Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Rakkina Hambisuuf Gargaara

Rakkina Hambisuuf Gargaara

Kitaabni Qulqulluun gorsi isa keessa jiru geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan kennamee fi ‘barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, akkasumas wanta hundumaa sirreessuuf kan fayyadu akka taʼe’ dubbata. (2 Ximotewos 3:16) Kun dhugaa dhaa? Ogummaan Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu namoonni rakkoowwan tokko tokko sadarkaa guddaa irra gaʼuu isaanii dura akka hambisan akkamitti akka isaan gargaare ilaali.

DHUGAATII ALKOOLII GARMALEE DHUGUU

Delfiin ishiin mata duree darbe irratti ibsamte, dhiphinni ishii dhugaatii alkoolii garmalee dhuguuf fedhii akka qabaattu akka ishii godhe itti dhagaʼamee ture. Kitaabni Qulqulluun karaa sirrii taʼeen dhugaatii alkooliitti fayyadamuu kan hin balaaleffanne taʼus, “Hidhata warra daadhii waynii garmalee dhuganii . . . hin taʼin!” jedha. (Fakkeenya 23:20) Dhugaatii alkoolii garmalee dhuguun rakkina fayyaa cimaa taʼe fida; akkasumas michummaan akka baduu fi waggaa waggaadhaan namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman umurii isaanii malee akka duʼan sababa ni taʼa. Namoonni gorsa Kitaaba Qulqulluu isa ogummaa irratti hundaaʼe utuu hordofanii rakkoowwan kana keessaa hedduu isaanii hambisuun ni dandaʼama ture.

Delfiinis kana kan goote siʼa taʼu akkana jetteetti: “Dhugaatiin alkoolii dhiphina kootiif furmaata akka hin taane hubadheera. Ogummaa Filiphisiyus 4:6, 7 irratti argamu isa, ‘Iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa malee, waaʼee waan tokkoo illee hin yaaddaʼinaa’ jedhu hojii irra oolcheera. Yeroo hundumaa halkan halkan yaadni koo akka hihhiramee fi dhiphinni koo akka natti kaʼe yommuu natti dhagaʼamu gara Yihowaatti nan iyyadha. Aarii koo, miidhama koo fi abdii kutachuu koo dabalatee miira koo hundumaa isaaf nan ibsa; ilaalcha sirrii akkan qabaadhu akka na gargaarus cimseen isa kadhadha. Achiis ganama miirawwan sun hundi dhugumaan akka na irraa badan natti dhagaʼama. Barsiifanni kun sammuun koo wantan hin qabne irratti utuu hin taʼin wantan qabu irratti akka xiyyeeffatu gochuuf na gargaareera. Sana booda matumaa dhugaatii alkoolii dhuguu dhiisuufan filadhe. Nagaan argadhe gatii guddaa kan qabu waan taʼeef, deebisee dhabuu hin barbaadu.”

HALALUMMAA

Rakkoowwan tokko tokko miidhaa miiraa cimaa fi dhiphina guddaa geessisuu dandaʼu. Haa taʼu malee, qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu wantoota gara rakkoowwan kanaatti geessan kan akka kolomsuu fi poornoogiraafii jiranii ifa gochuudhaan rakkoowwan kana hambisuuf nu gargaaru. Dargaggeessi Saamuʼel jedhamu tokko, “Kolomsuun anaaf baayʼee salphaa ture. Yeroo tokko tokko namni tokko na hawwachuu dhiisuu dandaʼa; taʼus dubartiin tokko akka na jaallatte nan hubadhan ture; kunis kolomsuutti na geessa” jedheera. Saamuʼel akkas gochuuf fedhii kan hin qabne taʼus yeroo baayʼee akka kolomse komatamuu isaa beeke; dhuma irrattis taʼe jedhee kolomsuuf murteesse. Taʼus, barsiifanni isaa kun isa dhiphise. “Barsiifanni kun fedhii ofittummaa cimaa taʼe kan fidu waan taʼeef, kan nama miidhu ture” jedheera.

Saamuʼel mata duree dargaggootaaf qophaaʼe tokko weebsaayitii jw.org irraa ni dubbise. Akkasumas, yaada Fakkeenya 20:11 irra jiru isa, “Mucaan iyyuu qullaaʼaa fi qajeelaa taʼuun isaa, hojii isaatiin in beekama” jedhu irratti yaade. Kun kan isa gargaare akkamitti? Saamuʼel kolomsuun qulqulluus taʼe qajeelaa akka hin taane ni hubate. Amma akkana jedheera: “Kolomsuun dargaggeessi tokko amalawwan hiriyaa gaaʼelaa gaarii hin taane isa godhan akka horatu kan godhu taʼuu isaas hubadheera. Gara fuulduraatti haati manaa koo dubartii kan biraa yommuun kolomsu maaltu akka ishiitti dhagaʼamu yaaduun jalqabe. Kunis barsiifanni kun miidhaa akka qabu na hubachiise. Raawwachuuf salphaa taʼuun isaa gochichi sirrii akka taʼu hin godhu.” Saamuʼel jijjiirama godheera. Kolomsuu irraa fagaachuun isaa halalummaa irraa fagaachuufis isa gargaareera.

Antooniyoon balaa cimaa halalummaadhaaf isa saaxilu, jechuunis araada poornoogiraafiitiin qabamee ture. Haadha manaa garaadhaa jaallatu kan qabu taʼus, irra deddeebiʼee barsiifata kanaan moʼama ture. Yaada 1 Pheexiros 5:8 irra jiru irratti yaaduun isaa baayʼee isa gargaareera. Caqasichi akkana jedha: “Dandeettii hubannaa keessanii eeggadhaa, dammaqoo taʼaa! Diinni keessan Diyaabilos nama liqimsu barbaadee akka leenca barooduutti naannaʼaa jira.” Antooniyoon akkana jedheera: “Fakkiiwwan poornoogiraafii guutummaa addunyaa kanaa irratti babalʼataniiru; fakkiiwwan kun sammuu keenya keessaa hin baʼan. Caqasni kun dhugumaan madda qorumsa kanaa irratti akkan yaadu na gargaareera. Fakkiiwwan Poornoogiraafii kun maddi isaanii Seexana taʼuu isaa yeroo hundumaa of yaadachiisuuf of leenjisuun qaba ture. Amma miidhaa sammuu koo, garaa koo fi gaaʼela koo irra gaʼu kana moʼuuf, ‘dandeettii hubannaa koo eeggachuu fi dammaqaa taʼuuf’ na gargaaruu kan dandaʼu Yihowaa qofa taʼuu isaa hubadheera.” Antooniyoon gargaarsa isa barbaachisu waan argateef, dhuma irratti barsiifata miidhaa qabu kana dhiisuu dandaʼeera. Kunis rakkoowwan caalaatti cimaa taʼan irraa fagaachuuf isa gargaareera.

Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Kitaabni Qulqulluun qajeelfamoota rakkoowwan ciccimoo taʼan irraa fagaachuuf nu gargaaran qabateera. Haa taʼu malee, rakkoowwan hidda godhatanii fi yeroo dheeraadhaaf turan ilaalchisee hoo maal jechuu dandeenya? Mee Dubbiin Waaqayyoo rakkoowwan ciccimoo taʼan akkanaa furuuf akkamitti akka nu gargaaru haa ilaallu.

Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu rakkoowwan tokko tokko hambisuuf nu gargaara