Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Fiixee gar tokkoo suphee kanaa irratti maqaan “Taataanuu” jedhu barreeffameera

Ragaa Dabalataa

Ragaa Dabalataa

Ragaan arkiʼooloojii seenaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame deggeru jiraa? Bara 2014tti mata dureen barruu Bibilikaal Arkiʼooloojii Riiviw jedhamu gaaffii akkana jedhu gaafate ture: “Namoota Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti caqasaman keessaa meeqan isaaniitu arkiʼooloojiidhaan mirkaneeffame?” Deebiin kenname, “Yoo xinnaate namoota 50!” kan jedhu dha. Namoota tarreeffaman kana keessaa namni Taatenaayi jedhamu maqaan isaa hin caqasamne ture. Taatenaayi eenyu ture? Mee shoora xinnoo inni seenaa Kitaaba Qulqulluu keessatti qabu ture haa ilaallu.

Yerusaalem yeroo tokkotti Bulchiinsa Faares isa balʼaa keessaa kutaa tokko turte. Magaalaan kun naannoo warri Faares Laga Gama jedhanii waaman, jechuunis laga Efraaxiis gara lixaatti argamtu dha. Warri Faares Baabiloniin erga injifatanii booda, Yihudoota boojuudhaan fudhatamanii turan gadhiisuudhaan, mana qulqullummaa Yihowaa Yerusaalemitti argamu deebisanii akka ijaaran mirga isaaniif kennan. (Izraa 1:1-4) Haa taʼu malee, diinonni Yihudootaa ijaarsa kana mormuudhaan, haalli kun akka waan mootummaa warra Faares irratti fincila kaasuuf karoorfame fakkeessanii isaan himatan. (Izraa 4:4-16) Bara Daariyos Tokkoffaan mootii turetti (Dh.K.D. bara 522-486tti), bulchaan kutaa biyyaa warra Faares Taatenaayi jedhamu dhimma kana adda durummaadhaan qorachaa ture. Kitaabni Qulqulluun ‘bulchaa kutaa biyya laga Efraaxiis gamaa’ jedhee isa waama.—Izraa 5:3-7.

Supheewwan maqaa Taatenaayi jedhamu qabatan hedduun galmee maatii jedhamu irratti bocamanii akka argaman hubachuun dandaʼameera. Supheen miseensa maatii sanaa keessaa waaʼee isa tokkoo ibsu, namni Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamee fi bara bulchiinsa Daariyos Isa Tokkoffaa waggaa 20ffa Dh.K.D. bara 502tti akka jiraate argisiisa. Hojjetaa “Taataanuu, bulchaa biyyoota Lageen Gamaa” yommuu walii galtee bittaa fi gurgurtaa raawwatetti kan isa bira ture taʼuu isaa ibsa. Innis kitaaba Izraa isa kutaa Kitaaba Qulqulluu keessatti Taatenaayi jedhamee waamame wajjin tokko dha.

Gaheen nama kanaa maal ture? Dh.K.D. bara 535tti Qiiros Guddichi warra bulchiinsa isaa keessa turan akka koonyaatti caasessee ture. Isaan keessaa ishiin tokko “Baabilonii fi Warra Lageen Gamaa” jedhee waame. Koonyaan kun boodaa irratti bakka lamatti kan hirame yommuu taʼu, isaan keessa inni tokko Warra Lagicha Gamaa jedhamee waamama ture. Kunis Kooyilee-Sooriyaa, Finiiqee, Samaariyaa fi Yihudaa kan dabalatu yoo taʼu, tarii mootichi Damaasqoo taaʼee bulchaa ture. Taatenaayi biyya kana bulchaa kan ture Dh.K.D. bara 520 hanga bara 502tti ture.

Taatenaayi, himata Yihudootaa irratti dhihaate kana qorachuuf gara Yerusaalem erga deeme booda, Yihudoonni Waaqayyoof mana qulqullummaa Yerusaalem jiru deebisanii ijaaruuf Qiiros Mooticha irraa heyyama akka argatan Daariyos Mootichatti gabaaseera. Qorannoon galmee warra moototaa irratti godhames wanta jedhame kana mirkaneessuu dandaʼeera. (Izraa 5:6, 7, 11-13; 6:1-3) Kanaaf, Taatenaayi hojii kana akka hin dhorkine ajajamee kan ture yeroo taʼu, innis ajaja kana fudhateera.—Izraa 6:6, 7, 13.

Dhugaa isaa dubbachuuf, “Taatenaayi inni Bulchaa Biyyoota warra Lageen Gamaa” taʼe, wanta seenaa keessatti bakka guddaa qabu hin raawwanne. Taʼus, Kitaabni Qulqulluun akka isa caqasee fi maqaa ulfinaa sirrii taʼe akka isaaf kenne hubadhu. Dhugaan kun, arkiʼooloojiin irra deddeebiʼee Kitaabni Qulqulluun dhugaa taʼuu isaa akka deggeru ragaa dabalataa akka taʼu argisiisa.