Dhimma ijoo ta'etti seeni

Badhaasni Dhugaa Baatonni Yihowaa argatan, gamoowwan Raamaapoorratti yommuu mul’atan

BITOOTESSA 28, 2023
ODUU ADDUNYAA MARAA

Piroojektii Waajjira Muummee Raamaapoo

Bulchiinsi Niwuu Yoorki Diizaayinii Piroojektii Mana Jireenyaa Raamaapootiif Dhugaa Baatota Badhaase

Bulchiinsi Niwuu Yoorki Diizaayinii Piroojektii Mana Jireenyaa Raamaapootiif Dhugaa Baatota Badhaase

Bulchiinsa Niwuu Yoorkitti waajjirri Eeneerjii Riiserch Eend Develoopment Ootooriitii (NYSERDA) jedhamu maallaqa dhaabbilee ijaarsa sadarkaa olaanaa qabu ijaaraniif akka badhaasaatti kennamu keessaa doolaara miliyoona tokko Dhugaa Baatota Yihowaa badhaase. Badhaasichi kan kenname diizaayiniin manneen jireenyaa Raamaapoo karaa naannoo hin faalleen waan hojjetameefidha. a Piroojektiin ijaarsaa kun badhaasa kana yommuu moʼatu magaalaa Raamaapootti ykn Rooklaandi Kaawuntiitti isa jalqabaati.

Keeyiz Keedii inni miseensa Koree Ijaarsaa Piroojektii kanaa taʼe akkas jedheera: “Dizaayinii Gamoo Raamaapoo yommuu hojjennu kaayyoon keenya humna akka hin qisaasessinee fi naannoo akka hin faalle gochuu ture. Utuma ijaarsa hin jalqabinillee bulchiinsi kun carraaqqii keenyaaf beekamtii kennee nu badhaasuu isaatti baayʼee gammanneerra. Maallaqni kun buusii Dhugaa Baatonni fedhiidhaan godhanii wajjin sirriitti hojiirra oolfama.”

Dhaabbanni Yuunaayitid Isteetisitti dhaabbilee ijaarsa sadarkaa olaanaa qabu ijaaran badhaasu dhaabbata kana qofadha. Qophiin kun Bitootessa 2019​tti kan jalqabe yommuu taʼu, hanga ammaatti piroojektoota 63 badhaaseera. Akka weebsaayitiin waajjira Eeneerjii Riiseerch Eend Deevloopmant Ootooriitii jedhetti piroojektoonni badhaafaman kunneen “warshaaleen faalama qilleensaa hambisuurratti fakkeenya isaanii akka hordofan kakaaseera” jedheera.

Beekamtiin angawoonni nuuf kennan kun Yihowaadhaaf ulfina fiduusaatiif baayʼee galateeffanna.—Maatewos 5:16.

a Maqaan seera qabeessa taʼee fi dorgommii kana ittiin hirmaannu “Residences at Sterlington” jedhama