Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Nama Tokko Dhiphina Irraa Furuuf Jecha Akka Duʼu Gochuu Ilaalchisee Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun Nama Tokko Dhiphina Irraa Furuuf Jecha Akka Duʼu Gochuu Ilaalchisee Maal Jedha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Kitaabni Qulqulluu waaʼee nama tokko dhiphina irraa furuuf jecha akka duʼu gochuu kallattiidhaan hin ibsu. a Haa taʼu malee, wanti Kitaabni Qulqulluun waaʼee jireenyaa fi duʼaa dubbatu dhimma kana ilaalchisee ilaalcha sirrii akka qabaannu nu taasisa. Kitaabni Qulqulluun ajjeechaan kam iyyuu fudhatama akka hin qabne ibsa; taʼus namni tokko matumaa fayyuu akka hin dandeenye yoo mirkaneeffame akka hin duune gochuuf aarsaa kaffaluu akka qabnu hin dubbatu.

 Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo Uumaa keenya, jechuunis ‘burqaa jireenyaa’ keenya akka taʼe ibsa. (Faarfannaa 36:9; Hojii Ergamootaa 17:28) Ija Waaqayyoo duratti jireenyi gatii guddaa qaba. Kanaaf, Waaqayyo jireenya ofiis taʼe jireenya nama kan biraa balleessuu ni balaaleffata. (Baʼuu 20:13; 1 Yohaannis 3:15) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun jireenya keenyas taʼe jireenya namoota kaanii balaadhaaf akka hin saaxille of eeggannoo barbaachisaa taʼe gochuu akka qabnu ibsa. (Keessa Deebii 22:8) Kunis Waaqayyo jireenya keenya akka kennaa gatii guddaa qabutti akka ilaallu kan barbaadu taʼuu isaa kan argisiisu dha.

Namni sun dhukkuba hin fayyineen yoo qabame hoo?

 Kitaabni Qulqulluun namni tokko duʼuun isaa akka hin oolle kan beekamu taʼu illee, jireenya nama sanaa balleessuun dogoggora akka taʼe ibsa. Seenaan Saaʼol isa mootii Israaʼel turee yaada kana kan deggeru dha. Saaʼol waraana irratti yeroo gar malee madaaʼee duʼuu jala gaʼetti tajaajilaan isaa akka isa ajjeesu isa gaafatee ture. (1 Saamuʼel 31:​3, 4) Tajaajilaan isaa garuu tole hin jenne. Haa taʼu malee, namni kan biraan tokko yeroo booda sobaan Saaʼol akka isa ajjeesu akka isa gaafatee fi innis akka isa ajjeese Daawititti hime. Daawit inni dhimma kana ilaalchisee ilaalcha Waaqayyo qabu ture, namni sun dhiiga namaa waan dhangalaaseef akka itti gaafatamu dubbateera.—2 Saamuʼel 1:​6-​16.

Aarsaan kam iyyuu kaffalamee jireenyi akka itti fufu taasifamuu qabaa?

 Kitaabni Qulqulluun namni tokko duʼuun isaa kan hin oolle yoo taʼe illee, aarsaan kam iyyuu kaffalamee jireenyi isaa akka itti fufu taasifamuu akka qabu hin dubbatu. Kanaa mannaa, dhimma kana ilaalchisee ilaalcha madaalamaa akka qabaannu nu jajjabeessa. Duuti diina ilmaan namootaa isa guddaa, cubbuu dhaaluu keenyaan nutti dhufe dha. (Roomaa 5:12; 1 Qorontos 15:26) Eenyuun keenya iyyuu duʼuu akka hin barbaanne beekamaa dha; taʼus Waaqayyo namoota duʼan duʼaa kaasuuf abdii waan nuu kenneef duʼa sodaachuu hin qabnu. (Yohaannis 6:39, 40) Namni jireenyaaf kabaja qabu tokko yaalii fayyaa hunda irra wayyu argachuu barbaada. Taʼus, namni tokko haalli isaa abdii akka hin qabne guutummaatti erga mirkaneeffamee booda illee, yaalii fayyaatiin jiraachuu isaa akka itti fufu gochuuf carraaqqiin godhamuu qaba jechuu miti.

Of ajjeesuun cubbuu dhiifama hin qabne dhaa?

 Lakki, Kitaabni Qulqulluun of ajjeesuun cubbuu dhiifama hin qabne akka taʼe hin barsiisu. Of ajjeesuun cubbuu cimaa akka taʼe beekamaa dha; b taʼus Waaqayyo dhibeen sammuu, dhiphinni daangaa isaa darbee fi rakkoowwan maatii isaa irraa dhaale namni tokko akka of ajjeesu akka isa kakaasu guutummaatti ni hubata. (Faarfannaa 103:13, 14) Waaqayyo Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee namoota dhiphataniif jajjabina kenna. Kana malees, Kitaabni Qulqulluun “qajeelonnis taʼan jalʼoonni duʼaa akka kaʼan” dubbata. (Hojii Ergamootaa 24:15) Kunis namoota of ajjeesan dabalatee, namoonni cubbuu cimaa raawwatan abdii duʼaa kaʼuu akka qabaatan argisiisa.

a Ibsi nama tokko dhiphina irraa furuuf jecha akka duʼu gochuun ykn “ajjeechaa gara laafinaa” jedhu, “nama gar malee dhukkubsate ykn miidhaa cimaan isa irra gaʼe dhiphina isaa irraa furuuf akka duʼu gochuu” kan argisiisu dha. (Merriam-Webster Learnerʼs Dictionary) Doktarri tokko gaaffii nama dhukkubsate sanaa irratti hundaaʼee jireenyi isaa akka itti hin fufne yommuu godhu, gochi kun “gargaarsa yaalii fayyaatiin of ajjeesuu” (physician-assisted suicide) jedhama.

b Kitaaba Qulqulluu keessatti namoonni akka of ajjeesan ibsaman muraasa siʼa taʼan, hundumtuu namoota wanta fedha Waaqayyoo wajjin wal faallessu raawwatani dha.—2 Saamuʼel 17:23; 1 Mootota 16:18; Maatewos 27:3-5.