Dhimma ijoo ta'etti seeni

Tikeetii Xiyyaaraa 19,000 Akka Kennaatti Kennuu

Tikeetii Xiyyaaraa 19,000 Akka Kennaatti Kennuu

Adoolessa 2013tti xalayaan baayʼee nama gammachiisu tokko Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa irraa misiyoonotaa fi obboloota biyya alaatti tajaajila yeroo guutuu addaa irratti hirmaachaa jiraniif ergamee ture. Xalayichi obboloonni biyya alaatti tajaajilaa jiran walgaʼiiwwan naannoo fi biyyoolessaa bara 2014 fi jalqaba bara 2015tti geggeeffaman irratti akka argaman qophiin godhamuu isaa kan dubbatu ture.

Kaayyoon qophii kanaa warri biyya alaatti tajaajilaa jiran walgaʼii irratti akka argaman gargaaruuf qofa utuu hin taʼin, maatii isaanii fi michoota isaanii wajjinis yeroo akka dabarsan gargaaruufi dha. Xalayichi, jaarmiyichi tikeetii xiyyaaraa dhaqaa galaa akka isaaniif kaffalu ibsee ture.

Kanaan dura qophiin kanaa wajjin wal fakkaatu kan ture taʼus, inni waggaa kanaa garuu adda dha. Qajeelfama Koree Barumsaa Qaama Ol Aanaa jalatti kutaa haaraan imala kana mijeessuu fi tikeetii deemsaaf gargaaru qopheessu hundeeffameera.

Akkuma xalayaan afeerrii ergameen, obboloonni hedduun tikeetiin akka isaaniif bitamuuf kutaa tikeetii qopheessu kana gaafachuu jalqaban. Amajjii 2014tti immoo gaaffiin kun garmalee baayʼate. Gareen hojii kana akka raawwatuuf ramadame biyyoota obboloonni tajaajila yeroo guutuu addaa keessa jiran deemuu barbaadan adda baafachuudhaan, dursanii tikeetii isaaniif galmeessisaniiru.

Iddoowwan tokko tokko rakkisoo turan. Reeyikjaaviik, Aayislaandii gara Koochaambaa, Booliiviyaa deemuu kan barbaadan jiru turan. Warri kaan immoo Noowumiyaa, Niiwu Kaalidooniyaa irraa gara Antaanaanaariivoo, Maadaagaaskaar deemuu qabu turan. Tokko tokko immoo Poorti Moorisbaay, Paappuwaa Niiwu Giinii irraa gara Siiyaatil, Waashingitan, Yunaayitid Isteetis deeman. Oogaaduuguu, Burkiinaa Faasoo irraa gara Wiiniipeeg, Kaanaadaa kan deemanis jiru.

Gareen kutaa imala mijeessuu fi namoota shan of keessatti qabate tikeetiiwwan xiyyaaraa gara 19,000 dursee galmeessiseera. Qarshii gumiiwwan kaayyoo kanaaf jecha buusii godhanitti fayyadamuudhaan, namoota gara 4,300 taʼanii fi biyyoota 176 keessatti argamaniif tikeetii xiyyaaraa bitanii erganiiru.

Obboloonni qophiin kun isaaniif godhame baayʼee dinqisiifataniiru. Hiriyoonni gaaʼelaa misiyoonii taʼan tokko akkana jedhanii barreessaniiru: “Harʼa iddoo ramaddii keenyaa kan taʼe Kibba Baha Eeshiyaatti deebiʼaa jirra. Gara Ingilaandi ishee biyya dhalootaa keenya taatetti deebinee, waggaa shan booda yeroo jalqabaatiif maatii keenyaa wajjin akka wal arginuuf waan nu gargaartaniif baayʼee isin galateeffanna. Utuu qophiin kun hin godhamne taʼee, akkas gochuu hin dandeenyu turre. Kun akka dandaʼamu warra taasisan hunda garaadhaa galateeffanna.”

Misiyooniin Paaraaguwaay keessa tajaajilaa jiru tokko immoo akkana jedhee barreesse: “Anii fi haati manaa koo walgaʼii biyyoolessaa Niiwu Jersii, Yunaayitid Isteetisitti taasifame irratti akka argamnuuf carraa argachuu keenyatti baayʼee galateeffachuu barbaanna. Jalqaba bara 2011 irraa eegalee waajjira muummee Yunaayitid Isteetisitti argamu daawwachuudhaaf karoora baafannee turre. Qarshii muraasas kaayyoo kanaaf walitti qabannee turre. Haa taʼu malee, waggaadhuma sana keessa jiʼa Waxabajjiitti gumii afaan mallattoo Paaraaguwaay keessatti argamu akka daawwannu afeeramne. Kun immoo adeemsa dheeraa kan gaafatu ture. Erga baayʼee irratti yaadnee booda, adeemsa gara Yunaayitid Isteetisitti gochuuf karoorfannee turre aarsaa gochuudhaan, hojiin keenya inni haaraan akka nuuf milkaaʼuuf konkolaataa bitanne. Achiis, walgaʼii biyyoolessaa irratti akka argamnuuf afeerraan nuuf dhihaate. Yeroo kanatti abjuun keenya nuuf dhugoome! Gaarummaa isaatii fi jaalala karaa kanaan nutti argisiifameef Yihowaa baayʼee galateeffanna.”

Hiriyoonni gaaʼelaa Maalaawwiitti argaman immoo akkana jedhanii barreessaniiru: “Iimeelii gabaabduu kana kan ergine, baayʼee galatoomaa jechuu barbaannee ti. Obboloota walgaʼiidhaaf deemaniif jecha hojii hojjetame, yeroo fi baasii baʼe tilmaamuun nutti ulfaata. Ciminaan hojjechuu keessan, hunda caalaa immoo jaarmiyaan Yihowaa arjummaadhaan kakaʼee gara biyya keenyaatti deebiʼuudhaan walgaʼii biyyoolessaa irratti akka hirmaannu, akkasumas maatii fi michoota keenyaa wajjin yeroo akka dabarsinu gochuu isaa baayʼee dinqisiifanna.”

Warri kutaa imala mijeessu kana keessa hojjetan hojii isaaniif kenname baayʼee jaallataniiru. Miiliiviin, “Misiyoononni biyya isaaniitti deebiʼanii maatii fi michoota isaanii akka gaafatan gargaaruun baayʼee nama gammachiisa” jetteetti. Dooriis immoo, “Jaalala guddaa jaarmiyaan Yihowaa namoota biyya alaatti tajaajilaniif qabdu akkan hubadhu na taasiseera” jetteetti. Akkasumas Raadnii inni ilaaltuu ol aanaa kutaa kanaa taʼe, “Hojii kana irratti hirmaachuun gammachuu nuuf argamsiiseera” jedheera.

Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman obboloota isaanii ciminaan hojjechaa jiranii fi fedhii isaanii aarsaa gochaa jiran gargaaruudhaaf qophii taasifame kana irratti buusii qarshii gochuu isaaniitti gammadaniiru.