Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

DAMMAQAA! Lakk. 2 2018 | Iccitiiwwan Maatiin Akka Milkaaʼu Gargaaran 12

Iccitiiwwan Maatiin Akka Milkaaʼu Gargaaran 12

Rakkinni maatiiwwan milkaaʼina dhabanii maal akka taʼe ilaalchisee wanta hedduu ni dhageenya. Haa taʼu malee, wanti maatiiwwan tokko tokkoof milkaaʼina argamsiise maal akka taʼe haa ilaallu.

  • Bara 1990 hamma 2015​tti, Yuunaayitid Isteetisitti lakkoofsi namoota wal hiikanii warri umuriin isaanii 50 olii dachaadhaan kan dabale yeroo taʼu, warri umuriin isaanii 65 oliimmoo harka sadiin dabaleera.

  • Warri bitaa isaanitti taʼeera: Hayyoonni tokko tokko yeroo hunda ijoollee jajuun sirrii akka taʼe jajjabeessu; kaanimmoo ijoolleedhaaf fuula kennuu dhiisuu jajjabeessu.

  • Dargaggoonni umurii gaʼeessummaarra kan gaʼan ogummaa isaan barbaachisu utuu hin argatinidha.

Taʼus, dhugaan isaa . . .

  • Gaaʼelli gammachiisaa fi dhaabbataa taʼuu dandaʼa.

  • Warri ijoollee isaanii jaalalaan adabuu barachuu ni dandaʼu.

  • Dargaggoonni ogummaa yeroo gaʼeessummaatti isaan barbaachisu argachuu ni dandaʼu.

Akkamitti? Maxxansi Dammaqaa! kun iccitiiwwan maatiin akka milkaaʼu gargaaran 12 ibsa.

 

1: Waadaa Eeguu

Gorsawwan gaarii sadan hiriyoonni gaaʼelaa waliin akka jiraatan gargaaran.

2: Wal Deggeranii Hojjechuu

Hiriyaan gaaʼelaa keessan akkuma nama akkasumaan kutaa tokko keessa waliin jiraattaniitii?

3: Kabaja

Dubbiiwwanii fi gochawwan hiriyaan gaaʼelaa kee akka kabajame akka itti dhagaʼamu godhan warra kam akka taʼan baradhu.

4: Dhiifama Gochuu

Hirʼina hiriyaa gaaʼelaa kee bira darbuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa?

5: Waliin Haasaʼuu

Ijoollee keetti dhihaachuuf tarkaanfiiwwan barbaachisoo sadan si gargaaran.

6: Adaba Kennuu

Adabni mucaan tokko ulfina ofiif qabu akka dhabu godhaa?

7: Naamusa Gaarii Barsiisuu

Ulaagaawwan akkamii ijoollee kee barsiisuu qabda?

8: Fakkeenya Taʼuu

Dubbiin keessan garaa ijoollee keessanii akka tuqu yoo barbaaddan, gocha keessanii wajjin akka wal simu godhaa.

9: Eenyummaa Ofii Beekuu

Dargaggoonni amantii isaaniitiif ejjennoo cimaa qabaachuu kan dandaʼan akkamitti?

10: Amanamaa Taʼuu

Warri kee akka si amananiif gaʼeessa taʼuuf barbaachisaadha.

11: Jabaatanii Hojjechuu

Dargaggummaa keetti jabaattee hojjechuu barachuun kee wanta jireenya kee keessatti raawwattu kamirratti iyyuu milkaaʼina argachuuf si gargaaruu dandaʼa.

12: Galmawwan

Galma baafatterra gaʼuun kee ofitti amanannaan kee akka guddatu, michummaan warra kaan wajjin qabdu akka cimuu fi gammachuun kee akka dabalu godha.

Maatiidhaaf Gargaarsa Dabalataa

Gorsi Kitaaba Qulqulluu gaaʼela milkaaʼina qabuu fi maatii gammachuu qabu qabaachuuf si gargaara.