Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 5

Barbaachisummaa Qajeelfama Gaʼeessotaa

Barbaachisummaa Qajeelfama Gaʼeessotaa

QAJEELFAMNI GAʼEESSONNI KENNAN MAALFAA DABALATA?

Ijoolleen jireenya isaanii keessatti qajeelfamnii fi gorsi gaʼeessotaa isaan barbaachisa. Warra waan taataniif gaʼee kana raawwachuuf carraa hunduma irra caalu kan qabu isini dha; inumaa iyyuu akka gochuuf dirqamni isin irra jira. Taʼus, gaʼeessonni kaanis ijoollee keessaniif gorsitoota gaarii taʼuu ni dandaʼu.

QAJEELFAMNI GAʼEESSOTAA BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Biyyoota hedduu keessatti, yeroon ijoolleen gaʼeessotaa wajjin dabarsan muraasa dha. Mee haalawwan armaan gadii ilaalaa:

  • Ijoolleen yeroo guyyaa keessatti qaban harka caalaa isaa kan dabarsan mana barumsaatti dha; mana barumsaatti immoo barsiisotaa fi gaʼeessota caalaa lakkoofsa ijoolleetu baayʼata.

  • Ijoolleen tokko tokko mana barumsaatii gara manaatti yommuu deebiʼan warri isaanii bakka hojii waan jiraniif mana duwwaatu isaan eeggata.

  • Qorannoon Yuunaayitid Isteetis keessatti taasifame tokko akka ibsetti, ijoolleen umuriin isaanii waggaa 8 hanga 12 gidduu jiru, miidiyaalee bashannanaa irratti giddu galeessaan guyyaa guyyaadhaan saʼaatii jaʼa dabarsu. *

Kitaabni Hold On to Your Kids jedhamu akkana jedheera: “Ijoolleen qajeelfamaa fi gorsa kan gaafatan ykn akka fakkeenyaatti kan fudhatan, haadhotii, abbootii, barsiisotaa fi gaʼeessota itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu utuu hin taʼin  . . . hiriyoota isaanii taʼeera.”

IJOOLLEEDHAAF QAJEELFAMA KENNUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

Ijoollee keessanii wajjin yeroo dabarsaa.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Daaʼima karaa inni irra deemuu qabu barsiisi; innis yeroo dulloomutti illee isa irraa hin goru.”—Fakkeenya 22:6.

Ijoolleen uumamaan qajeelfama argachuuf kan carraaqan warra isaanii irraa ti. Ogeessonni akka jedhanitti, ijoolleen erga umurii waggoota kurnanii irra gaʼanii booda illee gorsa hiriyoota isaanii irraa argatan caalaa gorsa warra isaanii irraa argataniif iddoo guddaa kennu. Doktar Looransi Istiinbargi kitaaba isaanii You and Your Adolescent jedhamu irratti akkana jedhanii barreessaniiru: “Ijoollummaa irra darbanii umurii dargaggummaa irraa erga gaʼanii booda illee ilaalcha isaanii fi amala isaanii irratti dhiibbaa guddaa geessisuu kan dandaʼan warra isaanii ti.” Itti dabaluudhaanis, “Yeroon ijoolleen keessan wanta isin dubbatan hin fudhanne ykn yaada keessan irratti walii hin galle jiraatus, ilaalcha keessaniif iddoo guddaa kennu; wanta isin dubbatanis ni dhaggeeffatu” jedhaniiru.

Ijoolleen keessan qajeelfama argachuuf uumamaan gara keessan waan dhufaniif carraa kana akka gaariitti itti fayyadamaa. Ijoollee keessanii wajjin yeroo dabarsaa, ilaalcha, amala naamusaa fi muuxannoo keessan isaanitti himaa.

Ijoolleen keessan nama fakkeenya isaaniif taʼu akka argatan isaan gargaara.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Namni ogeeyyii wajjin deemu ogeessa taʼa.”—Fakkeenya 13:20.

Namoota beektan keessaa gaʼeessi ijoollee keessan dargaggoota taʼaniif fakkeenya gaarii taʼuu dandaʼu jiraa? Namni sun ijoollee keessanii wajjin yeroo akka dabarsu maaliif haala hin mijeessitan? Kana jechuun garuu, itti gaafatamummaa warra taʼuudhaan qabdan dabarsitanii itti kennitu jechuu miti. Taʼus, deggersi gaʼeessi itti amanamtanii fi ijoollee keessan irra miidhaa akka hin geessisne mirkanaaʼoo taatan kennu leenjii isin kennitan irratti isin gargaaruu dandaʼa. Ximotewos inni Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame, gaʼeessa erga taʼee booda illee hariiroo Phaawulosii wajjin qabu irraa faayidaa guddaa argateera; Phaawulosis Ximotewosii wajjin hariiroo qabachuu isaatiin fayyadameera.—Filiphisiyus 2:20, 22.

Yeroo ammaatti akkuma bara durii maatiiwwan kan jiraatan bakka tokkotti sassaabamanii miti; akkoo fi akaakayyuu, eessuma fi wasiila, adaadaa fi firoonni kaan kan jiraatan biyyoota garaagaraa keessa dha. Maatiin keessanis haala akkasii keessa kan jiraatu yoo taʼe, carraa ijoolleen keessan gaʼeessota fakkeenya gaarii taʼan irraa itti baratan akka qabaatan haala isaaniif mijeessaa.

^ key. 9 Qorannoon sun akka argisiisutti, ijoolleen umurii waggoota kurnanii keessa jiran miidiyaalee bashannanaa irratti gidduu galeessaan guyyaatti gara saʼaatii sagalii dabarsu. Lakkoofsi waaʼee ijoollee xixinnoo fi umurii waggoota kurnanii keessa jiran ilaalchisee kenname kun, yeroo isaan mana barumsaatti ykn hojii manaa hojjechuuf intarneetii fayyadamuudhaan dabarsan hin dabalatu.