Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Loltoonni Roomaa, kittaa Yesus baay’ee kan jaallatan maaliif ture?

Loltoonni Roomaa Yesusiin fannisan arfan uffatasaa hirataniiru. Yohannis 19:23, “kittaan isaa garuu olii hamma gadiitti dha’aa tokkichaan ba’e malee, hodhaa hin qabu ture” jedha. Loltoonni kun, uffaticha tarsaasuu mannaa, muka itti buufatanii abbaa inni ba’uuf ilaaluuf murteessan. Uffanni akkasii kan hojjetamu akkamitti?

Kittaan kun, uffata quncee talbaa ykn rifeensarraa tolfame si’a ta’u, dheerinnisaa jilba ykn gulubii bira kan ga’udha. Yeroo baay’ee uffanni akkasii carqii roga afur qabu lama iddoo sadiitti walitti hodhuudhaan hojjetama ture. Sana booda qaawwi mormiifi harki lamaan itti galu ni hambifama ture.

Kitaabni Jiisas eendi Hiis Worlid jedhamu akka ibsetti, uffanni olitti ibsame caalaa gati jabeessa ta’e kanumaa wajjin kan wal fakkaatuufi “huccuu dheeraa bakka lamatti dachaafamee qaawwi mormaa itti baafamerraa hojjetama” jedheera. Uffanni akkasii naannoon mormasaa hodhamuu qaba.

Uffannaan hodhaa hin qabneefi Yesus uffate, biyya Filisxeem qofatti kan hojjetamu ture. Uffanni akkasii kan hojjetamu dhaabiisaatiin si’a ta’u, muka dhaabame lamarratti dagaleen erga hidhamee booda, qal’aan lama dagalee sanarra dabarfamee fiixeensaa lamaan lafarratti hidhama. Sana booda, fuulduraafi duubaan koolloo arbii sana keessa loosanii naannessuudhaan, “uffanni karaxiitii fakkaatu akka hojjetamu godhu” jechuudhaan kitaabni tokko ibseera. Yeroo sanatti kittaan hodhaa hin qabne akkasii baay’inaan waan hin argamneef, loltoonni uffata kana baay’ee kan jaallatan kanaaf ture.

Israa’el durii keessatti kanniisa kan horsiisan jiru turanii?

Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Ibrootaa, Waaqayyo Israa’eloota “biyya aannanii fi damma baasutti” galchuuf abdii akka kennee dubbatu. (Ba’uu 3:8) Ragaawwan Caaffata Qulqullaa’oo keessatti waa’ee dammaa dubbatan hedduun, waa’ee damma bosonaa kan ibsan fakkaata. Macaafni Qulqulluun, bara durii Israa’el keessatti hojiin kanniisa horsiisuu hojjetamaa akka ture hin ibsu. Haata’u malee, wanti dhiheenya kana biyya Israa’el Dachaa Beet Shii’aanitti argame tokko, bara duriitti Israa’eloonni “hojii kanniisa horsiisuu bal’inaan hojjechaa akka turan” argisiisa.

Hebruu Yuunivarsiitii oov Jerusaalems Inistiituut oov Arki’ooloojii keessatti qorattoota kan ta’an, Dh.K.D. jalqaba bara 900 hanga bara 800⁠tti, jechuunis yeroo Israa’el mootiidhaan buluu jalqabdetti, gaagura hedduu tajaajila kennaa akka turan yaadamu naannoo Teel Reekoovitti argataniiru. Biyyoota Baha Giddu Galeessaatti gaagurri bara durii yeroo jalqabaatiif kan argame bakka kanatti ture. Iddoo kanatti gaagurri dhibbaan lakkaa’amu akka argameefi gaagurri kun sadarkaa sadiin walirra taa’ee akka ture yaadama.

Yuunivarsiitiin kun wanta qorannoodhaan argame kana ilaalchisee gabaasa dhiheesserratti akkas jechuudhaan ibseera. Gaaguroonni kun hundi, “bifa geengoo kan qabaniifi supheerraa kan . . . tolfamanidha. Dheerina seentiimeetira 80fi bal’ina seentiimeetira 40 kan qaban turan. . . . Namoonni kanniisa horsiisuutti muuxannoo qabaniifi hayyoonni iddoo kana daawwatan, waggaa waggaadhaan gaagura kana tokko keessaa dammi kiilogiraamii 500 ta’u akka argamu ibsaniiru.”

[Fakkii fuula 12rra jiru]

Teel Reekoovitti bakka gaagurri itti argame

[Madda]

Institute of Archaeology/Hebrew University © Tel Rehov Excavations