Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Kuubeek Keessatti Hojichi Seera Biratti Beekamtii Akka Argatu Gochuu

Kuubeek Keessatti Hojichi Seera Biratti Beekamtii Akka Argatu Gochuu

Phaawulos yommuu murtii duratti dhiheeffamee turetti Qeesaaritti ol iyyateera. Mirga lammii Roomaa taʼuudhaan qabutti fayyadamuudhaan fakkeenya nuuf taʼeera. Viidiyoo Kuubeek Keessatti Hojichi Seera Biratti Beekamtii Akka Argatu Gochuu jedhamu ilaaluudhaan, obboloonni keenya Kuubeek keessatti argaman misiraachichaaf falmuuf jecha mirga seerri isaaniif kennetti akkamitti akka fayyadaman hubadhaa. Achiis gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaalaa:

  • Rakkoowwan obboloota keenya Kuubeekitti argaman irra gaʼan kamfaʼi?

  • Tiraaktiin addaa isaan raabsanii turan kami dha? Buʼaan isaa hoo maali ture?

  • Wanti obboleessa keenya Eemii Buushee irra gaʼee ture maali dha?

  • Manni Murtii Ol Aanaa Kaanaadaa obboleessa keenya Buushee irratti murtoo akkamii dabarse?

  • Obboloonni mirga seeraa yeroo baayʼee hin argamne kamitti fayyadamanii turan? Kun hoo buʼaa akkamii argamsiise?

  • Poolisiin tokko ajaja qeesii tokkootiin walgaʼiin Dhugaa Baatota Yihowaa akka addaan citu yommuu godhetti maaltu raawwatame?