Dhimma ijoo ta'etti seeni

BITOOTESSA 28, 2023
ODUU ADDUNYAA MARAA

Obomboleettiin Fireedii Jedhamu Afriikaa Bahaatti Balaa Guddaa Geessise

Obomboleettiin Fireedii Jedhamu Afriikaa Bahaatti Balaa Guddaa Geessise

Obomboleettiin Fireedii jedhamuu fi dhiheenya kana Afriikaa bahaa rukute, obomboleettii hanga yoonaatti galmeeffaman keessaa yeroo dheeraadhaaf turuudhaan isa hunda caaludha. Jalqaba jiʼa Guraandhala 2023​tti erga jalqabee kaasee bakka hedduutti sigigaachuu lafaa geessiseera. Guraandhala 21, 2023​tti Maadaagaaskaariin rukute, achiis kutaa Garba Hindii isa Odola Maadaagaskaarii fi Moozaambiik gidduutti argamu ceʼee guyyoota hedduu booda Moozaambiikii fi Maalaawwii rukuteera. Obomboleettiin kun itti caalaa deemuudhaan Bitootessa 11, 2023​tti yeroo lammataaf Moozaambiikiin rukute. Balaa kanaan Maadaagaaskaar, Maalaawwii fi Moozaambiik keessaa iddoowwan hedduun miidhamaniiru. Naannoowwan kanatti qilleensaa fi bokkaa cimaa gaʼe kanaan manneen hedduun diigamaniiru, akkasumas obbolootaa fi obboleettota keenya dabalatee namoonni 500 ol taʼan duʼaniiru. Dabalataanis, namoonni kuma hedduutti lakkaaʼaman qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru.

Hanga Bitootessa 27, 2023​tti dimshaashumatti wantoonni armaan gadii gabaafamaniiru. Gabaasni kun gabaasa dhugaa obboloota naannichaa irraa argamedha. Haataʼu malee, oblboloonni ammayyuu iddoowwan dhaquun ulfaataa ta‵etti miidhaa ga‵e beekuuf qorachaa waan jiraniif baayʼinni isaa kana caaluu dandaʼa.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Keenyarra Gaʼe

Maadaagaaskaar

  • Babalʼistoonni 256 fi miseensonni maatiisaanii kan biroon qeʼee isaaniirraa buqqaʼaniiru

  • Manneen 8 barbadaaʼaniiru

  • Manneen 29 irra miidhaan gaʼeera

  • Galmawwan Mootummaa 3 irra miidhaan gaʼeera

Maalaawwii

  • Kan nama gaddisiisu babalʼistoonni 8 duʼaniiru, 6 immoo hanga ammaatti hin argamne

  • Babalʼistoonni 3 madaaʼaniiru

  • Yoo xinnaate babalʼistoonni 4,300 fi miseensonni maatiisaanii kan biroon qeʼee isaaniirraa buqqaʼaniiru

  • Manneen 821 barbadaaʼaniiru

  • Manneen 174 irra miidhaan gaʼeera

  • Galmawwan Mootummaa 20 irra miidhaan gaʼeera

Moozaambiikii

  • Kan nama gaddisiisu, babalʼisaan 1 duʼeera, tokko immoo hanga ammaatti hin argamne

  • Babalʼistoonni 880 fi miseensonni maatiisaanii kan biroon qeʼee isaaniirraa buqqaʼaniiru

  • Manneen 248 mancaʼaniiru

  • Manneen 185 irra miidhaan gaʼeera

  • Galmawwan Mootummaa 7 irra miidhaan gaʼeera

Hojii Gargaarsaa

  • Ammayyuu iddoowwan miidhaman hedduu bira gaʼuun hin dandaʼamne

  • Koreewwan Gargaarsa Yeroo Balaa, namoota miidhamaniif iddoo jireenyaa, nyaata, bishaanii fi wantoota kan biroo dhiheessaa jiru

  • Miseensi Koree Waajjira Damee tokko Moozaambiikitti bakka Chookiwee jedhamu biratti obbolootaa buqqaʼan yommuu jajjabeessu

    Moozaambiikitti babalʼistoota 167 fi miseensota maatiisaanii Galma Walgaʼii Guguddaa keessa buufataniif kutaa bulchiinsa Gaazaa keessatti kaampiin tokko hundaaʼeera. Babalʼistoonni dhibbaan lakkaaʼaman kan biroon immoo Galmawwan Walgaʼii fi manneen dhuunfaa naannichatti argaman keessa buufatanii jiru

  • Yoo xinnaate manneen 16 suphamaniiru

  • Miseensonni Koree Waajjira Damee, ilaaltonni olaanaa aanaa fi jaarsoliin gumii wanta isaan barbaachisu beekuu fi jajjabina kennuuf maatiiwwan daawwachaa jiru

Obboloonnii fi obboleettonni haala rakkisaa kana keessatti illee bakka dandaʼametti walgaʼii gochuu fi wal jajjabeessuu isaanii itti fufaniiru. Yihowaan jabaatanii akka itti fufan isaan gargaaruuf, ‘humna humna caalu’ akka isaaniif kennu shakkii hin qabnu.—2 Qorontos 4:7.