Dhimma ijoo ta'etti seeni

Duʼuun Barbaada—Waaʼee Of Ajjeesuu Yaadaan Jira Yoo Taʼe Gama Kanaan Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu Dandaʼaa?

Duʼuun Barbaada—Waaʼee Of Ajjeesuu Yaadaan Jira Yoo Taʼe Gama Kanaan Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu Dandaʼaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Eeyyee! Kitaabni Qulqulluun, kitaaba ‘Waaqayyo isa warra gaddan jajjabeessu’ biraa dhufe dha. (2 Qorontos 7:6) Kitaabni Qulqulluun kitaaba yaalii fayyaa sammuu taʼuu baatus, namoonni hedduun yaada akka of ajjeesan isaanitti dhufe akka moʼan isaan gargaareera. Gorsi gaariin Kitaabni Qulqulluun kennu siinis si gargaaruu ni dandaʼa.

 Kitaabni Qulqulluun gorsa gaarii akkamii kenna?

  • Wanta sitti dhagaʼamu warra kaanitti himi.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.”—Fakkeenya 17:17.

     Hiika isaa: Yaadawwan nama dhiphisan gara sammuu keenyaatti yeroo dhufan gargaarsi warra kaanii nu barbaachisa.

     Miira kee ukkaamsitee qabachuuf kan yaaltu yoo taʼe, dhiphinni keessa kee jiru baʼaa ulfaataa sitti taʼuu dandaʼa. Wanta sitti dhagaʼamu warra kaanitti himachuun kee garuu dhiphinni sitti dhagaʼamu kan siif salphatu taasisa; akkasumas dhimma sana kallattii biraatiin ilaaluuf si gargaara.

     Akkas gochuuf yaali: Wanta sitti dhagaʼamu harʼuma nama tokkotti, tarii miseensa maatii kee ykn michuu kee amantu tokkotti himi. a Kana malees, miira sitti dhagaʼamu waraqaa irratti barreessuudhaan ibsuu ni dandeessa.

  • Gargaarsa yaalii fayyaa argachuuf carraaqi.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Namoota dhukkubsataniif malee, namoota fayyaadhaaf ogeessi fayyaa hin barbaachisu.”—Maatewos 9:12.

     Hiika isaa: Yeroo dhukkubsannutti gargaarsa yaalii fayyaa argachuu qabna.

     Namni tokko of ajjeesuuf yaaduun isaa, mallattoo dhukkubni sammuu ykn dhukkubni miiraa akka isa mudate argisiisudha. Akkuma dhibeewwan kaanii, dhukkuba kanaan qabamuun nama qaanessuu hin qabu. Gargaarsa yaalii fayyaatiin haalli isaa fooyyaʼuu dandaʼa.

     Akkas gochuuf yaali: Hatattamaan ogeessa yaalii fayyaa gama kanaan dandeettii qabu irraa gargaarsa argachuuf yaalii godhi.

  • Waaqayyo akka siif yaadu yaadadhu.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Dimbiixonni shan saantima gatii xinnoo qabdu lamatti ni gurguramu mitii? Taʼus, isaan keessaa tokko illee Waaqayyo duratti hin dagatamtu. . . . Hin sodaatinaa; isin dimbiixota hedduu caalaa gatii guddaa qabdu.”—Luqaas 12:6, 7.

     Hiika isaa: Waaqayyo duratti gatii guddaa qabda.

     Namni siif yaadu akka hin jirre kan sitti dhagaʼamu taʼullee, dhiphina keessa jirtu Waaqayyo akka gaariitti ni hubata. Ati lubbuudhaan jiraachuuf fedhii kan hin qabne taʼullee, Waaqayyo siif ni yaada. Faarfannaan 51:17, “Yaa Waaqayyo, ati garaa cabee fi bullaaʼe hin tuffattu” jedha. Waaqayyo waan si jaallatuuf lubbuudhaan akka jiraattu barbaada.

     Akkas gochuuf yaali: Kitaaba Qulqulluu irraa ragaalee Waaqayyo akka si jaallatu mirkaneessan qori. Fakkeenyaaf, kitaaba qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu gochuuf akka gargaaru yaadamee qophaaʼee fi Yihowaatti Dhihaadhu jedhamu boqonnaa 24 dubbisi.

  • Gara Waaqayyootti kadhannaa dhiheessi.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Inni isiniif waan yaaduuf yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa.”—1 Pheexiros 5:7.

     Hiika isaa: Waaqayyo wanta sitti dhagaʼamuu fi wanta si yaaddessu kamiyyuu ifatti akka isatti himtu si affeera.

     Waaqayyo nagaa keessaa fi jabina haala keessa jirtu dandamachuuf si gargaaru siif kennuu dandaʼa. (Filiphisiyus 4:6, 7, 13) Karaa kanaan, namoota garaa qajeelaadhaan gargaarsa argachuuf gara isaatti kadhannaa dhiheessan ni gargaara.—Faarfannaa 55:22.

     Akkas gochuuf yaali: Harʼuma gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessi. Maqaa isaa isa Yihowaa jedhutti fayyadamuudhaan gara isaatti kadhannaa dhiheessi; akkasumas wanta sitti dhagaʼamu hunda isatti himadhu. (Faarfannaa 83:18) Kana malees, jabaattee itti fufuuf akka si gargaaru isa gaafadhu.

  • Abdii Kitaabni Qulqulluun yeroo gara fuulduraa ilaalchisee kennu irratti xiinxali.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Abdii jabaa fi amansiisaa akka qofoo dooniitti lubbuu qabee dhaabu kana qabna.”—Ibroota 6:19.

     Hiika isaa: Miirri kee akkuma dooniin qilleensaan asii fi achi jedhuu kan jijijjiiramu taʼus, abdiin Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame tasgabbii akka qabaattu si gargaaruu dandaʼa.

     Abdiin kunimmoo hawwii qofa utuu hin taʼin, waadaa Waaqayyo wanta rakkina nu mudatu hundumaatiif sababii taʼe balleessuuf gale irratti kan hundaaʼedha.—Mulʼata 21:4.

     Akkas gochuuf yaali: Waaʼee abdii Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamee caalaatti beekuuf, mata duree “Abdii Amansiisaa Gara Fuulduraatti Raawwatamu” jedhu dubbisi.

  • Wanta si gammachiisu raawwadhu.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Garaan gammade qoricha gaarii dha.”—Fakkeenya 17:22.

     Hiika isaa: Wantoota nu gammachiisan raawwachuun keenya, fayyaan sammuu keenyaas taʼe miiraa keenya akka fooyyaʼu gochuu dandaʼa.

     Akkas gochuuf yaali: Wantoota gammachuu siif argamsiisan raawwadhu. Fakkeenyaaf, muuziqaa miirri gaariin akka sitti dhagaʼamu taasisan dhaggeeffachuu, wanta si jajjabeessu dubbisuu ykn sochiiwwan si gammachiisan gochuu dandeessa. Kana malees, wanta xinnoo taʼullee warra kaan gargaaruuf wanta tokko gochuun kee gammachuun kee akka dabalu taasisa.—Hojii Ergamootaa 20:35.

  • Fayyaa keetiif kunuunsa taasisi.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? ‘Leenjiin qaamaa ni fayyada.’—1 Ximotewos 4:8.

     Hiika isaa: Sochii qaamaa gochuun, hirriba gaʼaa rafuunii fi nyaata madaalamaa nyaachuun keenya nu fayyada.

     Akkas gochuuf yaali: Daqiiqaa 15 qofa yoo taʼe illee, miilaan daddaftee deemuuf carraaqqii godhi.

  • Miirri sitti dhagaʼamus taʼe wantoonni kan biroon jireenya keessatti si mudatan akka jijjiiraman yaadadhu.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Jireenyi keessan boru maal akka taʼu hin beektan.”—Yaaqoob 4:14.

     Hiika isaa: Humna keenyaa ol akka taʼe kan nutti dhagaʼamu taʼullee, rakkoon furmaata akka hin qabne nutti dhagaʼamu yeroodhaaf qofa kan turu taʼuu dandaʼa.

     Haalli harʼa keessa jirtu dukkanaaʼaa kan fakkaatu taʼus, boru jijjiiramuu dandaʼa. Kanaafuu, karaa itti dandamachuu dandeessu barbaadi. (2 Qorontos 4:8) Haalli dhiphisaan keessa jirtu yeroo booda jijjiiramuu dandaʼa; yoo of ajjeeste garuu haala isaa matumaa duubatti deebisuu hin dandeessu.

     Akkas gochuuf yaali: Kitaaba Qulqulluu keessaa seenaa namoota abdii kutatanii turanii fi duʼa hawwanii turanii ibsu dubbisi; yeroo booda rakkinni namoota kanaa tarii karaa isaan matumaa hin eegneen furmaata kan argate akkamitti akka taʼe hubachuuf yaali. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu.

 Kitaabni Qulqulluun waaʼee namoota duʼuu barbaadanii turanii wanta ibsu qabaa?

 Eeyyee. Kitaabni Qulqulluun waaʼee namoota “Duʼuun barbaada” jedhanii turan tokko tokkoo ni dubbata. Waaqayyo kana dubbachuu isaaniitiin isaan hin balaaleffanne; kanaa manaa gargaarsa isaaniif godheera. Kanaafuu sinis akkasuma si gargaaruu ni dandaʼa.

Eeliyaas

  •  Eeliyaas eenyu ture? Eeliyaas raajii ija jabeessa ture. Taʼus, yeroon itti abdii kutate jira ture. Yaaqoob 5:17, “Eeliyaas namuma miira akka keenyaa qabu ture” jedha.

  •  Duʼuu kan barbaade maaliifi? Yeroo tokko Eeliyaas kophaa akka taʼe, akka sodaatee fi gatii akka hin qabne isatti dhagaʼamee ture. Kanaafuu, “Yaa Yihowaa . . . lubbuu koo fudhadhu” jedhee kadhate.—1 Mootota 19:4.

  •  Wanti isa gargaare maalidha? Eeliyaas wanta isatti dhagaʼamu hunda Waaqayyo duratti dhangalaase. Maarree Waaqayyo akkamitti isa jajjabeesse? Waaqayyo akka isaaf yaadu kan argisiise taʼuu isaarrayyuu, wantoota humna isaa argisiisan raawwachuudhaan Eeliyaasiin jajjabeesse. Kana malees, Eeliyaas ammayyuu gatii guddaa akka qabu isaaf mirkaneesse akkasumas, gargaaraa isaaf yaaduu fi dandeettii qabu isaaf kenneera.

  •  Waaʼee Eeliyaas dubbisi: 1 Mootota 19:2-18.

Iyyoob

  •  Iyyoob eenyu ture? Iyyoob nama sooressa maatii balʼaa qabuu fi amanamummaadhaan Waaqa dhugaa waaqeffatu ture.

  •  Duʼuu kan barbaade maaliif? Akkuma tasaa wanti hamaa taʼe Iyyoob irra gaʼe. Qabeenya isaa hunda dhabe. Ijoolleen isaa hundis balaadhaan jalaa dhuman. Kana malees dhukkuba garmalee nama dhiphisuun qabame. Dhuma irrattis, rakkina kan ofitti fide isuma akka taʼe gara jabinaa fi sobaan himatame. Kanaan kan kaʼes Iyyoob, “Ani jireenya koo baayʼeen jibbe; jiraachuu koo itti fufuu hin barbaadu” jedhe.—Iyyoob 7:16.

  •  Wanti isa gargaare maalidha? Iyyoob Waaqayyotti kadhannaa dhiheesseera; miira isaas namootatti himeera. (Iyyoob 10:1-3) Eliihuu inni michuu isaa gara laafessa ture isa jajjabeesseera, akkasumas haala keessa jiru ilaalchisee ilaalcha sirrii akka qabaatu isa gargaareera. Hunda caalaa garuu kan isa gargaare gorsaa fi gargaarsa Waaqayyoo isaaf kenne fudhachuu isaati.

  •  Waaʼee Iyyoob dubbisi: Iyyoob 1:1-3, 13-22; 2:7; 3:1-13; 36:1-7; 38:1-3; 42:1, 2, 10-13.

Musee

  •  Museen eenyu ture? Museen geggeessaa Israaʼel durii fi raajii amanamaa ture.

  •  Duʼuu kan barbaade maaliifi? Museen itti gaafatamummaa guddaa qaba ture; namoonnis utuu wal irraa hin kutin isa qeequ turan, kanaan kaʼes abdii kutate. Kanaafuu, “Maaloo ammuma na ajjeesi” jedhee Waaqayyootti iyye.—Lakkoofsa 11:11, 15.

  •  Wanti isa gargaare maalidha? Museen wanta isatti dhagaʼame Waaqayyotti himeera. Waaqayyos itti gaafatamummaa isarra jiru isaaf salphisuudhaan dhiphina isaa isaaf hirʼiseera.

  •  Waaʼee Musee dubbisi: Lakkoofsa 11:4-6, 10-17.

a Yaadni of ajjeesuu sitti dhagaʼamuu cimaa yoo taʼee fi namoonni ati jaallatu si bira jiraachuu baannaan yeruma sana gargaarsa argachuuf bilbilli.