Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

JW Library Fayyadamaa Jirtaa?

JW Library Fayyadamaa Jirtaa?

JW Library appilikeshinii tolaa (software application) Kitaaba Qulqulluu, barreeffamoota kaan, viidiyoowwanii fi sagantaalee sagalee qofaan waraabaman meeshaalee adda addaa irratti garagalfachuuf si gargaaru dha.

AKKA ITTI ARGATTU: Bakka intarneetiin jirutti, kutaa app store jedhamu irra JW Library feʼadhu. Appilikeshiniin kun meeshaalee elektirooniksii adda addaa irratti hojjeta. Intarneetii irraa appilikeshinicha banuudhaan wantoota meeshaa kee irratti garagalfachuu barbaaddu filadhu. Manaa intarneetii hin qabdu taanaan, tarii Galma Mootummaa, mana kitaabaa sabaa ykn iddoo intarneetiin jiru dhaqxee fayyadamuu dandeessa. Barreeffamoota takkaa meeshaa kee irratti garagalfannaan itti fayyadamuuf Intarneetiin sin hin barbaachisu. Yeroo yeroodhaan wantoonni haaraan JW Library irratti waan dabalamaniif, wantoonni tokko tokko yommuu fooyyeffaman yeroo yerootti intarneetii irraa garagalfachuu qabda.

FAAYIDAA AKKAMII QABA? JW Library qoʼannaa dhuunfaa gochuunii fi wantoota walgaʼiiwwan gumii irratti dhihaatan hordofuun caalaatti mijataa akka siif taʼu godha. Tajaajilaaf, keessumaa immoo karaa al idilee taʼeen dhugaa baʼuuf fayyada.