Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jabaatanii hojjechuu barachuun ispoortii hojjechuu wajjin wal fakkaata; ammas taʼe gara fuulduraatti si fayyada

DARGAGGOOTAAF

11: Jabaatanii Hojjechuu

11: Jabaatanii Hojjechuu

MAAL JECHUUDHA?

Namoonni jabaatanii hojjetan hojiirraa hin baqatan. Kanaa mannaa, hojicha kan hin dinqisiifanne yoo taʼellee, wanta ofii isaaniitiif barbaachisu argachuu fi warra kaan gargaaruuf jecha cimanii hojjetu.

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Jaallannes jibbines jireenyi itti gaafatamummaadhaan kan guutamedha. Namoonni hedduun jabaatanii hojjechuu kan hin jaallanne taʼus, jabaattee hojjechuun kee faayidaa siif argamsiisa.—Lallaba 3:13.

“Jabaadhee hojjechuun koo kabajan ofiif qabu akka guddisuu fi gammachuu akka naaf argamsiisu baradheera. Gammachuu guddaan argadhe kunis hojii akkan jaalladhu na taasiseera. Naamusa hojii gaarii qabaachuun maqaa gaarii qabaachuufis si gargaara.”—Reyoon.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Hojiin ciminaan hojjetamu kam iyyuu buʼaa qaba.”—Fakkeenya 14:23.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

Tarkaanfiiwwan armaan gadii fudhachuudhaan hojiidhaaf ilaalcha gaarii horadhu.

Wanta tokko akka gaariitti hojjechuu barachuuf carraaqi. Hojii mana keessaa, hoji manees taʼe hojii kan biraa, wanta hojjettu kamiifiyyuu xiyyeeffannaa guddaa kenni. Takkaa akka gaariitti erga hojjetee booda, karaawwan itti fooyyessitu barbaadi; saffisaan ykn caalaatti akka gaariitti hojjechuuf yaali. Dandeettii kee caalaatti yommuu guddifattu, hojii kee caalaatti jaallatta.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Nama hojii isaa irratti dandeettii qabu argiteettaa? Inni mootota dura dhaabbata; namoota kaan dura hin dhaabbatu.”—Fakkeenya 22:29.

Faayidaa argamsiisurratti xiyyeeffadhu. Yommuu itti gaafatamummaa kee akka gaariitti raawwattu hundumaatti warra kaan fayyadda. Fakkeenyaaf, hojii mana keessaa jabaattee yoo hojjette baʼaa miseensota maatii keetii salphista.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.”—Hojii Ergamootaa 20:35.

Kiilomeetira dabalataa deemi. Waanuma sirraa eegamu qofa utuu hin taʼin, wanta dabalataas hojjechuuf yaali. Akkas gochuudhaan jireenya kee toʼatta; wanta dabalataa kan hojjettu dirqisiifamtee utuu hin taʼin, filannoo keetiini.—Maatewos 5:41.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: ‘Wanti gaariin ati gootu dirqamaan utuu hin taʼin fedhii keetiin haa taʼu.’—Fiilmoon 14.

Madaallii kee eeggadhu. Namoonni jabaatanii hojjetan dhibaaʼoo miti, namoota araada hojii qabanis miti. Kanaa mannaa, madaallii isaanii ni eeggatu; jabaatanii hojjechuudhaanis taʼe boqochuudhaan ni gammadu.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Hojii cimaa harka lama guutuu qabaachuun akka bubbee duukaa fiiguu ti; kana irra boqonnaa harka tokko guutuu qabaachuu wayya.”—Lallaba 4:6.