Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ispoortiiwwan Balaadhaaf Nama Saaxilan Irratti Hirmaachuu Qabdaa?

Ispoortiiwwan Balaadhaaf Nama Saaxilan Irratti Hirmaachuu Qabdaa?

Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Ispoortiiwwan Balaadhaaf Nama Saaxilan Irratti Hirmaachuu Qabdaa?

“KANAAN DURA NAMOONNI HEDDUUN ISPOORTIIWWAN SODAACHISOO, KAN AKKA NAMOOTA XIYYAARA IRRAA PAARAASHUUTIIDHAAN BOLOLIʼAN, WADAROOTTI RARRAʼANII GAARA IRRAA BUʼAN, GALAANA SHAARKIIN KEESSA JIRU KEESSA CILLINFUU LIXAN JIRAN ILAALU TURAN, AMMA GARUU OFUMA ISAANIITII SOCHIIWWAN KANA IRRATTI HIRMAACHUU JALQABANIIRU.”—GAAZEXAA THE WILLOW GLEN RESIDENT JEDHAMU.

YAANNI gaazexaa kana irratti baʼe kun wanta gama ispoortiitiin yeroo ammaatti mulʼachaa jiru sirriitti kan ibsu dha. Sochiiwwan akka xiyyaara irraa paaraashuutiidhaan utaalanii bololiʼuu, gaarawwan cabbiidhaan uwwifaman koruu fi paaraashuutiitti fayyadamanii bakkawwan ol kaʼoo taʼan irraa utaaluu * jiran baayʼee jaallatamoo taʼaa dhufaniiru; kunis namoonni addunyaa irra jiran hedduun wantoota balaadhaaf nama saaxilan yaaluu akka barbaadan argisiisa. Namoonni sochiiwwan ispoortii cabbii irra sigigaachuu, gaara irra saaykilii oofuu fi kopheewwan gommaa qaban ykn wantoota ittiin sigigaatanitti fayyadamanii sigigaachuu irratti hirmaatan illee, ispoortiiwwan kanneen gaara baayʼee ol dheeraa irratti ykn kattaa baayʼee ol dheeraa irratti hojjechuudhaan of qoruuf yaalii godhu. Akka barruun Time jedhamu jedhetti, ispoortiiwwan balaadhaaf nama saaxilan baayʼee jaallatamaa dhufuun isaanii, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman “sochiiwwan dandeettii isaanitti akka fayyadaman, akkasumas sodaa wantoota balaadhaaf nama saaxilan qaban moʼanii hangam dandeettii akka qaban argisiisuuf isaan dandeessisan irratti hirmaachuuf” hawwii guddaa akka qaban kan argisiisu dha.

Haa taʼu malee, sochiiwwan ispoortii beekamoo taʼan kunneen gatii guddaas kan kaffalchiisani dha. Ispoortiiwwan hamma kana miidhaa hin geessisne illee, karaa sirrii hin taaneen kan hojjetaman yoo taʼe balaa geessisuu dandaʼu. Yuunaayitid Isteetis keessatti bara 1997 balaa meeshaalee gommaa qabanii fi ittiin sigigaatanitti fayyadamuudhaan uumameen kan kaʼe lakkoofsi namoota mana yaalaa kutaa hatattamaa seenanii dhibbeentaa 33 oliin dabaleera, balaawwan cabbii irra sigigaachuudhaan uumaman immoo dhibbeentaa 31, akkasumas balaawwan gaara koruudhaan gaʼan dhibbeentaa 20 dabalaniiru. Balaan ispoortiiwwan kaan irratti gaʼu immoo kana irra baayʼee kan caalu dha, lakkoofsi namoota ispoortiiwwan balaadhaaf nama saaxilanii wajjin wal qabateen duʼan yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuun isaa kanaaf ragaa taʼa. Namoonni ispoortiiwwan akkasii irratti hirmaatan, ispoortiiwwan kunneen balaa akkamii akka geessisan sirriitti beeku. Dubartiin cabbii irra sigigaachuudhaan ispoortii balaadhaaf nama saaxilu irratti hirmaattu tokko, “Yaaddoon nan duʼa jedhu yoom iyyuu sammuu koo keessaa badee hin beeku” jetteetti. Namni tapha ispoortii cabbii irra sigigaachuu irratti beekamaa taʼe tokkos, “Miidhaan si irra gaʼuu baannaan carraaqqii gaʼaa gochaa hin jirtu jechuu dha” jedheera.

Wantoota hanga ammaatti ilaale irratti hundaaʼuudhaan, Kiristiyaanni tokko sochiiwwan ispoortii akkasii irratti hirmaachuu ilaalchisee ilaalcha akkamii qabaachuu qaba? Kitaabni Qulqulluun ispoortiiwwan balaadhaaf nama saaxilan akkasii irratti hirmaachuuf ykn hirmaachuuf dhiisuuf murteessuu irratti nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? Waaqayyo lubbuudhaaf hangam bakka guddaa akka kennu beekuun keenya gaaffiiwwan kanneen deebisuuf nu gargaara.

Ilaalcha Waaqayyo Lubbuudhaaf Qabu

Kitaabni Qulqulluun Yihowaan “madda jireenyaa ti” jedha. (Faarfannaa 36:9) Yihowaan nu uumuu malees, wantoota jireenyatti gammaduuf nu barbaachisan hedduu nuuf kenneera. (Faarfannaa 139:14; Hojii Ergamootaa 14:16, 17; 17:24-28) Kanaafuu, wantoota inni gaarummaa guddaadhaan nuuf kenne of eeggannoodhaan eeguu qabna yoo jedhame arbeessuu hin taʼu. Seerawwanii fi qajeelfamawwan saba Israaʼeliif kennamanii turan dhugaa kana hubachuuf nu gargaaru.

Seerri Musee namni tokko lubbuu warra kaanii balaa irraa eeguuf dursee of eeggannoo tokko tokko gochuu akka qabu ajaja. Namni tokko kana utuu hin godhin hafee lubbuun yoo bade garuu dhiiga nama duʼe sanaatiif itti gaafatama. Fakkeenyaaf, namni mana haaraa ijaaru tokko baaxii mana isaa irratti ittisa tolchuu akka qabu ajajameera. Kanaa achi namni tokko baaxii sana irraa kufee yoo duʼe abbaan manaa sun dhiigaan itti gaafatama. (Keessa Deebii 22:8) Qotiyyoon tokko akkuma tasaa nama tokko waraanee yoo ajjeese, abbaan qotiyyoo sanaa itti hin gaafatamu. Karaa biraatiin garuu, qotiyyoon sun amala nama waraanuu akka qabu kan beekamuu fi abbaan qotiyyoo sanaas waaʼeen qotiyyoo sanaa akeekkachiisni kan isaaf kenname taʼus qotiyyoo sana utuu hin eegin hafuu isaatiin qotiyyichi nama tokko yoo waraane, abbaan qotiyyoo sanaa dhiigaan waan itti gaafatamuuf ni ajjeefama. (Baʼuu 21:28, 29) Lubbuun Yihowaa duratti iddoo guddaa qaba, Seerri isaas lubbuudhaaf eegumsa guddaa gochuun barbaachisaa akka taʼe kan ibsu dha.

Tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoo taʼan, qajeelfamawwan kunneen wantoota lubbuu balaadhaaf saaxilan gochuu wajjin haala wal qabateenis hojii irra akka oolan hubatanii turan. Seenaa Kitaaba Qulqulluu tokko irratti, Daawit “Boolla bishaanii karra Beetaliheem bira jiru keessaa bishaanan dhugu utuun argadhee natti tola ture!” jedhee fedhii isaa ibsee ture. Yeroo kanatti Beetaliheem toʼannaa Filisxeemota jala turte. Loltoonni Daawit sadan wanta inni jedhe kana yommuu dhagaʼan bakka Filisxeemonni buufatan keessa qaxxaamuranii boolla bishaanii Beetaliheemii bishaan waraabanii isaaf fidan. Maarree Daawit maal godhe? Bishaanicha dhuguu mannaa lafa irratti dhangalaase. Akkana jedhe: “Kana gochuun Waaqa koo duratti anaaf wanta hin yaadamne dha! Dhiiga namoota lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilan kanaa dhuguun qabaa? Sababiin isaas, isaan bishaan kana kan fidan lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilanii ti.” (1 Seenaa Baraa 11:17-19) Daawit fedhii dhuunfaa isaa guuttachuuf jedhee, wanta lubbuu namootaa balaadhaaf saaxiluu dandaʼu gochuun isaaf matumaa wanta hin yaadamne ture.

Yesuusis yeroo Diyaabilos, mulʼataan taʼuu hin ooluu, maleekonni akka isa oolchanii fi akka isa hin oolchine ilaaluuf fiixee gamoo mana qulqullummaa irraa akka gad of darbatu isa gaafatetti wantuma wal fakkaatu godheera. Yesuus, “Waaqa kee Yihowaa hin qorin” jedhee isaaf deebise. (Maatewos 4:5-7) Eeyyee, Daawitis taʼe Yesuus, utuu hin barbaachisin wanta lubbuu namootaa balaadhaaf saaxiluu dandaʼu gochuun Waaqayyo duratti dogoggora akka taʼe hubatanii turan.

Fakkeenyawwan kanneen sammuutti qabachuudhaan akkana jennee gaafanna taʼa: ‘Wanti ispoortiin tokko balaadhaaf kan nama saaxilu akka taʼe murteessuuf nu gargaaru maali dha? Bashannanni mataa isaatti balaadhaaf nama hin saaxille illee, karaa sirrii taʼeen yoo raawwatame balaadhaaf nama saaxiluu waan dandaʼuuf, gama kanaan madaallii keenya eeguuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?’

Hamma Kana Aarsaan Kaffalamuufii Qabaa?

Sochii kam irratti iyyuu hirmaachuu keenya dura, haala isaa irratti of eeggannoodhaan yaaduun keenya deebii isaa beekuuf nu gargaara. Fakkeenyaaf, akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Ispoortiin kun hammam balaadhaaf nama saaxila? Leenjii ykn miʼa balaa irraa of eeguuf na dandeessu hunda qabaa? Yoon kufe ykn yoon sirriitti utuun hin utaalin hafe ykn miini balaa irraa nama eegu yoo sirriitti hojjechuu baate miidhaa akkamiitu na irra gaʼa? Balaa salphaatu na irra gaʼa moo miidhaa guddaa na irraan geessisuu ykn duʼaaf na saaxiluu dandaʼa?’

Kiristiyaanni dhugaan tokko utuu hin barbaachisin bashannanaaf jedhee wanta lubbuu isaa balaadhaaf saaxiluu dandaʼu raawwachuun isaa, hariiroo cimaa Yihowaa wajjin qabu irratti dhiibbaa gochuu dandaʼa; gumii keessattis mirgawwan addaa tokko tokko isa dhabsiisuu dandaʼa. (1 Ximotewos 3:2, 8-10; 4:12; Tiitoo 2:6-8) Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Kiristiyaanonni yeroo bashannananitti illee Uumaan isaanii lubbuudhaaf bakka guddaa akka kennu yaaduun isaanii baayʼee barbaachisaa dha.

[Miiljalee]

^ key. 4 Ispoortiin paaraashuutiidhaan gamoowwan irraa, riqichawwan irraa ykn kattaawwan irraa utaaluu gaafatu balaa guddaadhaaf kan nama saaxilu waan taʼeef yeroo ammaatti Tajaajila Paarkii Biyyoolessaa Yuunaayitid Isteetisiin dhorkameera.