Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jaalala Hin Badne Qabaachuun Ni Dandaʼamaa?

Jaalala Hin Badne Qabaachuun Ni Dandaʼamaa?

“Laboobni jaalalaa ibidda cimaa dha, labooba Yaahii [Yihowaa] ti.” —WED. 8:6, NW.

1, 2. Weedduu Weedduu Caalu sirriitti qoruudhaan faayidaa argachuu kan dandaʼan eenyu faʼi? Maaliif? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

‘AKKAATAAN isaan ija keessa itti wal ilaalanii fi harka itti wal qabatanii jiran namatti tola! Baayʼee akka wal jaallatan nama hin shakkisiisu!’ Kana yaadaa kan jiru jaarsa gumii hiriyoota gaaʼelaa wal fuudhaniif reefuu haasaa gaaʼelaa dhiheesse dha. Bakka cidhaatti hiriyoonni gaaʼelaa kun waltajjii irra asii fi achi jechaa yeroo shubbisan, ‘Yeroon darbaa ennaa deemu gaaʼelli isaanii rakkina isa mudatu ni dandamataa laata? Waggoonni darbaa yeroo deeman jaalalli isaanii cimaa deemamoo ni bada laata?’ jedhee yaade. Jaalalli dhiiraa fi dubartii tokko gidduu jiru cimaa fi rakkina kan dandaʼu yommuu taʼu baayʼee nama gammachiisa. Haa taʼu malee, yeroo harʼaa hiriyoonni gaaʼelaa hedduun waan wal hiikaniif, ‘Hiriyoonni gaaʼelaa jaalala baduu hin dandeenye qabaachuu ni dandaʼuu?’ jedhanii gaafachuun dogoggora miti.

2 Bara Solomoon isa mootii Israaʼel durii tureetti iyyuu jaalalli dhugaan baayʼinaan hin argamu ture. Solomoon amalaa wajjin haala wal qabateen haala yeroo sana ture akkas jechuudhaan ibseera: “Namoota kuma keessaa nama yaada qajeelaa qabu tokko argadheera, garuu isaan kana hundumaa keessatti dubartii yaada qajeelaa tokkittii illee hin arganne. Waaqayyo nama yaada qajeelaa qabu uume;  namoonni immoo yaada baayʼee warra ofii isaaniitii qopheessan duukaa buʼuu in barbaadu. Kunoo, wanta ani qore hundumaa keessatti isa kana duwwaan arge.” (Lal. 7:26-29) Keessumaa dhiibbaa dubartoonni biyya biraa Baʼaaliin waaqeffatan geessisaniin, haalli jireenyaa yeroo sana ture gadhiisii taʼee waan tureef, Solomoon dubartii ykn dhiira yaada qajeelaa qabu argachuun itti ulfaatee ture. * Haa taʼu malee, walaloon inni yaada kana barreessuu isaa gara waggaa 20 dura barreesse, jechuunis Weedduun Weedduu Caalu dhiiraa fi dubartiin tokko jaalala dhugaa qabaachuu akka dandaʼan kan argisiisu dha. Akkasumas, jaalalli maal akka taʼee fi akkamitti hojiidhaan argisiisuun akka dandaʼamu ibseera. Tajaajiltoonni Yihowaa gaaʼela godhatanii fi qeentee taʼan kutaa Macaafa Qulqulluu kana sirriitti qoruudhaan jaalala ilaalchisee barumsa hedduu argachuu dandaʼu.

JAALALA DHUGAA QABAACHUUN NI DANDAʼAMA!

3. Dhiiraa fi dubartiin tokko jaalala dhugaa waliif qabaachuu ni dandaʼu kan jennu maaliifi?

3 Weedduu Weedduu Caalu 8:6, NW dubbisi. * Yaadni “labooba Yaah” jedhuu fi jaalala ibsuuf gale, yaada hedduu of keessatti kan qabate dha. Jaalala akkasii kan uume Yihowaa waan taʼeef, jaalalli dhugaan “labooba Yaah” akka taʼetti ibsameera. Yihowaan, namoota dandeettii jaallachuu akka qabaatan godhee akka fakkaattii isaatti uume. (Uma. 1:26, 27) Waaqayyo dubartii ishee jalqabaa kan taate Hewwaaniin gara Addaam nama isa jalqabaatti yeroo fidetti, Addaam walaloodhaan gammachuu isaa ibse. Hewwaanis, Addaam isa isheen irraa ‘fudhatamtee’ wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabdu isheetti dhagaʼamee akka ture hin shakkisiisu. (Uma. 2:21-23) Yihowaan namootaaf dandeettii jaalala argisiisuu waan kenneef, dhiiraa fi dubartiin tokko jaalala cimaa fi hin badne waliif qabaachuu ni dandaʼu.

4, 5. Seenaa Weedduu Weedduu Caalu keessa jiru gabaabsii ibsi.

4 Jaalalli saala faallaa gidduu jiru hanga dhumaatti kan turuu fi rakkina kan dandaʼu taʼuudhaan alattis wantoota ittiin beekamu kan biroo qaba. Wantoota kana keessaa tokko tokko Weedduu Weedduu Caalu keessatti ibsamaniiru. Weedduun kun waaʼee jaalala intala mandara Shuneem ykn Shuleem keessa jiraattuu fi dargaggeessa tiksee taʼe tokkoo dubbata. Solomoon inni naannoo dhaaba wayinii isheen keessa hojjetuu buufatee ture, bareedinni intala kanaa waan isa hawwateef, intalattiin bakka inni buufatee jiruu geeffamte. Haa taʼu malee, jalqabumaa kaasee tiksicha akka jaallattu beekamaa ture. Solomoon ishee amansiisuudhaaf yeroo yaaluttis, intalattiin dargaggeessa jaallattuu wajjin taʼuuf akka hawwitu ifatti dubbatteetti. (Wed. 1:4-14 *) Tiksichi gara iddoo buufatichaa dhaqee, jaalala isaanii karaa baayʼee namatti toluun waliif ibsan.—Wed. 1:15-17.

5 Solomoon intalattii fudhatee gara Yerusaalem kan deebiʼe siʼa taʼu, tiksichis ishee duukaa buʼe. (Wed. 4:1-5, 8, 9) Carraaqqiin Solomoon intalattiin akka isa jaallattuuf godhe hin milkoofneef. (Wed. 6:4-7; 7:1-10) Dhuma irratti, mootichi gara mana isheetti akka deebitu heyyameef. Weeddichi kan xumuramu jaalalleen ishee “akka kuruphee utaalee” gara ishee akka dhufu akka hawwitu utuu ibsituu ti.—Wed. 8:14.

6. Weedduu Weedduu Caalu keessatti eenyummaa nama yaada tokko dubbatee beekuun ulfaataa kan taʼu maaliifi?

6 Weedduun Solomoon weedduu namatti tolu dha. “Weedduu Weedduu Caalu” jedhamee waamamuun isaa sirrii dha. (Wed. 1:1) Haa taʼu malee, Solomoon weedduu isaa keessatti  eenyummaa namoota yaada weedduu isaa keessatti caqasame dubbatanii hin ibsine. Yaada dabalataa hedduu ibsuu mannaa miidhagina walaloo fi weedduu isaa irratti xiyyeeffate. Weeddicha keessatti eenyummaan isaanii kan hin ibsamne taʼus, wanta isaan dubbatan ykn wanta isaanitti dubbatame irraa eenyu akka dubbate beekuun ni dandaʼama.

‘IBSI JAALALAA KEE DAADHII WAYNII IRRA CAALA’

7, 8. Tiksichii fi intalattiin jaalala isaanii akkamitti walii ibsaa turan? Fakkeenya kenni.

7 Weedduun Weedduu Caalu ‘ibsa jaalalaa’ (NW) intalattiinii fi tiksichi wal jijjiiraniin kan guutame dha. Ibsawwan isaan itti fayyadaman aadaa Baha Fagoo gara waggaa 3,000 dura ture kan calaqqisiisuu fi nu biratti baramaa kan hin taane taʼus, hiika isaa fi miira isaa hubachuu ni dandeenya. Fakkeenyaaf, tiksichi ija intalattii isa gaarummaan irraa mulʼatu, “ija gugee” ykn makoodii wajjin wal fakkeessuudhaan jajateera. (Wed. 1:15) Isheen immoo ija isaa ija gugeetti utuu hin taʼin gugeetti fakkeessiteetti. (Weedduu Weedduu Caalu 5:12, NW dubbisi. *) Kutaan ija isaa inni gurraachi isa adiidhaan marfamee yeroo argitu, akkuma gugee aannan keessatti dhiqattuu bareedaa taʼee isheetti mulʼateera.

8 Ibsa jaalalaa weedduu kana keessatti ibsame keessaa waaʼee bareedina qaamaa kan dubbatu hunda isaa miti. Dubbii intalattii ilaalchisee wanta tiksichi dubbate ilaalaa. (Weedduu Weedduu Caalu 4:7, 11.) Hidhiin ishee ‘dhaaba dammaa nadhii coccophsu’ akka taʼetti ibsameera. Maaliif? Dammi dhaaba isaa keessa jiru damma qilleensi itti seene caalaa miʼaawaa waan taʼeefi dha. “Arraba [ishee] jalaas dammaa fi aannantu yaaʼa” jedhamuun isaa dubbiin ishee akkuma dammaa fi aannanii kan nama gammachiisuu fi gaarii taʼuu isaa argisiisa. Tiksichi intalattiidhaan, “Ati guutummaadhumatti miidhagduu dha, mudaa tokko illee hin qabdu” yeroo jedhetti, waaʼee bareedina qaama ishee qofa dubbachaa akka hin turre beekamaa dha.

9. (a) Jaalalli hiriyoota gaaʼelaa gidduu jiru maal dabalata? (b) Hiriyoonni gaaʼelaa ibsa jaalalaa wal jijjiiruun isaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

9 Gaaʼelli, walii galtee utuma jaalala waliif hin qabaatin waliin jiraachuudhaaf godhamu miti. Gaaʼelli Kiristiyaanotaa jaalalaan beekama. Haa taʼu malee, jaalalli kun jaalala akkamii ti? Jaalala seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluutiin geggeeffamu dhaa? (1 Yoh. 4:8) Jaalala uumamaa miseensonni maatii waliif qabani dhaa? Walitti dhufeenya cimaa fi jaalala hiriyoonni dhugaan waliif qabanii wajjin wal fakkaatu kan dabalatu dhaa? (Yoh.11:3) Jaalala saala faalaa gidduu jiraatu dhaa? (Fak. 5:15-20) Jaalalli hiriyoota gaaʼelaa dhugaa fi cimaa taʼe akaakuuwwan jaalalaa armaan olitti caqasne hunda ni dabalata. Namni tokko jaalala akka isaaf qabdan kan beeku yeroo isaaf ibsitani dha. Hiriyoonni gaaʼelaa sochiin jireenyaa guyyaa guyyaatti raawwatan jaalala isaanii akka waliif hin ibsine akka isaan godhu heyyamuu hin qaban! Jaalala walii ibsuun gaaʼela keessa nageenyaa fi gammachuun akka jiraatu gochuu irratti gahee guddaa qaba. Aadaawwan warri ijoollee isaaniitiif hiriyaa gaaʼelaa itti filatan keessatti, warri wal fuudhan wal beekuu iyyuu dhiisuu dandaʼu; namoonni akkasii afaaniin jaalala walii ibsuun barbaachisaa taʼuu isaa hubachuun isaanii, jaalalli isaanii akka guddatuu fi gaaʼelli isaanii milkaaʼina akka qabaatu godha.

10. Ibsa jaalalaa kanaan dura dhageenye yaadachuun faayidaa akkamii qabaachuu dandaʼa?

10 Hiriyoonni gaaʼelaa jaalala isaanii waliif ibsuun isaanii faayidaa kan biraas qaba. Solomoon Mootichi, intala mandara Shuleem sanaaf ‘dirata warqee guroon meetii itti rarraafame’ akka hojjechiisuuf dubbatee ture. ‘Akka jiʼaa miidhagduu, akka aduu iftuu’ taʼuu ishee dubbachuudhaan baayʼee ishee jaje. (Wed. 1:9-11; 6:10) Haa taʼu malee, intalattiin tiksee jaallattu sanaaf amanamtuu  taatee itti fufteetti. Yeroo isaa wajjin gargar baʼanii turan sanatti wanti jabina isheedhaaf kenne maali dha? Mee ishumti nutti haa himtu. (Wed. 1:2, 3) ‘Ibsa jaalalaa’ tiksichaa yaadachuu ishee ti. Ibsawwan jaalalaa inni itti fayyadame isheedhaaf, “daadhii wayinii” isa garaa namaa gammachiisu ni “caalu” turan; maqaan isaa dhaʼamuun isaas akka “urgooftuu” mataa namaa irratti ‘dhangalaʼuu’ kan nama qabbaneessu ture. (Far. 23:5; 104:15) Eeyyee, ibsa jaalalaa gammachiisaa kanaan dura dhageenye yaadachuun, jaalalli keenya caalaatti rakkina kan dandamatu akka taʼu godha. Hiriyoonni gaaʼelaa, yeroo hunda jaalala waliif qaban walii ibsuun isaanii baayʼee barbaachisaa dha!

“HAMMA INNI OFIIN KAʼUTTI” JAALALA HIN DAMMAQSINAA

11. Kiristiyaanonni qeentee taʼan, intala Shuleem ishee jaalala akka ishee keessatti hin dammaqsineef warra kaan kakachiiste irraa barumsa akkamii argachuu dandaʼu?

11 Weedduun Weedduu Caalu, Kiristiyaanota qeentee taʼaniif, keessumaa warra hiriyaa gaaʼelaa barbaadaa jiraniifis barumsa gaarii dabarsa. Intalattiin Shuleem sun Solomooniif jaalala hin qabdu turte. “Hamma inni ofiin kaʼutti jaalala na keessatti dammaqsuuf yookiin kakaasuuf hin yaalinaa” jechuudhaan intaloota Yerusaalem kakachiisteetti. (Wed. 2:7, NW; 3:5, NW) Maaliif? Abbuma arganiif fedhii jaalalaa qabaachuun sirrii waan hin taaneefi dha. Kiristiyaanni gaaʼela godhachuuf fedhii qabu, hanga nama garaadhaa jaallachuu dandaʼu argatutti obsaan eeguu qaba.

12. Intalli mandara Shuleem tiksicha kan jaallatte maaliifi?

12 Intalli mandara Shuleem tiksiticha kan jaallatte maaliifi? Akkuma “kuruphee” bareedaa ture; harki isaa “buttujjii warqee” fakkaata ture; miilli isaa immoo akkuma “utubaa dhagaa” bareedaa fi cimaa ture. Taʼu iyyuu cimaa fi bareedaa qofa hin turre. “Michuun [ishee] dargaggoota gidduutti akka muka hudhaa mukkeetii caakkaa gidduu dhaabatuu” ture. Intalli Yihowaa waaqeffattu kun ilaalcha akkasii erga isaaf qabaattee, dargaggeessi kun karaa hafuuraa cimaa dha jechuu dha.—Wed. 2:3, 9; 5:14, 15.

13. Tiksichi intalattii kan jaallate maaliifi?

13 Intalattiin hoo kan akkamii turte? Bareedina isheetiin mootii yeroo sanatti ‘mootuuwwan jaatama, saajjatoota saddeettamaa fi durboota lakkoofsi isaanii dhuma hin qabne’ qabu kan hawwatte taʼus, “arfaasee Shaaron, daraaraa dachaa keessaa” isa bakka fedhetti argamutti of fakkeessiteetti. Intalattiin kan gad of deebistu turte. Tiksee sanaaf garuu “akka daraaraa qoraattii keessa jiruu” fi barbaadamee hin argamnee akka turte beekamaa dha! Yihowaadhaaf amanamtuu turte.—Wed. 2:1, 2; 6:8.

14. Jaalalli Weedduu Weedduu Caalu keessatti ibsame Kiristiyaanota qeentee gaaʼela godhachuu barbaadaniif barumsa akkamii kenna?

 14 Macaafa Qulqulluu keessatti Kiristiyaanonni “nama amanee” wajjin qofa gaaʼela akka godhataniif gorsi cimaan isaaniif kennameera. (1 Qor. 7:39) Kiristiyaanni qeenteen gaaʼela godhachuu barbaadu nama hin amannee wajjin walitti dhufeenya jaalalaa uumuu irraa kan fagaatu siʼa taʼu, hiriyaa gaaʼelaa kan barbaaddatu tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼan keessaa qofa dha. Hunda caalaa immoo, rakkinni garaa garaa yeroo mudatutti gaaʼelli gammachuu fi tokkummaa qabaatee akka itti fufu gochuuf, Yihowaa irratti amantii qabaachuu fi isaaf buluun barbaachisaa dha; kanaaf, namni hiriyaa gaaʼelaa keenya akka taʼu barbaadnu amaloota kana qabaachuu qaba. Intalli Shuleem sunii fi tiksichi amaloota kana wal irratti arganii turan.

Kiristiyaanonni nama hin amannee wajjin walitti dhufeenya jaalalaa uumuu irraa fagaachuu qabu (Keeyyata 14 ilaali)

KAADHIMNI KOO ‘AKKA IDDOO DHAABAA DALLAADHAAN CUFAMEE TI’

15. Intalli Shuleem dhiirotaa fi dubartoota qeentee Waaqayyoof bulaniif fakkeenya kan taatu karaa kamiini?

15 Weedduu Weedduu Caalu 4:12 dubbisi. Tiksichi jaalallee isaa ‘iddoo dhaabaa cufametti’ kan fakkeesse maaliifi? Iddoo dhaabaa dallaa ykn masaraa qabu keessa abbaan fedhe seenuu hin dandaʼu. Achi seenuun kan dandaʼamu karaa balbala isa cufamee jiruu qofa dha. Intalli Shuleem sun jaalala ishee kan ibsitu tiksicha isa kaadhima ishee taʼeef qofa waan taʼeef akkuma iddoo dhaabaa kanaa turte. Sossobbii mootichaatiif moʼamuu diduudhaan, akka “balbala” salphaatti banamuu utuu hin taʼin, akka “masaraa” taʼuu ishee argisiisteetti. (Wed. 8:8-10) Haaluma wal fakkaatuun, dhiironnii fi dubartoonni qeenteen Waaqayyoof bulan, jaalala isaanii hiriyaa gaaʼelaa isaanii gara fuulduraatiif tursuu qabu.

16. Gaaʼelaaf wal qorachuu ilaalchisee Weedduun Weedduu Caalu barumsa akkamii dabarsa?

16 Tiksichi birraa keessa guyyaa tokko intalli Shuleem sun isaa wajjin miilla akka hiikkattu yeroo ishee gaafatetti obboloonni ishee isheedhaaf hin heyyamne. Kanaa mannaa, dhaaba wayinii akka eegdu ishee ajajan. Maaliif? Waan ishee hin amanneefii? Isaa wajjin wanta sirrii hin taane raawwachuuf fedhii qabdi jedhanii yaadaniitii? Obboleettiin isaanii haala ishee qoruu dandaʼu keessa akka hin galleef eegumsa isheedhaaf gochuu barbaadanii ti. (Wed. 1:6; 2:10-15) Kiristiyaanonni qeentee taʼan kana irraa barumsa ni argatu; yeroo gaaʼelaaf wal qorattanitti, walitti dhufeenyi keessan qulqulluu akka taʼuuf of eeggachuu qabdu. Bakka namni tokko iyyuu isin argu hin dandeenyetti waliin taʼuu hin qabdan. Karaa qulqulluu taʼeen jaalala walii ibsuun sirrii taʼuu dandaʼus, haala isin qoruu dandaʼu irraa fagaadhaa.

17, 18. Weedduu Weedduu Caalu qoruu keetti faayidaa maalii argatte?

17 Yeroo baayʼee Kiristiyaanonni nama garaadhaa jaallatanii wajjin gaaʼela godhatu. Yihowaan gaaʼela kan hundeesse hamma dhumaatti akka turuuf waan taʼeef, hiriyoonni gaaʼelaa laboobni jaalala isaanii caalaatti akka bobaʼu gochuuf, akkasumas haalli jaalalli isaan waliif qaban akka guddatu godhu akka jiraatu gochuuf carraaquu qabu.—Mar. 10:6-9.

18 Hiriyaa gaaʼelaa yeroo barbaaddattu, nama garaadhaa jaallachuu dandeessu akka barbaaddu beekamaa dha; sana booda immoo akkuma Weedduu Weedduu Caalu keessatti ibsame, jaalalli kee akka cimuu fi kan hin badne akka taʼu godhi. Hiriyaa gaaʼelaa barbaaddachaa kan jirtus taate gaaʼela kan godhatte, jaalala dhugaa isa akka “labooba Yaah” taʼe qabaadhu.—Wed. 8:6.

^ KEY. 2 Masaraa Eegumsaa, Amajjii 15, 2007, (Amaariffa) fuula  31 ilaali.

^ KEY. 3 Weedduu Weedduu Caalu 8:6, (NW): “Akka mallattootti garaa keettii fi irree keetti na mallatteeffadhu! Jaalalli jabaa akka duʼaa ti; amanamummaanis akka awwaalaa rincicaa dha. Laboobni jaalalaa ibidda cimaa dha, labooba Yaahii ti.”

^ KEY. 4 Hiika Addunyaa Haaraa keessatti yaadni jalqabaa lakkoofsa 4 irra jiru akkas jedha: “Na fudhadhuu deemi; haa fiignu. Mootichi gara gola isaatti na fideera.”

^ KEY. 7 Weedduu Weedduu Caalu 5:12 (NW): “Iji isaa akka gugeewwan yaaʼa bishaanii biraa, ciisa bishaanii guute bira taaʼanii aannan keessatti dhiqatanii ti.”