Dhimma ijoo ta'etti seeni

Waaqayyo Yeroo Hunda, Bakka Hundatti Argamaa?

Waaqayyo Yeroo Hunda, Bakka Hundatti Argamaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Waaqayyo waan hundumaa arguu fi bakka barbaadetti waan barbaade gochuu ni dandaʼa. (Fakkeenya 15:3; Ibroota 4:13) Taʼus, Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo waan hundumaa keessatti, bakka hundatti argama jedhee hin barsiisu. Kanaa mannaa, qaama akka qabuu fi bakka jireenyaa isaa akka jiraatu barsiisa.

  •   Bifa Waaqayyoo: Waaqayyo qaama hafuuraa qaba. (Yohaannis 4:24) Ilmaan namootaa isa arguu hin dandaʼan. (Yohaannis 1:18) Mulʼatawwan waaʼee Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti galmaaʼan hundi, inni bakka murtaaʼe tokko akka jiraatu argisiisu. Bakka hunda akka jirutti matumaa ibsamee hin beeku.—Isaayaas 6:1, 2; Mulʼata 4:2, 3, 8.

  •   Bakka jireenyaa Waaqayyoo: Waaqayyo addunyaa hafuuraa uumama ijaan argamu irraa baayʼee adda taʼe keessa jiraata. Waaqayyo, addunyaa sana keessatti “waaqa irraa, iddoo jireenya” qaba. (1 Mootota 8:30) Kitaabni Qulqulluun, yeroo tokko uumamawwan hafuuraa ‘fuula Waaqayyoo duratti argamuudhaaf akka dhufan’ dubbata; kun, Waaqayyo bakka murtaaʼe tokko akka jiraatu argisiisa.—Iyoob 1:6.

Waaqayyo yeroo hunda, bakka hundatti hin argamu erga taʼee, dhuguma dhuunfaatti na gargaaruu dandaʼaa?

 Eeyyee. Waaqayyo namootaaf dhuunfaatti baayʼee yaada. Addunyaa hafuuraa keessa kan jiraatu taʼus, namoota lafa irra jiraatanii fi garaadhaa isa gammachiisuu barbaadan ni hubata, isaaniif jechas tarkaanfii ni fudhata. (1 Mootota 8:39; 2 Seenaa 16:9) Mee Yihowaan namoota garaadhaa isa waaqeffataniif akka yaadu kan argisiise akkamitti akka taʼe ilaali:

  •   Yeroo kadhattu: Yihowaan, yeroo kadhannaa dhiheessitu battaluma sanatti dhagaʼuu dandaʼa.—2 Seenaa 18:31.

  •   Yeroo dhiphattu: “Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha, warra yaadni isaanii caccabee bullaaʼes in fayyisa.”—Faarfannaa 34:18.

  •   Yeroo qajeelfamni si barbaachisu: Yihowaan, Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee ‘waan gochuun siif taʼu si hubachiisa, karaa irra adeemuun siif taʼu sitti argisiisa.’—Faarfannaa 32:8.

Waaʼee yeroo hunda, bakka hundatti argamuu ilaalcha dogoggoraa jiru

 Ilaalcha dogoggoraa: Waaqayyo uumamawwan isaa hunda keessatti bakka hundatti ni argama.

 Dhugaa jiru: Waaqayyo kan jiraatu, lafa irra ykn uumama mara ijaan argamu keessa bakka kam iyyuu miti. (1 Mootota 8:27) Urjiiwwanii fi wantoonni inni uume kaan ‘ulfina Waaqayyoo himaa kan jiran’ taʼuun isaa dhugaa dha. (Faarfannaa 19:1) Haa taʼu malee, akkuma artistiin tokko fakkii kaase keessa hin jiraanne, Waaqayyos wantoota uume keessa hin jiraatu. Taʼus, fakkiin tokko waaʼee nama isa kaase sanaa waan dubbatu qaba. Addunyaan ijaan argamus, waaʼee “amalawwan” Uumaa keenyaa warra ‘ijaan hin argamnee,’ kanneen akka humna isaa, ogummaa isaa fi jaalalaa isaa nutti hima.—Roomaa 1:20.

 Ilaalcha dogoggoraa: Waaqayyo waan hundumaa beekuu fi waan hundumaa dandaʼuuf, yeroo hunda, bakka hundatti kan argamu taʼuu qaba.

 Dhugaa jiru: Hafuurri qulqulluun, humna Waaqayyoo isa hojii irra jiru dha. Waaqayyo hafuura qulqulluu isaa fayyadamee, qaamaan argamuun odoo isa hin barbaachisin bakka kamitti iyyuu, yeroo barbaadetti wanta barbaade beekuu fi raawwachuu ni dandaʼa.—Faarfannaa 139:7.

 Ilaalcha dogoggoraa: Faarfannaan 139:8, “Bantii waaqaatti yoon ol baʼe, ati achi jirta! Iddoo lafa jalaa keessa yoon ciises, ati achittis immoo in argamta!” waan jedhuuf, Waaqayyo yeroo hunda, bakka hundatti akka argamu barsiisa.

 Dhugaa jiru: Yaadni Kitaaba Qulqulluu kun dubbachaa kan jiru, waaʼee bakka Waaqayyo itti argamuu miti. Iddoon Waaqayyoof fagoo taʼee fi nuuf jedhee tarkaanfii akka hin fudhanne isa dhowwu akka hin jirre karaa namatti toluun barsiisaa jira.