Dhimma ijoo ta'etti seeni

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

“Wantan Barbaadu Hunda Waanan Qabu Natti Fakkaata Ture”

“Wantan Barbaadu Hunda Waanan Qabu Natti Fakkaata Ture”
  • BARA DHALOOTAA: 1962

  • BIYYA DHALOOTAA: Kaanaadaa

  • SEENAA: Jireenya naamusaan ala taʼe jiraachaa kan ture

JIREENYA KOO DURAA

 Kanan dhaladhe magaalaa guddoo Kuubeek ishii bulchiinsa Kaanaadaa keessatti argamtuu fi Moontiriyaal jedhamtu keessatti dha. Anii fi obbolaawwan koo sadan naannoo bareedaa Roozmoonti jedhamutti dhihoo jirutti warra jaalala qabeeyyii taʼaniin guddanne. Jireenya tasgabbaaʼaa fi nagaa qabu wajjin jiraanna turre.

 Yeroon ijoollee turetti, Kitaaba Qulqulluu nan dubbisa ture. Yeroo umuriin koo waggaa 12 taʼu Kitaaba Qulqulluu Kakuu Haaraa irraa waaʼee seenaa jireenyaa Yesuus dubbisuun baayʼee akka na gammachiisu nan yaadadha. Jaalallii fi gara laafinni inni namootaaf qabu waan na tuqeef anis akkuma isaa taʼuun barbaade. Kan nama gaddisiisu garuu yommuun guddachaa adeemuu fi namoota dhiibbaa gadhee na irratti godhan wajjin michoomuu jalqabu fedhiin koo kun ni bade.

 Abbaan koo meeshaa muuziqaa saaksifoonii jedhamu taphata ture; anis saaksifoonii isaa qofa utuu hin taʼin jaalala muuziqaa isa jireenyi koo irratti xiyyeeffate isa irraa dhaaleera. Muuziqaan baayʼee waan na gammachiisuuf gitaara taphachuu barachuuf yeroo dheeraan natti hin fudhanne. Yeroo booda hiriyoota koo wajjin taʼee baandii muuziqaa rook kanan hundeesse siʼa taʼu, agarsiisawwan baayʼee irratti hojii keenya dhiheessineerra. Qopheessitoonni muuziqaa beekamoon tokko tokko kana waan hubataniif muuziqaa koo beeksisuuf na gaafatanii turan. Achiis kaampaanii muuziqaa guddaa tokko wajjin walii galtee mallatteessine. Muuziqaan koos baayʼee waan beekameef Kuubeek keessatti raadiyoo irratti irra deddeebiʼamee ni dhaggeeffatama ture.

 Wantan barbaadu hunda waanan qabu natti fakkaata ture. Dargaggeessaa fi nama beekamaa waanan tureef wantan jaaladhu raawwachuudhaan qarshii hedduu argadheen ture. Guyyaa guyyaa iddoo ispoortiin itti hojjetamu deemuudhaan, namoota gaafannoo naa godhaniif deebii kennuudhaan, sagantaa dinqisiifattoota keenyaaf mallatteessuu irratti hirmaachuudhaan akkasumas qophiiwwan televijinii irratti argamuudhaanan dabarsa ture. Galgala immoo agarsiisa tokko tokko irrattin muuziqaa koo dhiheessa akkasumas affeerraa adda addaa irrattin argama ture. Dinqisiifattoota koo duratti yommuun dhihaadhu akkan hin sodaanne yeroo dargaggummaa kootti dhugaatii alkoolii dhuguu fi qoricha sammuu namaa hadoochu fayyadamuun jalqabe. Kana malees nama dantaa hin qabnee fi naamusa hin qabnen ture.

 Nama gammachuu qabu waanan fakkaadhuuf namoonni tokko tokko akkaataa jireenyaa kootti ni hinaafu turan. Haa taʼu malee keessumaa yeroon kophaa koo taʼutti gatii akkan hin qabne natti dhagaʼama ture. Gaddii fi dhiphinni natti dhagaʼama ture. Kan nama gaddisiisu yeroon milkaaʼina guddaa argadhe kanatti qindeessitoonni muuziqaa koo lama dhukkuba Eedsiitiin duʼan. Anis baayʼeen rifadhe! Muuziqaa kanan jaaladhu taʼus akkaataan jireenyaa muuziqaa wajjin wal qabate na jibbisiise.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

 Milkaaʼina kanan argadhe taʼus addunyaa kana keessatti rakkinni guddaan tokko akka jiru beekeen ture. Jalʼinni haqaa garmalee baayʼachuu kan dandaʼe akkamitti? ‘Waaqayyo tarkaanfii fudhachuu irraa duubatti kan jedhe maalifi?’ kan jedhu na yaachisa ture. Yeroo baayʼee deebii argachuufis gara Waaqayyootti kadhannaa nan dhiheessa ture. Yommuun imala irraa boqonnaa argadhu deebiʼee Kitaaba Qulqulluu dubbisuun jalqabe. Wantan dubbisu keessaa baayʼee isaa sirriitti hubachuu baadhus dhumni addunyaa dhihaatee taʼuu qaba jedheen yaade.

 Kitaaba Qulqulluu utuun dubbisuu yeroo tokko Yesuus lafa onaatti guyyaa 40f soomuu isaan hubadhe. (Maatewos 4:1, 2) Anis akkas yoon godhe tarii Waaqayyo natti of mulʼisuu dandaʼa jedhee waanan yaadeef, guyyaan itti soomuu jalqabun murteesse. Soomuu jalqabuu koo torban lama dura Dhugaa Baatonni Yihowaa lama balbala koo rurukkutan, anis akka waan isaan eegaa tureetti akka seenan isaan affeere. Achiis Dhugaa Baatuu maqaan isaa Zyaak jedhamu ija isaa keessa ilaalaa, “Guyyoota dhumaa addunyaa kanaa keessa jiraachaa akka jirru akkamitti beekuu dandeenya?” jedheen isa gaafadhe. Innis Kitaaba Qulqulluu isaa baasee, 2 Ximotewos 3:1-5 irraa deebii isaa natti argisiise. Anis lamaan isaanii iyyuu gaaffii baayʼee kanan gaafadhe siʼa taʼu, deebii sirrii fi quubsaan isaan naaf kennan akkasumas Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe taʼuun isaa na dinqisiise. Guyyaa muraasaaf erga mariʼannee booda soomuun barbaachisaa akka hin taanen hubadhe.

 Anis Dhugaa Baatota wajjin yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun jalqabe. Yeroo booda rifeensa koo dheeraa muradhee walgaʼiiwwan Galma Walgaʼii naannoo keenyatti argamutti geggeeffamu hunda irratti hirmaachuun jalqabe. Simannaa hoʼaan walgaʼiiwwan kana irratti naaf godhames dhugaa akkan argadhe na amansiise.

 Dhugaadha, wantan qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu koo irraa baradhe hojii irra oolchuuf, jireenya koo keessatti jijjiirama guguddaa gochuun na barbaachisee ture. Tokkoffaa, qorichawwan sammuu namaa hadoochanii fi seeraan dhorkaman fudhachuu, akkasumas akkaataa jireenyaa koo isa naamusaan ala taʼe dhaabuun qaba ture. Kana malees ilaalcha ofittummaa koo jijjiiruu fi caalaatti namoota kaaniif akkan yaadu argisiisuu na barbaachisa ture. Abbaa qeenxee waanan tureef wanta karaa miiraa fi hafuuraa ijoollee koo lamaaniif barbaachisu guutuu barachuun qaba ture. Kanaafuu hojii muuziqaa koo dhiiseen warshaa tokko keessatti hojii kaffaltii gad aanaa argamsiisu hojjechuun jalqabe.

 Jijjiirama kana hunda gochuun salphaa hin turre. Qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu dhiisuuf yeroon carraaqutti mallattoo araada dhiisuu kootiin walqabatee dhufu wajjin walʼaansoo godheera akkasumas yeroo muraasaaf natti deebiʼee ture. (Roomaa 7:19, 21-24) Keessattuu akkaataa jireenyaa koo isa naamusaan ala taʼe dhiisuun ulfaataa ture. Kana malees hojiin koo inni haaraan kan nama dadhabsiisuu fi mindaan koo inni xiqqaan immoo kan abdii nama kutachiisu ture. Qarshii weellisaa taʼee saʼaatii lama keessatti argachaa ture argachuuf jiʼa sadi hojjechuun qaba ture.

 Sirreeffama ulfaataa taʼan kanneen yeroon godhetti obsaan itti fufuuf kadhannaan na gargaareera. Sagantaa dubbisa Kitaaba Qulqulluu dhaabbataa taʼe qabaachuunis barbaachisaa akka taʼe hubadheera. Caqasoonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko baayʼee na jajjabeessaniiru. Caqasoota kanneen keessaa tokko 2 Qorontos 7:1 siʼa taʼu, caqasichi Kiristiyaanonni, ‘wanta foonii fi hafuura xureessu hunda irraa akka of qulqulleessan’ jajjabeessa. Barsiifatawwan koo gadhee taʼan dhiisuu akkan dandaʼu caqasni naaf mirkaneesse kan biraan immoo Filiphisiyus 4:13 yeroo taʼu, caqasichis, “Karaa isa humna anaaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba” jedha. Yihowaan kadhannaa koo naaf deebiseera akkasumas dhuma irratti dhugaa Kitaaba Qulqulluu akkan hubadhuu fi hojii irra oolchu na gargaareera. Kunis jireenya koo akkan isaaf murteessu na kakaaseera. (1 Pheexiros 4:1, 2) Achiis bara 1997⁠tti cuuphameen Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe.

FAAYIDAAN ARGADHE

 Akkaataa jireenyaa koo duraaniitiin utuun itti fufeera taʼee yeroo harʼaa lubbuudhaan akkan hin jirre beekamaa dha. Haa taʼu malee, amma jireenya gammachuu dhugaa qabu jiraachaan jira! Haati manaa tiyya Eelviin eebba guddaa naaf taateetti. Tajaajiltoota yeroo guutuu taʼuudhaan waliin taanee namoota Kitaaba Qulqulluu barsiisaa jirra. Kunis gammachuu fi badhaadhina guddaa nuuf argamsiiseera. Yihowaan gara isaatti waan na harkiseef baayʼeen isa galateeffadha.—Yohaannis 6:44.