Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Isaayyaas 41:10—“Ani Sii Wajjin Waanan Jiruuf hin Sodaatin!”

Isaayyaas 41:10—“Ani Sii Wajjin Waanan Jiruuf hin Sodaatin!”

 “Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqayyo kee ti hin na’in! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba.”—Isaayaas 41:10.

Hiika Isaayyaas 41:10

 Yihowaan a tajaajiltoonni isaa amanamoon rakkinni akkamii iyyuu kan isaan mudatu taʼu illee, akka isaan deggeru isaaniif mirkaneesseera.

 “Ani sii wajjin waanan jiruuf.” Yihowaan tajaajiltoota isaatti sababii itti sodaachuu hin qabne yommuu isaanitti himu kophaa isaanii akka hin taane isaaniif ibseera. Rakkina isaan keessa jiran waan arguu fi kadhannaa isaanii waan dhagaʼuuf, akkuma waan isaanii wajjin turetti ilaalama.—Faarfannaa 34:15; 1 Pheexiros 3:12.

 “Ani Waaqayyo kee ti.” Yihowaan tajaajiltoonni isaa haala akkamii keessa iyyuu kan jiran yoo taʼe, inni amma iyyuu Waaqa isaanii akka taʼee fi akkuma tajaajiltoota isaatti akka isaan ilaalu isaan yaadachiisuudhaan isaan tasgabbeesseera. Isaanis haalli akkamii iyyuu Waaqayyo isaaniif jedhee tarkaanfii akka hin fudhanne isa dhorkuu akka hin dandeenye mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu.—Faarfannaa 118:6; Roomaa 8:32; Ibroota 13:6.

 “Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba.” Yihowaan dhugumaan akka isaan gargaaru addeessuuf gaaleewwan sadiitti fayyadamee yaada tokko dabarseera. Sabni isaa yommuu gargaarsi isaan barbaachisutti akkamitti akka isaan gargaaru ibsuuf ibsa gaariitti fayyadameera. Namni tokko yoo kufe, Waaqayyo nama sana kaasuuf harka isaa mirgaa isatti hiixata.—Isaayyaas 41:13.

 Karaa guddaan Waaqayyo tajaajiltoota isaa jabeessuu fi gargaaruuf itti fayyadamu, Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isaa taʼe dha. (Iyyaasuu 1:8; Ibroota 4:12) Fakkeenyaaf, Dubbiin Waaqayyo namoota rakkinni akka hiyyummaa, dhukkuba ykn nama jaallatan duʼaan dhabuu jiran isaan mudataniif gorsa gaarii kenna. (Fakkeenya 2:6, 7) Waaqayyo tajaajiltoota isaatiif karaa miiraa fi sammuu jabina rakkina dandamachuuf isaan barbaachisu isaaniif kennuuf, hafuura isaa isa qulqulluu ykn humna isaa isa hojii irra jiruttis ni fayyadama.—Isaayyaas 40:29; Luqaas 11:13.

Yaada naannoo Isaayyaas 41:10tti argamu

 Jechoonni kun Yihudoota amanamoo yeroo booda boojuudhaan gara Baabilon geeffaman jajjabeessaniiru. Yihowaan gara dhuma boojuu Yihudootaatti diinni Baabilonii fi saboota naannoo ishii jiran injifatu tokko dhufaa jiraachuu isaa oduun ibsu akka dhagaʼamu raajii dubbatee ture. (Isaayyaas 41:2-4; 44:1-4) Baabilonii fi saboonni naannoo ishii jiran yommuu oduu kanaan sodaatanii jeeqamanitti Yihudoonni garuu Yihowaan waan isaan eeguuf yaaddaʼuun isaan hin barbaachisu. Siʼa sadii “hin sodaatin!” jedhee isaaniif mirkaneesseera.—Isaayyaas 41:5, 6, 10, 13, 14.

 Yaanni kun jalqaba Yihudoota amanamoo boojuu Baabilon jala turaniif kan barreeffame taʼus, Yihowaan tajaajiltoota isaa hunda jajjabeessuuf yaanni Isaayyaas 41:10 irra jiru eegamee akka turu godheera. (Isaayyaas 40:8; Roomaa 15:4) Akkuma tajaajiltoota isaa bara duriitti turan gargaare, warra yeroo harʼaa jiranis ni gargaara.

a Yaahween (Yihowaan) maqaa Waaqayyoo isa dhuunfaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame dha.—Hiika jechootaa Kitaaba Qulqulluu fuula 387 ilaali.