Dhimma ijoo ta'etti seeni

Nama Hafuuraa Jechuun Maal Jechuudha? Amantaan Hordofu Utuu Hin Qabaatin Nama Hafuuraa Taʼuu Nan Dandaʼaa?

Nama Hafuuraa Jechuun Maal Jechuudha? Amantaan Hordofu Utuu Hin Qabaatin Nama Hafuuraa Taʼuu Nan Dandaʼaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Akka Kitaaba Qulqulluu keessatti itti hojjetametti, namni hafuuraa nama Waaqayyoon gammachiisuu fi akkaataa Inni itti yaadutti yaaduuf hawwii fi fedhii qabu kan argisiisudha. Namni hafuuraa ulaagaa Waaqayyo baasee fi qajeelfama inni hafuura qulqulluutti fayyadamee isaaf kennuun jiraachuuf carraaqqii cimaa godha. aRoomaa 8:5; Efesoon 5:1.

 Kitaabni Qulqulluun yeroo baayʼee nama hafuuraa ibsuuf wantoota faallaa nama hafuuraa taʼanitti fayyadama. Fakkeenyaaf, nama hafuuraa irra haala faallaa taʼeen, “namni foonii tokko wantoota hafuura Waaqayyoo irraa dhufan,” ykn barumsa Waaqayyoo “hin fudhatu.” (1 Qorontos 2:14-16) Namoota hafuuraa irraa haala faallaa taʼeen, namoonni foonii arjootaa fi naga qabeeyyii taʼuu mannaa, ‘hinaaffaa fi lola’ jaallatu. (1 Qorontos 3:1-3) Namoonni maqaa namaa balleessanii fi michoota baayʼee walitti dhihaatan addaan baasan immoo amala horii kan qabanii fi namoota hafuuraa akka hin taane ibsamaniiru.—Yihudaa 19; Fakkeenya 16:28. b

Mata duree kana keessatti

 Namummaan hafuuraa eessaa dhufe?

 Akka bifa Waaqayyootti waan uumamneef dandeettii nama hafuuraa taʼuu qabna. (Uumama 1:27) Kanaaf, namoonni baayʼeen wantoota hafuuraatiif hamma taʼe dinqisiifannaa fi fedhii qabaachuun isaanii kan nama ajaaʼibsiisu miti.

 Amaloonni kanneen akka naga qabeessa, gara laafessaa fi kan hin loogne taʼuu, amaloota Yihowaa c siʼa taʼan, nutis ijoollummaa keenyaa eegallee amaloota kana qabna. (Yaaqoob 3:17) Hunda caalaammoo, Waaqayyo namoonni isaa ajajamuuf carraaqqii godhan nama hafuuraa akka taʼan isaan gargaara.—Hojii Ergamootaa 5:32.

 Nama hafuuraa taʼuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

 Nama hafuuraa taʼuun, “Jireenyaa fi nagaa” argamsiisa. (Roomaa 8:6) Wanti kennaawwan Waaqayyo biraa argaman Kanaan gitu matumaa hin jiru.

  •   Jireenya: Waaqayyo namoota hafuuraatiif jireenya bara baraa akka kennu waadaa galeera.—Yohaannis 17:3; Galaatiyaa 6:8.

  •   Nagaa: Nagaan kun nagaa Waaqayyoo wajjin qabnu kan argisiisudha. Namoonni wantoota foonii qofa irratti xiyyeeffatan diinota Waaqayyooti. (Roomaa 8:7) Hunda caalaa immoo, Waaqayyo namoota nama hafuuraa taʼuudhaan ‘nagaa Waaqayyoo isa hubannaa hundumaa irra caalu’ argachuuf carraaqqii godhan ni kiisa. (Filiphisiyus 4:6, 7) Keessa isaaniitti nagaa akkasii qabaachuun isaanii jireenya gammachuu qabu jiraachuuf isaan gargaara.—Maatewos 5:3.

 Karaa hafuuraa guddachuu kanan dandaʼu akkamitti?

  •   Abboommiiwwan Waaqayyoo barachuudhaan ajajami. Kitaaba Qulqulluu isa yaada Waaqayyoo taʼee fi ‘namoonni hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii barreessan’ dubbisuudhaan abboommiiwwan isaa barachuu dandeessa. (2 Pheexiros 1:21) Wanti ati barattu immoo, hafuura qulqulluudhaan geggeeffamtee, akka fedhii Waaqayyootti, “hafuuraa fi dhugaadhaan” isa waaqeffachuuf si gargaara.—Yohaannis 4:24.

  •   Gargaarsa Waaqayyoo argachuuf kadhadhu. (Luqaas 11:13) Waaqayyo amaloota nama hafuura adda baasanii beeksisan argisiisuu akka dandeessuuf si gargaara. (Galaatiyaa 5:22, 23) Amaloota kana argisiisuun kee immoo ogummaa rakkoowwan jireenya kee keessatti si mudatan moʼuuf si dandeessisu siif kenna.—Yaaqoob 1:5.

  •   Namoota hafuuraa wajjin walitti dhihaadhu. Namoonni akkasii karaa hafuuraa akka guddattu si jajjabeessu. (Roomaa 1:11, 12) Faallaa kanaatiin, namoota yaadni isaanii yaada Waaqayyoo wajjin walitti buʼu faana michoomuun namummaa hafuuraa kee si jalaa mancaasa.—Yaaqoob 4:4.

 Nama hafuuraa taʼuuf Amantaan hordofu tokko qabaachuun qabaa?

 Gabaabumatti, amantaa taʼe tokko hordofuun qofti nama hafuuraa nama hin taasisu. Kitaabni qulqulluun: “Namni tokko Waaqa akka waaqeffatu kan yaadu taʼus, arraba isaatti luugama hin goone yoo taʼe, inni garaa isaa gowwoomsa, waaqeffannaan isaas gatii hin qabu” jedha.—Yaaqoob 1:26, Miiljalee.

 Kitaabni Qulqulluun, namoonni nama hafuura taʼan, karaa Waaqayyo duratti fudhatama qabuun akka isa waaqeffatan dubbata. ‘Hafuurri tokko qofti,’ jechuunis hafuurri Waaqayyoo qofti akka jiru amanu. Hafuurri kun immoo, ‘hidhaa nagaa isa tokko godhuun tokkummaa hafuuraa eeganii’ akka ‘qaama tokkootti’ Waaqayyoon waaqeffachuuf isaan gargaara.—Efesoon 4:1-4.

 Nama hafuuraa taʼuu ilaalchisee yaadawwan dogoggoraa tokko tokko

 Yaada dogoggoraa: Namummaan hafuuraa, akkaataa jireenyaa namni tokko jireenya isaa keessatti gammachuu akka qabu ykn wanta taʼuu barbaadu akka taʼe akka isatti dhagaʼamu godhu dha.

 Dhugaa jiru: Kitaabni Qulqulluun, nama hafuuraa taʼuun jireenya ofii akka yaada Waaqayyootti geggeeffachuu kan argisiisu akka taʼe ibsa. Deggersa Waaqayyoo utuu hin argatin nama gaarii taʼuu kan argisiisu miti. Namoonni nama hafuuraa taʼan Yihowaan uumaa isaanii akka taʼe ni amanu, akkasumas akkaataan jireenya isaanii kaayyoo Waaqayyoo wajjin kan wal simudha.—Faarfannaa 100:3.

 Yaada dogoggoraa: Namni tokko wantoota isa gammachiisan irraa fagaachuudhaan ykn wantoota garmalee isa miidhan raawwachuudhaan nama hafuuraa taʼuu ni dandaʼa.

 Dhugaa jiru: Qaama ofii akka hin taanetti qabuu fi miidhuun, ‘akkaataa itti waaqeffatan ofumaan filachuu’ taʼuu isaa irraa iyyuu, yaada foonii kan calaqqisiisudha. (Qolosaayis 2:18, 23) Kitaabni Qulqulluun jireenya hafuuraa miidhaa wajjin utuu hin taʼin, gammachuu wajjin wal qabsiisa.—Fakkeenya 10:22.

 Yaada dogoggoraa: Gocha hafuuraa kamiyyuu raawwachuun ykn qaamota hafuuraa kamii wajjin iyyuu hariiroo uumuun, nama hafuuraa taʼuu kan argisiisu dha.

 Dhugaa jiru: Gocha hafuuraa akka taʼetti wantoota ilaalaman keessaa inni tokko, yaada namoonni duʼan warra lubbuudhaan jiranii wajjin dubbachuu ni dandaʼu jedhu dha. Kitaabni Qulqulluun garuu, warri duʼan homaa akka hin beekne dubbata. (Lallaba 9:5) Gochi hafuuraa sirrii hin taane, uumamawwan hafuuraa, Waaqayyoon mormanii wajjin hariiroo uumuu kan argisiisu dha. Gocha hafuuraa akkasii irratti hirmaachuun Waaqayyoon kan aarsu taʼuu isaa irraa iyyuu, namni tokko nama hafuuraa akka hin taane gufuu isatti taʼa.—Leewwota 20:6; Keessa Deebii 18:11, 12.

 Yaada dogoggoraa: Uumamni hundi namummaa hafuuraa wajjin dhalata.

 Dhugaa jiru: Wanti Waaqayyo uume hundi isaaf ulfina kan kennu dha. (Faarfannaa 145:10; Roomaa 1:20) Haataʼu malee, nama hafuuraa taʼuu kan dandaʼan uumamawwan isaa warra yaaduu dandaʼan qofa dha. Bineeldonni kaan garuu, akkasumaan kan jiraatan siʼa taʼu, Waaqayyoo wajjin michummaa uumuu hin dandaʼan. Sochiin isaan taasisan hundi, wantoota fooniif isaan barbaachisan guuttachuu irratti kan hundaaʼe dha. (2 Pheexiros 2:12) Kitaabni qulqulluun, nama hafuuraa taʼuun, akka bineensaatti yaaduu ykn amala bineensaa qabaachuu irraa adda akka taʼe kan dubbatu kanaafi.—Yaaqoob 3:15; Yihudaa 19.

a Jechi afaan Kitaabni Qulqulluun jalqaba ittiin barreeffame irratti argamuu fi “hafuura” jedhamee hiikame, hiikni jalqabaa isaa “hafuura baafachuu” kan argisiisu dha. Hiikni kan biraan inni qabu immoo, humna ijaan hin mulʼannee fi jiraachuun isaa hojii isaatiin beekamu kan argisiisa. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo qaama hafuuraa akka qabu dubbata. Namni nama hafuuraa taʼe tokko, fedhii Waaqayyoo fi hafuura isaatiin geggeeffamuu filata.

b Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi ‘nama foonii’ jedhu, namoota yaadaa fi gochi isaanii fedhii qamaa isaanii irratti hundaaʼee fi ulaagaa Waaqayyootiif dantaa hin qabne kan argisiisu dha.

c Yihowaan maqaa Waaqayyoo isa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame dha.—Faarfannaa 83:18.