Dhimma ijoo ta'etti seeni

Diyaabilos Maal Fakkaata?

Diyaabilos Maal Fakkaata?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Diyaabilos qaama hafuuraa ijaan hin mullane waan taʼeef, qaama foonii ija namaatiin argamuu dandaʼu hin qabu.—Efesoon 6:11, 12.

 Diyaabilos yeroo baayʼee uumama reʼee fakkaatu, gaanfaa fi eegee qabu akkasumas qoorbii qabate godhame kaafama. Namoonni tokko tokko fakkii Diyaabilos haala kanaan ibsuun kan dhufe, artistoota waggoota 1000 dura fakkii kaasaan irraa akka taʼe amanu; artistoonni kun immoo sheekkoo fi oduun durii dhiibbaa isaan irratti gochuu hin oolu.

 Kitaabni Qulqulluu Diyaabilosiin akkamitti ibsa?

 Kitaabni Qulqulluun Diyaabilosiin wantoota gara garaatti fakkeessuudhaan ibsa. Yaadawwan kun bifa isaa utuu hin taʼin, Eenyummaa isaa hubachuuf nu gargaaru. Wantoota inni itti fakkeeffame keessaa muraasni armaan gaditti ibsamaniiru:

  •   Maleekaa ifaa. Namoonni barumsa Waaqayyoo utuu hin taʼin, barumsa isaa akka hordofan gochuuf wanta gaarii taʼe akka isaaniif dhiheessu fakkeessuuf yaala.—2 Qorontos 11:14.

  •   Leenca baroodu. Namoota Waaqayyoon waaqeffatan irratti gara jabinaan haleellaa geessisa.—1 Pheexiros 5:8.

  •   Jawwee guddaa. Sodaachisaa dha, humna guddaa qaba, akkasumas badiisa guddaa geessisa.—Mulʼata 12:9.