Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti baʼan akka gaariitti dubbisteettaa? Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaali:

Waggaa waggaatti Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesus kabajuuf yeroo qophoofnu wanti gochuu dandeenyu maali dha?

Wanti gochuu dandeenyu inni tokko, seenaawwan Macaafa Qulqulluu waaʼee wantoota yeroo sana raawwatamanii ibsan dubbisuu dha. Yeroo kanatti tajaajila keenya guddisuufis carraaqqii gochuu ni dandeenya. Akkasumas, abdii Waaqayyo nuu kenne irratti kadhannaadhaan yaaduu ni dandeenya.—1/15, fuula 14-16.

Jaalala hin badne qabaachuun ni dandaʼamaa?

Miira jaalalaa kan uume Yihowaa waan taʼeef, jaalalli dhugaan “labooba Yaah” akka taʼetti ibsameera. (Wed. 8:6, NW) Yihowaan, namoota dandeettii jaallachuu akka qabaatan godhee akka fakkaattii isaatti uume. Kanaafuu, dhiiraa fi dubartiin tokko jaalala cimaa fi hin badne waliif qabaachuu ni dandaʼu. (Uma. 1:26, 27)—1/15, fuula 29.

Kennaan addaa obboloonni Jaappaan jiraatan argatan maali dha?

Buukleetii Wangeela Maatewos qabatee fi Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa irraa fudhatame argataniiru. Buukleetiin kun tajaajila irratti raabsamaa kan ture siʼa taʼu, namoonni Macaafa Qulqulluu hin beekne hedduunis fudhataniiru.—2/15, fuula 3.

Haalawwan jaarraa jalqabaatti misiraachichi akka babalʼatu gargaaran maal faʼi?

Tasgabbiin Paaksi Roomaanaan argamsiise lolli akka hirʼatu godhee ture. Duuka buutonni Yesus warri jalqabaa, daandiiwwan gaggaarii naannoowwan garaa garaa wal qunnamsiisanitti fayyadamaniiru. Afaan Giriikii balʼinaan itti hojjetamaa kan ture taʼuun isaa, misiraachichi Yihudoota guutummaa bulchiinsichaa keessatti bittinnaaʼanii jiraniif illee akka lallabamu godheera. Akkasumas, duuka buutonni Yesus misiraachichaaf falmuudhaaf seera Roomaatti fayyadamuu dandaʼaniiru.—2/15, fuula 19-23.

Waggoota dhihoodhaa asitti, barreeffamoota keenya irratti gaaddidduu fi wanti inni dhugaan yeroo baayʼee kan hin ibsamne maaliifi?

Macaafni Qulqulluun, namoonni tokko tokko wanta caaluuf gaaddidduu akka taʼan ni dubbata. Fakkeenyi inni tokko Galaatiyaa 4:21-31 dha. Macaafni Qulqulluun hin jedhu taanaan garuu, wanti tokko gaaddidduu akka taʼe yaaduu hin qabnu. Haa taʼu malee, namootaa fi wantoota Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti galmeeffaman irraa barumsa argachuu ni dandeenya. (Rom. 15:4)—3/15, fuula 17-18.

Abbootiin manaa manni isaanii bakka tasgabbiin jiru akka taʼu gochuu irratti amalawwan Yesus isa kamfaa hordofuu dandaʼu?

Yesus warra kaan jajjabeessuu fi gargaaruu barbaada ture. (Mat. 11:28, 29) Abbootiin manaas karaa baʼaa haadhotii manaa isaanii itti salphisan barbaaduu qabu. Yesus kan namaa yaaduu fi miira namaa kan hubatu ture. (Mar. 5:25-34) Abbaan manaa tokko, yeroo haadha manaa isaatti miirri gaariin hin dhagaʼamnetti akka isheedhaa yaadu argisiisuu fi obsa qabaachuu qaba. Yesus bartoota isaa wajjin ni haasaʼa ture. (Yoh. 15:15; Mat. 26:38) Abbaan manaa tokkos miira isaas taʼe wanta yaadu haadha manaa isaatti himuu, akkasumas haadha manaa isaa ooduudhaan ishee adabuuf yaaluu hin qabu.—4/1, fuula 8-10.

Kiristiyaanonni Ayyaana Duʼaa Kaʼuu kan hin kabajne maaliifi?

Yesus duuka buutonni isaa akka kabajan kan isaanitti hime duʼaa kaʼuu isaa utuu hin taʼin guyyaa duʼa isaa ture. (Luq. 22:19, 20)—4/1, fuula 14.

Gumiidhaa nama baasuun qophii jaalala irratti hundaaʼe dha kan jennu maaliifi?

Macaafni Qulqulluun waaʼee tarkaanfii cimaa gumiidhaa nama baasuuf fudhatamuu fi faayidaa argamsiisuu ni dubbata. (1 Qor. 5:11-13) Maqaa Yihowaatiif ulfina fida, qulqullina gumichaa eega, akkasumas namni cubbuu hojjete qalbii isaatti akka deebiʼu gochuu dandaʼa.—4/15, fuula 29-30.