Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LUQAAS 12-13

“Isin Dimbiixota Hedduu Caalaa Gatii Guddaa Qabdu”

“Isin Dimbiixota Hedduu Caalaa Gatii Guddaa Qabdu”

12:6, 7

Yaanni naannoo Luqaas 12:6, 7 irra jiru waaʼee maalii ibsa? Lakkoofsa 4 irratti, Yesuus duuka buutonni isaa namoota isaan morman ykn namoota isaan ajjeesuu dandaʼan illee akka hin sodaanne isaanitti himuu isaa dubbisna. Yesuus mormii yeroo booda isaan mudatuuf barattoota isaa qopheessaa ture. Yihowaan tokkoon tokkoon tajaajiltoota Isaatiif bakka guddaa akka kennuu fi wanta miidhaa bara baraa isaan irra geessisu akka hin heyyamne isaaniif mirkaneesseera.

Namoota ariʼatamni isaan irra gaʼaa jiruuf yaaduudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

Dhugaa Baatota Yihowaa sababii amantii isaaniitiin hidhaman ilaalchisee odeeffannoo haaraa eessaa argachuu dandeenya?

Yeroo ammaatti, obbolootaa fi obboleettota taʼantu mana hidhaa jira.