Barumsawwan Kitaaba Qulqulluu—Ogummaa Yeroon Itti hin Darbine
MEE KANA YAADI: Godambaa siidaawwan duriitiin guutame daawwachaa jirta. Baayʼeen isaanii uraa kan qaban, bifti isaanii kan jijjiiramee fi qaamni isaanii kan irraa caccabe dha. Tokko tokko immoo qaamni isaanii garri caalaan isaa badeera. Inni tokko garuu, guutuu taʼuun isaa nama dinqisiisa; akkaataan itti tolfamee fi wal xaxaa taʼes ifatti ni mulʼata. Atis, “Inni kun warra kaan irra haaraa dhaa?” jettee nama si daawwachiisaa jiru gaafatta. Innis, “Lakki, inni kun baayʼee isaanii caalaa kan turee fi matumaa haareffamee kan hin beekne dha” siin jedha. Atis, “Dawoo keessa turee?” jettee gaafatta. Namni si daawwachiisu garuu, “Lakki, qilleensaa fi bokkaa baayʼee cimaa taʼe keessa ture. Namoonni taʼe jedhanii qabeenya balleessanis isa caccabsuuf yaalii godhaniiru” siin jedha. Atis dinqisiifattee, ‘Maal irraa tolfame laata?’ jetta taʼa.
Karaa tokkoon Kitaabni Qulqulluunis siidaa dinqisiisaa taʼe kanaa wajjin wal fakkaata. Kitaabni kun kitaaba bara durii siʼa taʼu, kitaabota hedduus umuriidhaan ni caala. Kitaabonni bara durii kan biroonis akka jiran beekamaa dha. Haa taʼu malee, akkuma siidaawwan moofaa qaamni isaanii irraa caccabeetti baayʼeen isaanii tura keessa akka malee miidhamaniiru. Fakkeenyaaf, ibsi isaan saayinsii irratti kennan beekumsa haaraa dhugaa taʼuun isaa mirkanaaʼee wajjin kan wal faalleessu dha. Gorsi isaan yaalii fayyaa irratti kennanis faayidaa isaa irra miidhaa isaatu caala. Akkasumas, barreeffamoonni durii hedduun akka malee miidhamaniiru; kutaan isaanii hedduun badeera ykn miidhameera.
Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun warra kaan irraa adda dha. Kitaabni Qulqulluun barreeffamuu kan jalqabe jaarraawwan 35 dura taʼus, amma iyyuu guutuu dha. Jaarraawwan kana keessatti yeroo baayʼee miidhaan kan irra gaʼe, jechuunis kan gubame, kan dhorkamee fi kan tuffatame taʼus, yaadni isaa amma iyyuu guutuu dha. Kitaabni Qulqulluun beekumsi haaraan yeroo argamaa deemutti yeroon kan itti darbe taʼuu mannaa, haala dinqisiisaa taʼeen wantoota bira hin gaʼamne dursee kan dubbatu taʼuun isaa mirkanaaʼeera.—Saanduqa “Kan Yeroon Itti Darbe moo Bara Isaa kan Durse?” jedhu ilaali.
QAJEELFAMA YEROO HARʼAATTI NU BARBAACHISU
Tarii, ‘Dhuguma barumsi Kitaaba Qulqulluu bara ammayyaaʼaa taʼe kana keessatti ni hojjetaa?’ jettee yaadda
taʼa. Deebii isaa argachuuf akkana jedhii of gaafadhu: ‘Rakkoowwan ciccimoon yeroo ammaatti ilmaan namootaa mudachaa jiran kam faʼi? Isaan keessaa miidhaa hunda irra caalu kan geessisan kam faʼi?’ Tarii waaʼee waraanaa, faalama naannoo, waaʼee yakkaa ykn malaanmaltummaa ni yaadda taʼa. Mee barumsa Kitaabni Qulqulluun barsiisu muraasa ilaali. Yeroo kanatti, ‘Namoonni qajeelfamoota kanaan utuu geggeeffamanii, addunyaan kun iddoo gaarii hin taʼu turee?’ jedhii of gaafadhu.NAGAA JAALLACHUU
“Warri nagaa uuman gammadoo dha; isaan ijoollee Waaqayyoo ni jedhamu.” (Maatewos 5:9) “Hamma isiniif dandaʼametti karaa keessan namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa.”—Roomaa 12:18.
GARA LAAFINAA FI DHIIFAMA GOCHUU
“Warri gara laafeyyii taʼan gammadoo dha; isaan gara laafina ni argatu.” (Maatewos 5:7) “Namni tokko sababii isa kan biraa itti komatu yoo qabaate illee, wal dandaʼuu keessanii fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa. Akkuma Yihowaan a tola isiniif dhiise isinis tola waliif dhiisuu qabdu.”—Qolosaayis 3:13.
GARAA GARUMMAAN SANYII UTUU JIRUU TOKKUMMAA QABAACHUU
Waaqayyo “namoota saba hundumaa nama tokko irraa uumee guutummaa lafaa irra akka jiraatan godhe.” (Hojii Ergamootaa 17:26) ‘Waaqayyo namoota wal hin caalchisu; kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba.’—Hojii Ergamootaa 10:34, 35.
LAFAAF KABAJA QABAACHUU
“Waaqayyo gooftaan namicha fuudhee iddoo dhaabaa Eeden sana akka tottolchuuf, akka eeguufis achi keessa in kaaʼe.” (Uumama 2:15) Waaqayyo ‘warra lafa balleessan ni balleessa.’—Mulʼata 11:18.
SASSATAA FI HALALUMMAA JIBBUU
“Namni tokko qabeenya hedduu yoo qabaate illee jireenyi isaa wantoota inni qabu irratti kan hundaaʼe waan hin taaneef sassata hundumaa irraa of eegaa.” (Luqaas 12:15) “Namoota qulqulluu taʼaniif sirrii waan hin taaneef, halalummaan, xuraaʼummaan yookiin sassatni akaakuu hundumaa isin gidduutti hin dubbatamin.”—Efesoon 5:3.
AMANAMUMMAA FI JABAATANII HOJJECHUU
‘Waan hundumaan qulqullummaadhaan jiraachuuf hawwina.’ (Ibroota 13:18) ‘Inni hatu kana booda hin hatin; kanaa mannaa, jabaatee haa hojjetu.’—Efesoon 4:28.
WARRA GARGAARSI BARBAACHISU GARGAARUU
‘Warra dhiphatan jajjabeessaa, warra dadhaboo deggeraa, hundumaattis obsa argisiisaa.’ (1 Tasalonqee 5:14) ‘Ijoollee warra hin qabnee fi dubartoota abbootiin manaa irraa duʼan rakkina isaanii irratti gargaaraa.’—Yaaqoob 1:27.
Kitaabni Qulqulluun qajeelfamoota kana tarreessee qofa hin dhiisu. Kanaa mannaa, qajeelfamoota kanaaf iddoo guddaa akka kenninuu fi jireenya keenya keessatti yeroo hundumaa hojii irra akka oolchinu nu barsiisa. Namoonni hedduun barumsawwan olitti ilaalle utuu hojii irra oolchanii, rakkoowwan ciccimoo ilmaan namootaa irra gaʼan irratti jijjiiramni guddaan hin argamu turee? Dhuguma iyyuu, qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu yeroo kam iyyuu caalaa bara keenyaaf ni fayyada! Haa taʼu malee, barumsi Kitaaba Qulqulluu amma si fayyaduu kan dandaʼu akkamitti?
BARUMSI KITAABA QULQULLUU AMMA KAN SI FAYYADU AKKAMITTI?
Namni namoota hundumaa caalaa ogeessa taʼe tokko, “Ogummaan qajeelaa taʼuun ishii buʼaa ishiitiin Maatewos 11:19, miiljalee) Ati kana irratti walii hin galtuu? Ogummaan buʼaa argamsiisuun qorama. Kanaafuu, ‘Kitaabni Qulqulluun dhuguma faayidaa kan qabu yoo taʼe, jireenya koo keessatti buʼaa argamsiisuu hin qabuu? Rakkina amma na mudatu irratti kan na fayyadu akkamitti?’ jettee yaaduu ni dandeessa. Fakkeenya tokko ilaali.
mirkaneeffameera” jedheera. (Jireenyi Delfiin b hojiidhaan kan guutame, hirʼina kan hin qabnee fi gammachiisaa ture. Haa taʼu malee, akkuma tasaa wanta qabdu hunda dhabde. Intalli ishii ishiin umurii waggoota kurnanii keessatti argamtu ni duute. Gaaʼelli ishii ni diigame. Rakkinni qarshiis ishii mudate. Delfiin, “Kana booda jireenyi anaaf hiika hin qabu; intala hin qabu, abbaa manaa hin qabu, mana hin qabu. Akkan gatii hin qabne natti dhagaʼame; eenyummaan koo badeera, humna dhabeera, abdiis hin qabu” jetteetti.
Delfiin sana dura yaada kana matumaa ifatti hin hubanne turte: “Barri jireenya keenyaa waggaa torbaatama, yoo baayʼates waggaa saddeettama; wanti isaan keessaa guddaatti lakkaaʼamus dadhabbii fi rakkina, isaan dafanii in darbu nuyis baallee baafnee in sokkina.”—Faarfannaa 90:10.
Delfiin yeroo gargaarsi ishii barbaachisu kanatti Kitaaba Qulqulluu irraa faayidaa argatteetti. Faayidaan Kitaabni Qulqulluun ishiidhaaf argamsiise kan nama 1 Tasalonqee 2:13.
dinqisiisu dha. Mata dureewwan itti aanan sadan akka argisiisanitti, namoonni kan biroon hedduunis rakkina jireenya keessatti isaan mudatu irratti gorsa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun faayidaa guddaa akka qabu hubataniiru. Kitaabni Qulqulluun akka siidaa seensa irratti ilaalle sanaa akka taʼe isaanitti dhagaʼameera. Kitaabota moofaa yeroon itti darbe hedduu irraa baayʼee adda dha. Akkana kan taʼe Kitaabni Qulqulluun wanta adda taʼe irraa kan tolfame waan taʼeefii? Dhuguma yaadni inni qabate kan namaa utuu hin taʼin kan Waaqayyoo tii?—Tarii atis jireenyi gabaabaa fi rakkinaan kan guutame akka taʼe sitti dhagaʼama taʼa. Rakkinni sitti baayʼatee yommuu abdii si kutachiisu jajjabina, deggersaa fi gorsa amansiisaa argachuuf gara kamitti gorta?
Mee karaawwan Kitaabni Qulqulluun jireenya kee keessatti si fayyaduu itti dandaʼu sadii haa ilaallu. Isaanis:
-
yeroo dandaʼamutti rakkina hambisuu.
-
rakkinni yommuu mudatu furuu.
-
haalawwan jijjiiruu hin dandeenye dandaʼuu.
Mata dureewwan itti aanan qabxiiwwan sadan kana ni ibsu.
a Kitaaba Qulqulluu keessatti akka ibsametti Yihowaan maqaa Waaqayyoo ti.—Faarfannaa 83:18, NW.
b Mata duree kanaa fi mata dureewwan itti aanan sadan keessatti maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.