Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MOOTUMMAA RAKKINICHAAF FURMAATA KENNU

“Nagaan . . . Dhuma hin Qabaatu”

“Nagaan . . . Dhuma hin Qabaatu”

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii namoonni hundi akka wal deggeran, mirgoota namoomaa akka kabajanii fi qilleensa naannootiif eegumsa akka godhan jajjabeessaa jiru. Maaliif? Maahar Naasir barruu UN Chronicle jedhamurratti akka ibsanitti, “jijjiiramni qilleensaa, yakki gurmaaʼinaan raawwatamu, wal qixxummaa dhabuun yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira, walitti buʼiinsi hin furamne, tuutaan qeʼee ofiirraa buqqaʼuun, shororkeessummaan, weerarri dhibee fi wantoonni sodaachisoo taʼan kan biroon wantoota namoota biyya kamiyyuu jiraatan tuqanidha.”

Warri kaanimmoo mootummaan addunyaa tokko akka barbaachisu isaanitti dhagaʼama. Yaada falaasaa, walaleessaa fi xiinxalaa siyaasaa kan taʼe Daantee (1265-1321) fi hayyuu fiiziksii kan taʼe Albarti Anistaayin (1879-1955) dubbatan caqasu. Daanteen addunyaan siyaasaan qoqqoodame nagaa fiduu akka hin dandeenye amana ture. Yaada Yesuus Kiristoos dubbate caqasuudhaan, “Mootummaan wal qoqqoodu hundi ni bada” jedheera.​—Luqaas 11:17.

Waraana Addunyaa Lammaffaa (waraana kanarratti atoomik boombiin lama faayidaarra ooleera) booda, Albarti Anistaayin xalayaa uummataaf maxxanfame tokko Gumii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitiif barreessee ture. Akkana jedheera: “Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii mootummaa addunyaa tokko hundeessuuf wanta barbaachisu hunda raawwachuuf hatattamaan tarkaanfii fudhachuu qaba.”

Haa taʼu malee, namoonni siyaasaa mootummaa humna guddaa qabu tokko argamsiisan malaanmaltummaa akka hin raawwanne, dandeettii akka qabanii fi hacuuccaa akka hin raawwanne mirkanaaʼoo taʼuun ni dandaʼamaa? Moo isaanis akkuma bulchitoota kaanii jalʼina ni raawwatu? Gaaffileen kun wanta barreessaa seenaa Biritaaniyaa kan taʼe Loordi Akshin “Aangoon amala balleessa, aangoon daangaa hin qabnemmoo amalli namaa garmalee akka badu godha” jechuudhaan dubbate nu yaadachiisu.

Maatiin ilmaan namootaa nagaa dhugaa qabaachuu kan dandaʼu tokkummaa yoo qabaate qofadha. Maarree, galma kanarra gaʼuun kan dandaʼamu akkamitti? Kun wanta taʼuu dandaʼudhaa? Deebiin Kitaabni Qulqulluun gaaffii kanaaf kennu kun taʼuu akka dandaʼuu fi dhugumaan akka taʼu argisiisa. Akkamitti? Kana argamsiisuu kan dandaʼu mootummaa addunyaa namoota siyaasaa amala mancaʼe qabaniin hundeeffame miti. Kanaa mannaa, mootummaa Waaqayyo hundeessedha. Mootummaan kun mirga inni uumamawwan isaa bulchuuf qabu argisiisa. Mootummaan kun maalidha? Kitaabni Qulqulluun “Mootummaa Waaqayyoo” jedhee waama.​—Luqaas 4:43.

“MOOTUMMAAN KEE HAA DHUFU”

Yesuus Kiristoos yeroo kadhannaa fakkeenya taʼu dubbatetti Mootummaa Waaqayyoo sammuutti qabachuudhaan, “Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin kee . . . lafa irrattis haa taʼu” jedhee barsiiseera. (Maatewos 6:9, 10) Eeyyee, Mootummaan Waaqayyoo fedhiin namoota aangoo dharraʼanii fi ofittoo taʼanii utuu hin taʼin fedhiin Waaqayyoo lafarratti akka raawwatamu ni godha.

Mootummaan Waaqayyoo ‘Mootummaa samii’ jedhamees waamameera. (Maatewos 5:3) Maaliif? Mootummaan kun lafa kan bulchu taʼus, lafarra taʼee utuu hin taʼin samiirraa bulcha. Kun hiika akkamii akka qabu yaadi. Mootummaan kun deggersi maallaqaa isa hin barbaachisu. Kun namoota mootummaa kana jalatti bulaniif boqonnaa guddaa argamsiisa!

Jechi “mootummaa” jedhu akka argisiisutti Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa mootiidhaan buludha. Mootiin kunis Yesuus Kiristoosi; Yesuus aangoo isaa kana Waaqayyorraa argate. Kitaabni Qulqulluun Yesuusiin ilaalchisee akkana jedha:

  • “Bulchiinsi gateettii isaa irra ni taʼa . . . Badhaadhinni bulchiinsa isaa, nagaan isaas dhuma hin qabaatu.”​—Isaayyaas 9:6, 7.

  • “Uummanni, saboonnii fi namoonni qooqa garaa garaa dubbatan hundi akka isa tajaajilaniif, bulchiinsi, ulfinnii fi mootummaan isaaf ni kenname. Bulchiinsi isaa . . . hin darbu.”​—Daaniʼel 7:14.

  • “Mootummaan addunyaa, Mootummaa Gooftaa [Waaqa] keenyaa fi Mootummaa Kiristoos ni taʼe.”​—Mulʼata 11:15.

Yeroo kadhannaan Yesuus barsiise raawwii isaa argatu Mootummaan Waaqayyoo fedhiin isaa lafarratti guutummaatti akka raawwatamu godha. Namoonni Mootummaa kana jalatti bulan hundi lafa kunuunsuudhaan akka haaromtuu fi lubbu qabeeyyiidhaan akka guutamtu gochuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ni baratu.

Hunda caalaammoo, Mootummaan Waaqayyoo namoota isa jalatti bulan ni barsiisa. Yeroo sanatti namoonni hundi ulaagaalee wal fakkaatan baratu. Jeequmsis taʼe wal qoqqoodinsi hin jiraatu. Isaayyaas 11:9, “Miidhaa yookiin badiisa akkamii iyyuu hin geessisan, sababiin isaas, akkuma bishaan galaana uwwisu, laftis dhugumaan beekumsa Yihowaatiin ni guutamti” jedha.

Namoonni addunyaa maratti argaman tokkummaa fi nagaadhaan jiraatu; wanti Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii milkeessuu barbaadu kanadha. Faarfannaan 37:11, “Nagaa hedduu [argatanii] baayʼee ni gammadu” jedha. Suutuma suuta jechoonni kanneen akka “yakkaa,” “faalamaa,” “hiyyummaa” fi “waraanaa” jiran irraanfatamaa dhufu. Garuu kun kan taʼu yoomi? Mootummaan Waaqayyoo guutummaa lafaa bulchuu kan jalqabu yoomi? Kana kan godhu akkamitti? Bulchiinsa isaarraa fayyadamuu kan dandeessuhoo akkamitti? Mee haa ilaallu.