Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 26

Anaaf Gootan

Anaaf Gootan

(Maatewos 25:34-40)

  1. 1. Qaba Gooftaa Yesuus, hoolota kan biraa,

    warra tajaajilan dibamoo faana.

    Waan isaan gargaaruuf,

    jajjabeessuuf godhan

    Ni ’laala akka oolmaa isaaf oolan.

    (BUUSAA)

    “Yoo isaan gargaartan, ana gargaartan.

    Yoo isaaniif gootan, anaafis gootan.

    Yoo ’saan tajaajiltan na tajaajiltan.

    Waan ’saaniif gootan, anaafis gootan.

    Yoo isaaniif gootan, anaafis gootan.”

  2. 2. “Beelaaf dheebuu kootiin na gargaartaniittu;

    yeroo rakkinaatti naaf geessaniittu.”

    Isaan ni gaafatu,

    “Yoom kana goone siif?”

    Mootichis akkana jedhee deebisaaf:

    (BUUSAA)

    “Yoo isaan gargaartan, ana gargaartan.

    Yoo isaaniif gootan, anaafis gootan.

    Yoo ’saan tajaajiltan na tajaajiltan.

    Waan ’saaniif gootan, anaafis gootan.

    Yoo isaaniif gootan, anaafis gootan.”

  3. 3. “Waan gaarii hojjechuun amanamoo turtan,

    obbolaa koo wajjin dhugaa baʼuudhaan.”

    Mootichi hoolota

    mirgasaa jiraniin,

    “Lafaaf jireenya gaarii dhaalaa” jedhaan.

    (BUUSAA)

    “Yoo isaan gargaartan, ana gargaartan.

    Yoo isaaniif gootan, anaafis gootan.

    Yoo ’saan tajaajiltan na tajaajiltan.

    Waan ’saaniif gootan, anaafis gootan.

    Yoo isaaniif gootan, anaafis gootan.”