Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Guraandhala 1-7

Nahimiyaa 1-4

Guraandhala 1-7
  • Faarfannaa 13 fi Kadhannaa

  • Yaada Seensaa (Daq. 3 ykn isaa gad)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

  • Nahimiyaan Waaqeffannaa Dhugaa Ni Jaallata Ture”: (Daq. 10)

    • [Viidiyoo Beeksisa Kitaaba Nahimiyaa jedhamu taphachiisi.]

    • Nah 1:11–2:3—Wanti Nahimiyaa gammachiise waaqeffannaan dhugaa babalʼachuu isaa ti (w06-AM 2/1 9 key. 7)

    • Nah 4:14—Nahimiyaan Yihowaa irratti xiyyeeffachuudhaan mormii waaqeffannaa dhugaa irratti kaʼe moʼeera (w06-AM 2/1 10 key. 2)

  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 8)

    • Nah 1:1; 2:1Nahimiyaa 1:1 fi 2:1 irratti gaaleen “waggaa digdammaffaa” jedhu kan shallagame yeroo wal fakkaatu irraa kaʼamee ti kan jennu maaliifi? (w06-AM 2/1 8 key. 5)

    • Nah 4:17, 18—Namni hojii deebisanii ijaaruu irratti hirmaatu harka tokkoon qofa hojjechuu kan dandaʼu akkamitti? (w06-AM 2/1 9 key. 1)

    • Dubbisni Kitaaba Qulqulluu torban kanaa waaʼee Yihowaa maal na barsiisa?

    • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa qabxiin tajaajila irratti itti fayyadamuu dandaʼu isa kami?

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: Nah 3:1-14 (Daq. 4 ykn isaa gad)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

  • Ittiin Lixa Jiʼa Kanaa Qophaaʼi: (Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu. Ittiin lixa viidiyoodhaan qophaaʼe hunda taphachiisi; achiis yaada ijoo isaa irratti mariʼadhaa. Akkaataa babalʼisichi deddeebii gaaffiitiif haala itti mijeesse addeessi. Ittiin lixa mataa isaanii akka qopheeffatan babalʼistoota jajjabeessi.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

  • Faarfannaa 45

  • Jiʼa Bitootessaa ykn Eblaatti Qajeelchaa Gargaaraa Taatanii Tajaajiluuf Ammumaa Karoorfadhaa: (Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu. Qabxiiwwan barbaachisoo mata duree “Tibbi Ayyaana Yaadannoo Kan Nama Gammachiisu Akka Taʼu Godhaa!” jedhu jala jiran irratti mariʼadhaa. (km 2/14 2) Dursanii karoorfachuun barbaachisaa taʼuu isaa addeessi. (Fak 21:5) Babalʼistoota kanaan dura qajeelchaa gargaaraa taʼanii tajaajilan lamaaf gaafannoo godhi. Gufuuwwan akkamii moʼaniiru? Gammachuu akkamii argatan?

  • Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: cf boq. 17 key. 10-15 (Daq. 30)

  • Irra Deebii fi Yaada Gabaabaa Barumsa Torban Itti Aanuu (Daq. 3)

  • Faarfannaa 25 fi Kadhannaa