Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | HOJII ERGAMOOTAA 25-26

Phaawulos Qeesaaritti Ol Iyyate, Achiis Herodis Agriiphaa Mootichaaf Dhugaa Baʼe

Phaawulos Qeesaaritti Ol Iyyate, Achiis Herodis Agriiphaa Mootichaaf Dhugaa Baʼe

25:11; 26:1-3, 28

‘Bulchitootaa fi mootota duratti yommuu dhiheeffamnu’ yaaddaʼuu kan hin qabne taʼus, namoota waaʼee abdii keenyaa nu gaafatan hundaaf ‘deebii kennuuf yeroo hunda qophaaʼoo taʼuu’ qabna. (Mat 10:18-20; 1Ph 3:15) Mormitoonni yommuu ‘seera jalʼisuudhaan’ daba nu irratti raawwachuuf yaalanitti, fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti?—Far 94:20.

  • Mirga seerri nuu kennetti fayyadamnee misiraachichaaf falmina.—HoE 25:11

  • Abbootii taayitaatti yommuu dubbannu kabajaan isaan haasofsiisna.—HoE 26:2, 3

  • Haalli isaa kan nuuf heyyamu yoo taʼe, misiraachichi nunis taʼe warra kaan akkamitti akka fayyade ibsina.—HoE 26:11-20