Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyo Amala Akkamii Qaba?

Waaqayyo Amala Akkamii Qaba?

Amala nama tokkoo caalaatti hubachaa yommuu deemnu, nama sana sirriitti beekaa deemna; kunimmoo michummaan isa wajjin qabnu guddachaa akka deemu godha. Haaluma wal fakkaatuun, amaloota Yihowaa yommuu beekaa deemnu, waaʼee eenyummaasaa caalaatti beekuu dandeenya; kunis michummaan isa wajjin qabnu akka guddatu godha. Amaloota Waaqayyoo dinqisiisoo taʼan keessaa afur addadha; isaanis, humna, ogummaa, haqaa fi jaalaladha.

WAAQAYYO HUMNA GUDDAA QABA

“Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, kunoo ati humna kee isa [guddaadhaan] samiiwwanii fi lafa tolchiteetta.”ERMIYAAS 32:17.

Waaqayyo humna guddaa qabaachuunsaa uumamarratti ni mulʼata. Fakkeenyaaf, waqtii bonaatti guyyaa ala yoo dhaabbatte dhagna keetti maaltu dhagaʼama? Hoʼa aduuti. Dhugaa dubbachuuf, dhagna keetti kan sitti dhagaʼame humna Yihowaan uumuuf qabudha. Aduun humna hammamii qabdi? Hoʼi handhuura ishii digirii seentigireedii 15,000,000 taʼa. Aduun sekoondii tokkotti humna dhukaʼa boombiiwwan niwukilaraa miliyoona dhibbaan lakkaaʼamanii wajjin wal gitu maddisiisti.

Taʼus, aduun urjiilee hawaa keessa jiranii fi tiriiliyoonaan lakkaaʼamanii wajjin yommuu wal bira qabamtu xiqqoodha. Saayintistoonni akka tilmaamanitti urjiilee guguddaa keessaa inni Yuu Iskuutii jedhamu diyaameetiriin isaa isa kan aduu siʼa 1,700 akka caalu dubbataniiru. Yuu Iskuutiin baayʼee guddaa waan taʼeef handhuurasaa iddoo aduun jirturra utuu keenyee balʼinnisaa lafarra darbee oorbiitii juuppitarii ni uwwisa. Kun wanta Ermiyaas Yihowaan humnasaa isa guddaatiin samii fi lafa, jechuunis hawaa akka uume dubbate caalaatti hubachuuf nu gargaaruu dandaʼa.

Humna Waaqayyoorraa akkamitti fayyadamna? Jireenyi keenya wanta Waaqayyo uume kan akka aduu fi wantoota dinqisisoo lafarra jiran hundarratti kan hundaaʼedha. Kana malees, Waaqayyo humnasaa dhuunfaatti namoota gargaaruuf itti fayyadama. Akkamitti? Jaarraa jalqabaatti Waaqayyo wantoota dinqisiisoo taʼan akka raawwatuuf Yesuusiif humna kenneera. Kitaabni Qulqulluun, “Warri qaro dhabeeyyiin argaa jiru, warri naafatan deemaa jiru, warri dhukkuba nadaayiitiin qabaman fayyaa jiru, warri gurri isaanii duude dhagaʼaa jiru, warri duʼan duʼaa kaafamaa jiru” jedha. (Maatewos 11:5) Yeroo ammaahoo? Kitaabni Qulqulluun, “Inni isa dadhabeef humna . . . ni kenna,” akkasumas, “Warri Yihowaa abdatan . . . humni isaanii ni haareffama” jedha. (Isaayyaas 40:29, 31) Waaqayyo ‘humna humna caalu’ nuu kennuudhaan jireenya keessatti rakkinaa fi qorumsa nu mudatu akka moonu nu gargaaruu dandaʼa. (2 Qorontos 4:7) Kun Waaqa isa humnasaa isa daangaa hin qabne jaalalaan nu gargaaruuf itti fayyadamutti dhihaachuuf si hin kakaasuu?

WAAQAYYO OGEESSA

“Yaa Yihowaa, hojiiwwan kee akkam baayʼatu! Hunda isaanii ogummaadhaan tolchite.”FAARFANNAA 104:24.

Wantoota Waaqayyo uume caalaatti yommuu beekaa deemnu ogummaasaa caalaatti dinqisiifachaa deemna. Saayintistoonni tokko tokko uumama Yihowaarratti qorannaa gochuu fi diizaayinii uumamaa ilaaluudhaan biloonii xixinnoodhaa kaasee hamma diizaayinii xiyyaaraatti diizaayinii ofiisaanii fooyyessuuf yaalii godhu.

Ijji namaa haala dinqisiisaa taʼeen uumame

Ogummaan Waaqayyoo hunda caalaa karaa dinqisiisaa taʼeen kan mulʼate qaama namaa irrattidha. Fakkeenyaaf, akkaataa daaʼimni tokko itti guddatu haa ilaallu. Adeemsi kun seelii gabbataa qajeelfamoota jiinii barbaachisan hunda of keessatti qabaterraa jalqaba. Seeliin kunis seeliiwwan wal fakkaatan hedduutti qoqqoodama. Haa taʼu malee, yeroo sirrii taʼetti seelonni kun seelota adda addaa dhibbaan lakkaaʼamanitti, jechuunis seelii dhiigaa, seelii narvii, akkasumas seelii lafeetti qoqqoodamu. Utuma baayʼee hin turinis, sirni kutaa qaamaa guddachuudhaan hojii jalqaba. Jiʼa sagal qofa keessatti, seeliin inni jalqabaa kun guddatee daaʼima seelota biliyoonaan lakkaaʼamaniin ijaarame taʼa. Ogummaan diizaayinii akkasiirratti mulʼatu namoonni baayʼeen yaada barreessaa Kitaaba Qulqulluu, “Karaa dinqisiisaa taʼeen tolfamuun koo sodaadhaan waan na guutuuf sin jajadha” jedhurratti walii galuuf akka kakaʼan isaan godheera.—Faarfannaa 139:14.

Ogummaa Waaqayyoorraa akkamitti fayyadamna? Uumaan keenya wanta gammadoo taʼuuf nu barbaachisu beeka. Beekumsaa fi hubannaa baayʼee waan qabuuf Dubbiisaa Kitaaba Qulqulluu keessatti gorsa ogummaarratti hundaaʼe nuuf kenneera. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun, “Tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa” jechuudhaan nu gorsa. (Qolosaayis 3:13) Kun gorsa ogummaarratti hundaaʼedhaa? Eeyyee. Qorannoon akka argisiisutti dhiifama gochuun hirriba nama tokkoo fooyyessuu fi dhiibbaa dhiigaa hirʼisuu dandaʼa. Kana malees, carraa dhiphina sammuu fi dhibeewwan fayyaa kan birootiif saaxilamuu xiqqeessuu dandaʼa. Waaqayyo michuu ogeessa, namaaf yaaduu fi gorsa nama fayyadu namaaf kennuurraa duubatti hin jenne wajjin wal fakkaata. (2 Ximotewos 3:16, 17) Michuu akkanaa qabaachuu hin barbaadduu?

WAAQAYYO HAQA QABEESSA

“Yihowaan haqa ni jaallata.”FAARFANNAA 37:28.

Waaqayyo yeroo hunda wanta sirrii taʼe hojjeta. “‘Inni Hundumaa [Dandaʼu] dogoggora raawwata’ jedhanii yaaduun wanta hin fakkaanne dha!” (Iyyoob 34:10) Akkuma faarfatichi, ‘Ati haqaan namootaaf murtii kennita’ jedhee dubbate Yihowaan murtiin isaa qajeelaadha. (Faarfannaa 67:4) ‘Yihowaan garaa namaa waan ilaaluuf’ fakkeessitootaan gowwoomuu hin dandaʼu, kanaa mannaa, yeroo hunda dhugaasaa beekuu ni dandaʼa, akkasumas murtoo sirrii taʼe kenna. (1 Saamuʼel 16:7) Kana malees, Waaqayyo jalʼina haqaa fi malaanmaltummaa lafarratti raawwatamu hunda ni arga; yeroo dhihootti ‘hamoonni lafa irraa akka buqqifamanis’ waadaa nuuf galeera.—Fakkeenya 2:22.

Haa taʼu malee, Waaqayyo abbaa murtii gara jabeessa nama adabuu jaallatu miti. Inni yeroo sirrii taʼutti dhiifama ni godha. Kitaabni Qulqulluun namoonni hamoo taʼanillee garaadhaa yoo yaada geddaratan, “Yihowaan araara qabeessaa fi gara laafessa” akka taʼe dubbata. Haqa dhugaa jechuun kana mitiiree?—Faarfannaa 103:8; 2 Pheexiros 3:9.

Haqa Waaqayyoorraa akkamitti fayyadamna? Pheexiros ergamaan, ‘Waaqayyo akka hin loogne, kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama akka qabu’ dubbateera. (Hojii Ergamootaa 10:34, 35) Waaqayyo matumaa namoota waan wal hin caalchisneef ykn waan hin loogneef haqasaarraa fayyadamuu ni dandeenya. Gosti, lammummaan, sadarkaan barumsaa ykn iddoon hawaasa keessatti qabnu maaliyyuu yoo taʼe isa biratti fudhatama argachuu fi isa waaqeffachuu ni dandeenya.

Waaqayyo waan hin loogneef qomoon keenya ykn iddoon hawaasa keessatti qabnu maaliyyuu yoo taʼe haqa isaarraa fayyadamuu ni dandeenya

Waaqayyo haqasaa akka hubannuu fi akka irraa fayyadamnu waan barbaaduuf qalbii nuu kenneera. Kitaabni Qulqulluun qalbiin seera garaa ‘keenya keessatti barreeffamee’ fi amalli keenya sirrii ykn dogoggora taʼuusaa ilaalchisee ‘ragaa nuuf baʼu’ akka taʼe ibsa. (Roomaa 2:15) Kun akkamitti nu fayyada? Qalbiin keenya sirriitti yoo leenjifame, wanta dogoggora ykn hamaa taʼerraa akka fagaannu nu kakaasuu dandaʼa. Akkasumas, dogoggora yoo raawwanne yaada geeddarachuu fi sirreeffama gochuuf nu kakaasuu dandaʼa. Dhugumayyuu, Waaqayyo haqa qabeessa taʼuusaa hubachuun keenya nu gargaara, akkasumas gara isaatti akka dhihaannu nu taasisa!

WAAQAYYO JAALALA

“Waaqayyo jaalala.”1 YOHAANNIS 4:8.

Waaqayyo humna, ogummaa, akkasumas haqa kan argisiise taʼus, Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo humnadha, ogummaadha ykn haqadha jedhee hin ibsu. Kanaa mannaa inni jaalala jedha. Maaliif? Sababiin isaas, humni Waaqayyoo waan tokko raawwachuuf isa dandeessisa; haqnii fi ogummaan isaammoo karaa inni wanta sana itti raawwatu isaaf qajeelcha jechuun ni dandaʼama. Jaalalli Yihowaa garuu waa raawwachuuf isa kakaasa. Jaalalli wanta inni raawwatu hundumaarratti dhiibbaa godha.

Yihowaan wanti isatti hirʼate tokkollee kan hin jirre taʼus, qaamota yaaduu dandaʼan samii fi lafarratti kan uume jaalalaan kakaʼeeti; isaanis jaalalaa fi kunuunsa inni godhurraa ni fayyadamu. Inni namoota uumamasaa taʼaniif lafti iddoo jireenyaa mijooftuu akka taatuuf jaalala ofittummaarraa walaba taʼeen kakaʼee isaaniif qopheesseera. Akkasumas “Inni aduu isaa namoota hamoo fi namoota gaarii irratti ni baasa; bokkaas qajeelotaa fi jalʼoota irratti ni roobsa” waan jedhameef namoota hundatti jaalala argisiisuusaa itti fufeera.—Maatewos 5:45.

Kana malees, “Yihowaan jaalala guddaa kan qabuu fi gara laafessa dha.” (Yaaqoob 5:11) Inni warra garaadhaa isa beekuu fi isatti dhihaachuuf tarkaanfii fudhatanitti jaalala ni argisiisa. Waaqayyo namoota akkasiitiif dhuunfaatti xiyyeeffannaa ni kenna. Dhugumayyuu, ‘inni siif ni yaada.’—1 Pheexiros 5:7.

Jaalala Waaqayyoorraa akkamitti fayyadamna? Miidhaginni lixa biiftuu baayʼee nu gammachiisa. Kolfa daaʼima tokkoo yommuu dhageenyu baayʼee gammanna. Jaalala miseensi maatii keenyaa tokko nutti argisiisuuf iddoo guddaa kennina. Wantoonni kun baayʼee barbaachisaa taʼuu baatanis, jireenya keenyatti baayʼee akka gammannu nu taasisu.

Karaa Waaqayyo jaalala itti argisiise kan biraa irraas faayidaa ni arganna. Innis kadhannaadha. Kitaabni Qulqulluun, “Waan hundumaa ilaalchisee kadhannaa fi wawwaannaadhaan galataa wajjin iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa malee, waaʼee waan tokkoo illee hin yaaddaʼinaa” jechuudhaan nu gorsa. Akkuma abbaa jaalala qabeessa taʼe tokkoo, wanta baayʼee nu yaaddessurratti gargaarsasaa akka gaafannu barbaada. Akkasumas, jaalalasaa isa ofittummaarraa walaba taʼeen kakaʼee, ‘nagaa Waaqayyoo isa hubannaa hundumaarra caalu’ akka nuu kennu waadaa galeera.—Filiphisiyus 4:6, 7.

Wanti hanga ammaatti amaloota Waaqayyoo warra gurguddaa, jechuunis humna, ogummaa, haqaa fi jaalalasaa ilaalchisee ilaalle kun Waaqayyo Waaqa akkamii akka taʼe caalaatti hubachuuf si gargaareeraa? Dinqisiifannaa Waaqayyoof qabdu caalaatti guddifachuuf wanta inni kanaan dura raawwatee fi gara fuulduraatti siif godhu akka barattu si affeerra.

WAAQAYYO AMALA AKKAMII QABA? Yihowaan eenyuyyuu caalaa humna guddaa kan qabu, ogeessaa fi haqa qabeessadha. Taʼus, amallisaa inni hunda caalaa nama hawwatu jaalala isaati