Dhimma ijoo ta'etti seeni

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | GAAʼELAA

Yeroo Gaʼaa Waliin Dabarsaa

Yeroo Gaʼaa Waliin Dabarsaa

 Abbootiin manaa fi haadhotiin manaa hedduun utuma waliin jiraatanii yeroo baayʼee waliin haasaʼuun baayʼee isaanitti ulfaata. Sababiin isaa maali dha?

 Hiriyoonni gaaʼelaa utuma wal bira jiranii wal irraa kan fagaatan maaliifi?

  •   Dadhabbii

     “Waliin taʼuuf yommuu yeroo argannu abbaa manaa koo ykn anatu dadhaba. Yommuun dadhabu waanuma xinnootu na aarsa. Kanaaf calluma jennee televizyinii ilaaluu filanna.”—Aanaa.

  •   Meeshaalee elektiroonikiidhaan qabamuu

     “Weebsaayitiin hawaasaa fi bohaartiiwwan intarneetii irratti dhihaatan yeroo keessan isin jalaa gubuu dandaʼu. Hiriyaa gaaʼelaa keessanii wajjin waan tokko illee utuu walitti hin dubbatin saʼaatii dheeraa dabarsuu dandeessu. Utuma waliin jirtanii waanuma kutaa tokko keessa hin jirre isinitti fakkaachuu dandaʼa.”—Kaatriin.

  •   Fedhii garaa garaa qabaachuu

     “Abbaan manaa koo yeroo hojiidhaa dhufu, yeroo isaa harka caalaa wantoota isa gammachiisan hojjechuu irratti xiyyeeffata. Guyyaa guutuu dadhabaa waan ooluuf yeroo itti bashannanu argachuun isa barbaachisa. Ani garuu yeroo dabalataa waliin dabarsinu utuu qabaanne natti tola.”—Jeen.

  •   Hojii

     “Teknooloojiin, hojii fi jireenya maatii gidduu daangaan akka hin jiraanne godheera. Yeroon silaa haadha manaa koo wajjin dabarsuu dandaʼu harka caalaa isaa iimeelii fi ergaa deebisuudhaanan dabarsa.”—Maarki.

 Wanta gochuu dandeessan

  •   Yeroo waliin dabarsuun wanta yeroo dandeessan qofa gochuu qabdan utuu hin taʼin, wanta gochuun isin irraa eegamu akka taʼe godhaa yaada.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: ‘Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasaa beekaa.’—Filiphisiyus 1:10.

     Wanta irratti yaaduu qabdan: Gochi keessan hojii ykn bashannana irra gaaʼelli keessan akka caalu argisiisaa? Hiriyaa gaaʼelaa keessaniif xiyyeeffannaa kan kennitan yommuu yeroon isin irraa hafu qofa dhaa?

     Gorsa gaarii: Haala mijataa hin eeginaa. Sagantaa xiyyeeffannaan keessan utuu hin hihhiramin hiriyaa gaaʼelaa keessanii wajjin dabarsitan baafadhaa.

     “Abbaan manaa koo yeroo anii fi inni qofti dabarsinuuf sagantaa yommuu baasu natti tola. Kunis, akka na jaallatuu fi anaa wajjin taʼuun akka isa gammachiisu akka natti dhagaʼamu godha. Kun immoo caalaatti akkan isa jaalladhu na taasisa.”—Aanaa.

  •   Meeshaalee elektiroonikii keessan lafa kaaʼuu baradhaa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Wanti hundi yeroo isaaf murteeffame qaba.”—Lallaba 3:1.

     Wanta irratti yaaduu qabdan: Hiriyaa gaaʼelaa keessanii wajjin yeroo yommuu dabarsitan, yeroo baayʼee ergaawwan bilbilaan isiniif ergaman xiyyeeffannaan keessan akka hihhiramu taasisuu?

     Gorsa gaarii: Yoo xinnaate guyyaatti al tokko waliin nyaachuuf carraaqqii godhaa; yeroo kanatti bilbila keessan kutaa kan biraa kaaʼaa. Waliin nyaachuun waaʼee oolmaa keessanii waliin haasaʼuuf carraa gaarii isiniif bana.

  •   Yeroo dandaʼamu hundatti, gabaa waliin dhaqaa ykn hojii mana keessaa waliin hojjedhaa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Hojii jabaatanii hojjetaniif faayidaa guddaa waan argataniif, tokko taʼuu mannaa lama taʼuu wayya.”—Lallaba 4:9, miiljalee.

     Wanta irratti yaaduu qabdan: Yeroo baayʼee wanta maatichaaf barbaachisu bituuf kophaa keessan deemtuu?

     Gorsa gaarii: Hojii namni tokko qofti hojjechuu dandaʼu illee yoo taʼe waliin hojjedhaa, akkasumas wal gargaaraa.

     “Hojiiwwan akka gabaa dhaquu, qodaa miiccuu, uffata dadachaasuu, qeʼee qulqulleessuu jiran akka hojii qofatti ilaaluu mannaa carraa yeroo gaarii waliin itti dabarsitan gootanii ilaaluun keessan gaarii dha.”—Niinaa.

  •    Wanta humnaa ol taʼe wal irraa hin eeginaa

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: ‘Yaada ofiitti kan hin cichine taʼaa.’—Filiphisiyus 4:5.

     Wanta irratti yaaduu qabdan: Hiriyaa gaaʼelaa keessan irraa wanta humna isaatii ol taʼe akka isa irraa hin eegne argisiisuu kan dandeessan akkamitti?

     Gorsa gaarii: Iftoominaan waliin mariʼadhaa, akkasumas wanta hiriyaan gaaʼelaa keessan barbaadu hubachuuf carraaqqii godhaa. Achiis karaa lamaan keessan wal gammachiisuu dandeessaniin yeroo waliin dabarsuu kan dandeessan akkamitti akka taʼe murteessaa.

     “Abbaan manaa koo homaa hin dadhabu, ani garuu haala fayyaa kootiin kan kaʼe humna baayʼee hin qabu. Kanaaf yeroo baayʼee abbaa manaa kootiin, ‘Ati deemtee bashannanuu dandeessa, ani garuu asumattan si eega’ isaanan jedha. Yeroon mana taaʼu boqonnaa na barbaachisun argadha, inni immoo bakkee baʼee sochii qaamaa gochuu isa barbaachisa. Lamaan keenya iyyuu wanta nu barbaachisu gochuun keenya miirri gaariin akka nutti dhagaʼamu godha.”—Daaniyeelaa.

 Yaada irratti mariʼattan

 Jalqaba, dhuunfaa keessanitti gaaffiiwwan armaan gaditti dhihaataniif deebii kennaa. Achiis, deebii kennitan irratti mariʼadhaa.

  •    Yeroo waliin dabarsuu irratti hangam nuuf milkaaʼeera jettanii yaaddu?

  •   Yeroo waliin dabarsuuf carraaqqii gochuu irratti hiriyaan gaaʼelaa keessan wanta itti galateeffatamu qabaa?

  •   Gama kanaan wanti kam utuu fooyyeffamee isinitti tola?

  •   Meeshaaleen elektiroonikii hiriyaan gaaʼelaa keessan yeroo dubbatu xiyyeeffannaadhaan akka hin dhaggeeffanne yeroo gufuu isinitti taʼu jiraa?

  •   Lamaan keessan iyyuu wanta humna ol taʼe akka wal irraa hin eegne argisiisuu kan dandeessan akkamitti?

  •   Lamaan keessan iyyuu xiyyeeffannaa hin hihhiramne walii kennuuf torban kanatti sirreeffama akkamii gochuu dandeessu?