Dhimma ijoo ta'etti seeni

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | GAAʼELA

Meeshaa Eleektirooniksitiif Ilaalcha Madaalamaa Qabaachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

Meeshaa Eleektirooniksitiif Ilaalcha Madaalamaa Qabaachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

 Akkaataan isin meeshaa elektirooniksii itti fayyadamtan gaaʼela keessan fayyaduu ykn miidhuu dandaʼa. Gaaʼela keessan miidhuu kan dandaʼu akkamitti?

 Wanta beekuu qabdu

  •   Ogummaadhaan meeshaa elektirooniksiitti fayyadamuun gaaʼelaaf fayyaduu dandaʼa. Fakkeenyaaf, abbootiin manaa fi haadhotiin manaa tokko tokko guyyaatti yeroo bakka adda addaa taʼanitti hiriyaa gaaʼelaa isaanii wajjin haasaʼuuf itti fayyadamu.

     “Ergaan gabaabaa akka ‘siin jaaladha’ ykn ‘waa’ee kee yaadaan jira’ jedhan illee caalaatti walitti akka dhihaattan gochuu danda’a.”—Yonaataan.

  •   Meeshaa elektirooniksii karaa ogummaa hin qabneen fayyadamuun gaaʼela miidhuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko meeshaa elektirooniksii isaanii karaa dhaabataa taʼeen itti fayyadamu, kunis yeroo fi xiyyeeffannaa hiriyaa gaaʼelaa isaaniitiif kennan xiqqeessa.

     “Abbaan manaa koo yeroo ani bilbila kootti fayyadamaa hin jirreetti caalaatti na wajjin dubbachuuf yeroon isatti dhagaʼamu akka jiru beekamaa dha.”—Juulisaa.

  •   Namoonni tokko tokko meeshaa elektirooniksii isaanii utuma fayyadamaa jiranii hiriyaa gaaʼelaa isaanii wajjin haasaa gaarii gochuun akka dandaʼamu isaanitti dhagaʼama. Sheerii Taarkiil ishiin soosiyoloji irratti qorannoo gootu akkana jettetti, “namoonni al tokkotti wantoota lamaa fi lamaa ol taʼan sirriitti hojjechuun akka dandaʼamu isaanitti dhagaʼama.” Haa taʼu malee, namoonni hojiiwwan hedduu al tokkotti hojjechuun akka dandaʼamu isaanitti kan dhagaʼamu taʼus, kuni garuu sirrii miti. Sheeriin akkana jettetti, “hojii hojjechaa jirru irratti hojii kan biraa yeroo daballu dandeettiin hojjechuu keenya hirʼachaa deema.” a

     “Abbaa manaa koo wajjin haasaʼuun na gammachiisa, kuni garuu kan taʼu yeroo inni hojii hedduu hojjetu qabutti miti. Inni hojii hedduu yeroo hojjetutti ani achii jiraachuu fi dhiisuun koo akka isa hin yaaddessine natti dhagaʼama.”—Saaraa.

 Yaada ijoo: Akkaataan meeshaa elektirooniksii keessan itti fayyadamtan gaaʼela keessan fayyaduu ykn miidhuu dandaʼa.

 Wanta Gochuu Dandeessu

 Wanta dursa kennuufi qabdu adda baasi. Kitaabni Qulqulluun, ‘Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasaa’ jechuudhaan dubbata. (Filiphisiyus 1:10) Akkana jedhii of gaafadhu, ‘Yeroonii fi xiyyeeffannaan anii fi haati manaa tiyya meeshaalee elektirooniksii keenyaaf kenninu yeroo fi xiyyeeffannaa walii keenyaaf kenninu nu jalaa saamaa jiraa?’

 “Dhiirri tokkoo fi dubartiin takka mana nyaataa keessa utuma jiranii bilbila isaanii yeroo tuttuqan jechuunis bilbila isaanii irratti yeroo xiyyeeffatan arguun baayʼee nama gaddisiisa. Wanta baayʼee barbaachisaa taʼe jechuunis walitti dhufeenya walii keenyaa wajjin qabnu irraanfachuudhaan meeshaalee elektirooniksiitiif garba taʼu hin barbaannu.”—Maatewos.

 Daangaa kaaʼi. Kitaabni Qulqulluun, “akka warra ogummaa hin qabneetti utuu hin taʼin, akka namoota ogeeyyii taʼaniitti akkamitti akka deddeebitan of eeggannoodhaan hubadhaa . . . yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamaa” jechuudhaan dubbata. (Efesoon 5:15, 16) Akkana jedhii of gaafadhu, ‘Ergaa naaf ergame hunda yeruma sana dubbise deebisuu mannaa ergicha dubbisuu fi deebisuuf yeroo murtaaʼaa taʼe nan ramadaa?’

 “Bilbila koo sagalee isaa cufuudhaan yeroo caalaatti haalli isaa gaarii taʼutti immoo ergaa naaf ergameef deebisuun gaarii akka taʼe hubadheera. Balaan akka gaʼee fi deebii hatattamaa kennuun akka barbaachisu isin beeksisuuf isiniif yoo bilbilame, ergaan ykn iimeeliin isiniif ergamee daftanii deebisuuf carraan qabdan xiqqaa dha.—Jonaataan.

 Kan dandaʼamu taanaan, yeroo hojii irra hin jirretti wantoota hojii wajjin wal qabatan hin hojjetinaa. Kitaabni Qulqulluun, “Wanti hundinuu yeroo qaba” jechuudhaan dubbata. (Lallaba 3:1) Gaaffiiwwan kana of gaafadhu: ‘Yeroon mana jirutti bilbila koottii fayyadamee wanta hojii koo wajjin walqabate waanan hojjedhuuf hojiin koo jireenya maatii koo akka jeequ heyyamaan jiraa? Akkas taanaan, kun gaaʼela koo irratti dhiibbaa gochaa kan jiru akkamitti? Hiriyaan gaaʼelaa koo waaʼee kanaa maal jetti?’

 “Sababii meeshaalee elektirooniksiitiin kan kaʼe yeroo fi haala akkami keessa taanee iyyuu dandeettii hojjechuu qabna. Yeroo hundumaa irra deddeebiʼuudhaan bilbila koo ilaaluu fi yeroo haadha manaa tiyya wajjin taanutti wanta hojii wajjin walqabate hojjechuu dhiisuuf carraaqqii adda taʼeen godha.”—Maatewos.

 Hiriyaa gaaʼelaa keessan wajjin faayidaa meeshaalee elektirooniksiin qabu mariʼadhaa. Kitaabni Qulqulluun, “Namni hundi yoom iyyuu faayidaa mataa isaa utuu hin taʼin, faayidaa nama kaanii haa barbaadu” jechuudhaan dubbata. (1 Qorontos 10:24) Hiriyaa gaaʼelaa keessan wajjin meeshaalee elektirooniksii akkamitti fayyadamu akka qabdan mariʼadhaa, akkasumas sirreeffama gochuun yoo barbaachise sirreessaa. Marii kana jalqabuuf mata duree kana keessatti yaada irratti mariʼattan isa jedhutti fayyadamuu dandeessu.

 “Anii fi abbaan manaa kiyya walii keenya ni amanna, akkasumas nu keessaa namni tokko bilbila ykn taabileetti isaa garmalee fayyadamaa akka jiru yoo hubanne walitti himna. Lamaan keenya iyyuu kun rakkoo qabaachuu akka dandaʼu waan hubannuuf, ilaalcha walii keenyaaf of eeggannoodhaan xiyyeeffanna kennina.”—Daaniyal.

 Yaada ijoo: Meeshaaleen elektirooniksii gooftaa keessan utuu hin taʼin garba keessan akka taʼe yaadadhaa.

a Kitaaba Reclaiming Conversation—The Power of Talk in a Digital Age jedhu irraa kan fudhatame dha.