Dhimma ijoo ta'etti seeni

Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?

Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa ilmaan namootaa hundumaa bakka buʼuudhaan guutummaa lafaa bulcha. (Daaniʼel 2:44; Mulʼata 16:14) Yeroo kun taʼutti, Mootummaan Waaqayyoo . . .

  •   Namoota hamoo ofittummaadhaan hunda keenya irra miidhaa geessisan ni balleessa. “Warri jalʼoonni garuu biyyicha keessaa in balleeffamu; warri hin amanamnes isa keessaa in buqqifamu.”—Fakkeenya 2:22.

  •   Waraana hundumaa ni balleessa. “[Waaqayyo] hamma andaara lafaatti duulli akka dhaabatu in godha.”—Faarfannaa 46:9.

  •   Badhaadhinnii fi nageenyi lafa irra akka jiraatu godha. “Isaan adduma addaan muka waynii isaanii jala, harbuu isaanii jalas in taaʼu; namni tokko illee isaan hin sodaachisu.”—Miikiyaas 4:4.

  •   Lafti gara jannataatti akka jijjiiramtu godha. “Lafti duwwaanii fi lafti gogaan in gammadu, lafti onaanis ililchee, akka arfaasee in daraara.”—Isaayaas 35:1.

  •   Namni hundi hojii isaaf taʼuu fi gammachiisaa taʼe akka argatu godha. ‘Warri [Waaqayyo] foʼate isa harka isaaniitiin itti dadhabanii hojjetan in nyaatu. Isaan siʼachi akkasumaan dadhabanii hin hojjetan.’—Isaayaas 65:21-23.

  •   Dhukkuba ni balleessa. “Isaan keessaa namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru.”—Isaayaas 33:24.

  •   Dulluma irraa bilisa nu godha. “Dhagni isaa kan saafelaa caalaatti haa haaraʼu! Akka bara dargaggummaa isaattis haa deebiʼu!”—Iyoob 33:25.

  •   Warra duʼan duʼaa kaasa. ‘Saʼaatiin namoonni duʼanii awwaala yaadannoo keessa jiran hundi sagalee [Yesuus] itti dhagaʼan ni dhufa; awwaala keessaas ni baʼu.’—Yohaannis 5:28, 29.