Dhimma ijoo ta'etti seeni

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | GAAʼELA

Poornoogiraafiin Gaaʼelakee Diiguu Dandaʼa

Poornoogiraafiin Gaaʼelakee Diiguu Dandaʼa

 Haati manaasaa wanta inni dhoksu bira geesse. Achiis irra deddeebiʼee dhiifama gaafate. Dhiisuuf waadaa akkuma gale, yeroodhaaf ni dhaabe. Taʼus Araada kanatti kan deebiʼe yeroo taʼu, akkuma amalasaa ammas akka dhiisu kakate.

 Atoo haala kanaa wajjin wal fakkaatu keessa jirtaa? Taanaan barsiifanni poornoogiraafii ilaaluu hiriyaa gaaʼelaa keerratti dhiibbaa akka qabuu fi amala kana dhaabuun akka sirra jiru hubachuu qabda. a

Mata duree kana keessatti

 Wanta beekuu qabdu

 Poornoogiraafiin gaaʼela diiga. Hiriyaan gaaʼelaa inni balleessaa hin qabne haaloo akka qabatuu fi warra kaanirratti amanannaa akka hin godhanne taasisa. b

 Haati manaa abbaan manaa ishii poornoogiraafii ilaalu miirri armaan gadii itti dhagaʼamuu dandaʼa:

  •   Akka ganamte. Haati manaa Saaraa jedhamtu akkana jetteetti, “Abbaan manaa kiyya ammaa amma ejja akka raawwatetti natti dhagaʼama.”

  •   Gaʼumsa akka hin qabne. Haati manaa tokko barsiifanni abbaan manaa ishii poornoogiraafii ilaaluuf qabu “gatii akka hin qabne” akka ishiitti dhagaʼamu akka godhe dubbatteetti.

  •   Amanannaa dhabuu. Haati manaa Heelen jedhamtu, “Wanta abbaan manaa koo godhu hunda nan shakka” jetteetti.

  •   Yaaddoo dhagaʼamu. Haati manaa Kaatriin jedhamtu, “Waaʼee barsiifata abbaa manaa kootii yaaduun jireenya koo toʼateera” jetteetti.

 Wanta irratti yaadamuu qabu: Kitaabni Qulqulluun abbaan manaa haadha manaasaa akka jaallatu dubbata. (Efesoon 5:25) Abbaan manaa tokko wantoonni olitti ibsaman akka ishiitti dhagaʼamu kan godhu taanaan ishii ni jaallata jechuun dandaʼamaa?

 Wanta gochuu dandeessu

 Amala poornoogiraafii ilaaluu dhaabuun salphaa miti. Haati manaa Isteesii jedhamtu akkana jetteetti: “Abbaan manaakoo sijaaraa, maariwaanaa fi dhugaatii alkoolii dhiiseera; barsiifata poornoogiraafii wajjin garuu ammayyuu waldhaansoo gochaa jira.”

 Haala akkasii keessa jirta taanaan, yaadawwan armaan gadii amala kana dhiisuuf si gargaaruu dandaʼu.

  •   Poornoogiraafiin maaliif gadhee akka taʼe hubachuu. Poornoogiraafiin ofittummaa jajjabeessa akkasumas jaalala, amanannaa fi amanamummaa isa gaaʼela gammachuu qabu qabaachuuf barbaachisaa taʼan mancaasa. Yihowaa isa Uumaa gaaʼelaa taʼes tuffachuu kan argisiisudha.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Gaaʼelli hundumaa biratti kabajamaa haa taʼu.”—Ibroota 13:4.

  •   Wanta raawwatteef itti gaafatamummaa fudhu. ‘Haati manaakoo akka na jaallattu argisiisteetti utuu taʼee poornoogiraafii hin ilaalun ture’ hin jedhin. Haadha manaakee komachuun sirrii miti; akkasitti yaaduun akka ishiin si gaddisiiste yeroo sitti dhagaʼamu barsiifata poornoogiraafii ilaaluutti akka deebitu si godha.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Tokkoon tokkoon namaa yommuu hawwii ofii isaatiin harkifamuu fi gowwoomfamu qorama.”—Yaaqoob 1:14.

  •   Hiriyaa gaaʼelaakee wajjin walii galtee qabaadhu. Abbaan manaa Keeviin jedhamu akkana jedheera: “Gama kanaan haadha manaakoo guyyaa guyyaan hubachuuf nan yaala.”Wanta nama aarsu tokko deebiʼee ilaaluufan yaala moo irraan fagaadha? Yeroo mara qunnamtii gaarii qabaachuun shakkii hunda balleessuu dandaʼa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Waan hundumaa irrattis amanamummaadhaan jiraachuu hawwina.”—Ibroota 13:18.

  •   Dammaqaa taʼi. Barsiifata sana erga dhaabdee gara waggaa baayʼee booda illee sitti deebiʼuu dandaʼa. Keeviin inni olitti caqasame akkana jedheera: “Poornoogiraafii ilaaluu waggaa kudhaniif ergan dandamadhee booda rakkina koo akkan obbaafadhe amaneen ture. Haa taʼu malee, araadni kun hanga haala mijataa argatee natti kaʼutti riphee eegaa ture.”

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni, ‘Ani dhaabbadheera’ jedhee yaadu akka hin kufne of haa eeggatu.”—1 Qorontos 10:12.

  •   Yommuu qoramtu, obsi. Fedhiin dogoggoraa akka sitti hin dhagaʼamne dhowwuu dandaʼuu baattus, raawwachuuf ykn dhiisuuf garuu murteessuu ni dandeessa. Yaadakee sochiiwwan kan biraa irratti akka xiyyeeffatu yoo goote fedhichi darbuu, tarii immoo saffisaanu darbuu dandaʼa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Tokkoon tokkoon keessan qulqullummaa fi ulfinaan akkamitti qaama keessan akka toʼattan beekuu qabdu; . . . fedhii saalqunnamtii toʼannaa hin qabne isa sassata irratti hundaaʼe hin qabaatinaa.”—1 Tasalonqee 4:4, 5.

  •   Haalawwan araadichi akka sitti kaʼu godhan irraa fagaadhu. Kitaabni Willpower’s Not Enough jedhamu akkana jedheera: “Haala araadichaaf si saaxilu keessa kan jirtu taanaan, kibriitii qabsiisuuf yaalaa akka jirtutti ilaalama. Ibidda qabsiisuuf bobaʼaa xiqqoo qofatu gaʼa.”

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Wanti hamaan akkamii iyyuu na hin moʼin.”—Faarfannaa 119:133.

  •   Abdii hin kutatin. Haati manaa kee amanannaa akka sirratti qabaattu gochuuf yeroo dheeraa tarii waggaa baayʼee fudhachuu dandaʼa. Taʼus hiriyoonni gaaʼelaa hedduun amanannaa walirratti qabaachuu akka dandaʼan muuxannoowwan ni argisiisu.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Jaalalli ni obsa.”—1 Qorontos 13:4.

a Mata dureen kun waaʼee abbaa manaa kan ibsu taʼus, dhugaan buʼuuraa as keessatti caqasame haadha manaa poornoogiraafii ilaaltu irrattis ni hojjeta.

b Hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko poornoogiraafii waliin ilaaluun hariiroosaanii akka fooyyessu dubbatu. Haa taʼu malee, barsiifanni akkasii qajeelfama Kitaaba Qulqulluu wajjin kan walsimu miti.—Fakkeenya 5:15-20; 1 Qorontos 13:4, 5; Galaatiyaa 5:22, 23.