jaalala qabuun kakaʼee, wantoota dinqisiisoo kana hunda isaaniif gochuuf abdii kenneera. Kun isa beekuu fi isatti dhihaachuuf si hin kakaasuu? Kana gochuuf yoo filatte faayidaa akkamii argatta? Mata dureen ittaanu waaʼee kanaa ibsa.

WAAQAYYO GARA FUULDURAATTI MAAL RAAWWATA? Waaqayyo dhukkubaa fi duʼa ni balleessa, bulchiinsa Mootummaasaa jalatti ilmaan namootaa tokkummaa akka qabaatan godha, akkasumas lafa jannata godha