Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Warra Qulqullaa’an Taataniittu

Warra Qulqullaa’an Taataniittu

“Cubbuuttii dhiqattaniittu, warra Waaqayyoof qulqullaa’an taataniittu.”—1 QOR. 6:11.

1. Nahimiyaan yommuu gara Yerusaalemitti deebi’e haalawwan nama aarsan akkamii argee ture? (Fakkii isa jalqabaa ilaali.)

 JIRAATTONNI Yerusaalem wacaa jiru. Namni biyya ormaa hamaa ta’e tokko kutaa mana qulqullummaa tokko keessa jiraachaa jira. Lewwoonni hojiisaanii dhiisaniiru. Jaarsoliin guyyaa Sanbataatti waaqeffannaa geggeessuu mannaa hojii daldalaarratti bobba’aniiru. Israa’eloonni hedduun dubartoota Yihudoota hin taane fuudhaniiru. Wantoonni kun, haalawwan nama aarsaniifi Dh.K.D. naannoo bara 443⁠tti yommuu Nahimiyaan gara Yerusaalemitti deebi’e isa mudatan keessaa muraasasaaniiti.—Nah. 13:6.

2. Sabni Israa’el saba qulqullaa’aa ta’uu kan danda’e akkamitti?

2 Sabni Israa’el saba Waaqayyoof of murteesse ture. Dh.K.D. bara 1513⁠tti, Israa’eloonni “Nuyi dubbii Waaqayyo dubbate kana hundumaa in goona” jechuudhaan, fedha Yihowaa wajjin haala wal simuun jiraachuuf hawwii guddaa akka qaban ibsanii turan. (Bau. 24:3) Kanaan kan ka’es, Waaqayyo isaan qulqulleessee ykn sabasaa filatamoo gochuudhaan addaan isaan fo’atee ture. Kun isaaniif mirga guddaadha! Waggaa afurtama booda Museen, “Ati Waaqayyo gooftaa keetiif saba qulqullaa’aa dha; Waaqayyo gooftaan kee akka ati addaan baatee saba dhuunfaa isaa taatuufitti, saba biyya lafaa irra jiran hundumaa keessaa si fo’ateera” jedhee isaan yaadachiiseera.—Kes. 7:6.

3. Yeroo Nahimiyaan si’a lammaffaadhaaf gara Yerusaalem dhaqetti, karaa hafuuraa sabichi haala akkamii keessa ture?

3 Kan nama gaddisiisu garuu, miirri ho’aan Israa’eloonni jalqabarratti qulqulloota ta’anii jiraachuuf qaban qabbanaa’ee ture. Dhuunfaatti namoonni Waaqayyoon tajaajilan bara isa kamittiyyuu kan turan ta’us, akka gareetti Yihudoonni caalaatti kan isaan yaaddessu fedha Waaqayyoo raawwachuu utuu hin ta’in, qulqulloota fakkaatanii mul’achuu ture. Nahimiyaan si’a lammaffaadhaaf gara Yerusaalem yommuu dhaqetti, namoonni amanamoon waaqeffannaa dhugaa deebisanii hundeessuuf Baabilonii gara biyyasaaniitti erga deebi’anii waggaa dhibba tokkoo ol ta’eera. Yeroo kanattis, hinaaffaan sabichi wantoota hafuuraatiif qabu qabbanaa’ee ture.

4. Wantoota saba qulqulluu taanee jiraachuuf nu gargaaran kamfaa qoranna?

4 Akkuma Israa’eloota bara durii, Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo har’aa jiranis tuutaan Waaqayyoof qulqullaa’aniiru. Kiristiyaanonni dibamoonis ta’an ‘tuutni sonaan baay’een’ qulqulloota tajaajila qulqulluudhaaf addaan fo’aman ta’aniiru. (Mul. 7:9, 14, 15; 1 Qor. 6:11) Akkuma Israa’eloonni yeroo booda godhan, eenyuun keenyayyuu Waaqayyo duratti qulqulloota taanee jiraachuu keenya dhiisuu hin barbaannu. Haata’u malee, kun akka nurra hin geenye gochuudhaan qulqulloota taanee jiraachuu keenya itti fufuufi tajaajila Yihowaarratti faayidaa qabeeyyii ta’uuf maaltu nu gargaaruu danda’a? Qayyabannaa kana keessatti, yaadawwan Nahimiyaa boqonnaa 13⁠rratti ibsaman afur qoranna: Isaanis, (1) Hiriyyummaa gadheerraa fagaachuu, (2) qophii ti’ookraasii deggeruu, (3) wantoota hafuuraatiif dursa kennuufi (4) wantoota Kiristiyaanota ta’uu keessan beeksisan eeggachuudha. Mee amma wantoota kana tokko tokkoon haa ilaallu.

HIRIYYUMMAA GADHEERRAA FAGAADHAA

Nahimiyaan Yihowaadhaaf amanamaa ta’uusaa kan argisiise akkamitti? (Keeyyata 5, 6 ilaali)

5, 6. Eliyaashiibiifi Xobiiyaan eenyufaa turan? Eliyaashiib, Xobiiyaa wajjin kan michoome maaliif ta’uu danda’a?

5 Nahimiyaa 13:4-9 dubbisi. Wantoonni qulqulluu hin taane hedduun dhiibbaa waan nurraan geessisaniif, qulqulloota taanee jiraachuun salphaa miti. Mee waa’ee Eliyaashiibiifi Xobiiyaa haa ilaallu. Eliyaashiib angafa lubootaa yommuu ta’u, Xobiiyaanimmoo nama biyya Amoon isa Yihudaa ishee bulchiinsa Faares taate keessatti aangoo qabu ta’uu hin oolu. Xobiiyaafi hiriyoonnisaa Nahimiyaan dallaa Yerusaalem deebisee ijaaruuf yaalii yommuu godhe isa mormaniiru. (Nah. 2:10) Amoononni mana qulqullummaa keessa akka hin galle dhowwamanii turan. (Kes. 23:3) Haata’u malee, angafni lubootaa kun namni akka Xobiiyaa galma nyaataa mana qulqullummaa keessa akka jiraatu kan heyyameef maaliifi?

6 Xobiiyaan michuu Eliyaashiib ta’e. Xobiiyaafi ilmisaa Yehohaanaan dubartoota Yihudoota ta’an kan fuudhan si’a ta’u, Yihudoonni hedduunis Xobiiyaa ni jajatu turan. (Nah. 6:17-19) Ilmaan ilma Eliyaashiib keessaa inni tokko intala Sanbalaax kan fuudhe si’a ta’u, Sanbalaaximmoo bulchaa Samaariyaafi michoota Xobiiyaa keessaa tokko ture. (Nah. 13:28) Michummaan kun, Angafa Lubootaa kan ture Eliyaashiib, namni hin amanneefi mormituu ta’e kun dhiibbaa kan isarratti godhe maaliif akka ta’e nu hubachiisa. Haata’u malee, Nahimiyaan mi’a Xobiiyaa hunda galma nyaataa keessaa gad daddarbachuudhaan Yihowaadhaaf amanamaa ta’uusaa argisiiseera.

7. Jaarsoliinis ta’an warri kaan, wanta ejjennoosaanii isa qulqulluu jalaa mancaasurraa fagaachuu kan danda’an akkamitti?

7 Saba Waaqayyoof of murteesse waan taaneef, yeroo hundumaa Yihowaadhaaf amanamoo ta’uu qabna. Ulaagaasaa isa qajeelummaarratti hundaa’e yoo eegne malee, isa duratti qulqulloota taanee jiraachuu hin dandeenyu. Walitti dhufeenyi maatii keessatti qabnu, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu akka cabsinu nu gochuu hin qabu. Jaarsoliin gumii ilaalcha ykn miira ofiisaaniitiin utuu hin ta’in, yaada Yihowaatiin geggeeffamuu qabu. (1 Xim. 5:21) Akkasumas wanta ejjennoo Yihowaa duratti qaban jalaa laaffisuu danda’u kamiyyuu gochuurraa ni fagaatu.—1 Xim. 2:8.

8. Tajaajiltoonni Yihowaa warri isaaf of murteessan hundi, hiriyyummaa wajjin haala wal qabateen maal yaadachuu qabu?

8 ‘Hiriyaan gadheen amala gaarii akka mancaasu’ yaadachuu qabna. (1 Qor. 15:33) Firoottan keenya tokko tokko jireenya keenyarratti dhiibbaa gaarii kan hin geessisne ta’uu danda’u. Eliyaashiib, dallaa Yerusaalem deebisanii ijaaruurratti guutummaatti Nahimiyaa deggeruudhaan sabichaaf fakkeenya gaarii ta’ee ture. (Nah. 3:1) Yeroo booda garuu, Xobiiyaaniifi namoonni kaan dhiibbaa gadhee waan isarraan geessisaniif, Eliyaashiib wanta Yihowaa duratti isa xureessu raawwateera. Hiriyoonni gaariin sochiiwwan Kiristiyaanummaa keenyaaf nu gargaaran, kan akka Macaafa Qulqulluu dubbisuu, walga’iirratti argamuufi tajaajilarratti hirmaachuu fakkaataniin akka qabamnu nu jajjabeessu. Keessumaa miseensota maatii keenya warra wanta sirrii ta’e akka raawwannu nu jajjabeessan ni jaallanna; ni dinqisiifannas.

QOPHII TI’OOKRAASII DEGGERAA

9. Qophiin mana qulqullummaatiif godhame kan dhaabate maaliif ture? Nahimiyaan dhimma kanaaf eenyu akka itti gaafatamu dubbate?

9 Nahimiyaa 13:10-13 dubbisi. Yeroo Nahimiyaan gara Yerusaalemitti deebi’e, mana qulqullummaatiif buusii gochuun guutummaatti hafee kan ture fakkaata. Lewwoonni gargaarsa waan dhabaniif, hojiisaanii dhiisanii maasiisaanii qotachuutti deebi’anii turan. Nahimiyaan dhimma kanaaf kan itti gaafatamu geggeessitoota ta’uusaanii dubbateera. Haalasaarraa hubachuun akka danda’amutti, namoonni kun itti gaafatamummaasaanii raawwachaa hin turre. Namoonni kun, akkuma ajajamanii turanitti kennaa sabichi kudhan keessaa tokko kennu sassaabuu dhiisanii ykn kennaa kana gara mana qulqullummaatti utuu hin geessin hafanii ta’uu danda’a. (Nah. 12:44) Kanaafuu, Nahimiyaan kudhan keessaa tokko akka sassaabamu godhe. Achiis mana mi’aa mana qulqullummaa akka to’ataniifi kennaa sana akka raabsaniif namoota amanamoo ta’an muude.

10, 11. Sabni Waaqayyoo waaqeffannaa dhugaa deggeruuf mirga akkamii qabu?

10 Kanarraa wanti barannu jiraa? Nuyis qabeenya keenyaan Yihowaadhaaf ulfina kennuuf mirga akka qabnu yaadachiisni waan nuu kennameef, wanti kanarraa barannu jira. (Fak. 3:9) Hojii Yihowaa deggeruuf yommuu buusii goonu, waanuma kansaa ta’e isaaf kennaa jirra jechuudha. (1 Sen. 29:14-16) Wanta kennuu dandeenyu baay’ee akka hin qabne nutti dhaga’amus, fedhii yoo qabaanne hundi keenya wanta kennuu dandeenyu qabna.—2 Qor. 8:12.

11 Maatiin bal’aan tokko, torban torbaniin waggoota hedduudhaaf hiriyoota gaa’elaa qajeelchaa addaafi maanguddoota ta’an tokko nyaata afeera ture. Abbaan manaafi haati manaa sun ijoollee saddeet kan qaban ta’us, haati manaa yeroo hunda, nama kudhaniif nyaata waan qopheessituuf nama lamaaf itti dabalanii qopheessuun hamma kana ulfaataa akka hin taane isheetti dhaga’ama. Torbanitti yeroo tokko nyaata afeeruun waan guddaa fakkaachuu baatus, qajeelchitoonni sun keessummummaadhaan simatamuusaaniitti guddaa galateeffatu turan! Qajeelchitoonni kunis maatii sanaaf eebba guddaa ta’aniiru. Jechoonni nama jajjabeessaniifi muuxannoon qajeelchitoonni kun isaanitti himan, ijoolleensaanii karaa hafuuraa akka guddatan gargaareera. Kanaan kan ka’es, yeroo booda ijoolleensaanii hundi tajaajila yeroo guutuutti galaniiru.

12. Obboloonni gumii keessatti itti gaafatamummaa qaban fakkeenya gaarii akkamii ta’uu danda’u?

12 Barumsi kanarraa argannu garabiraanimmoo, akkuma Nahimiyaan godhe yeroo har’aatti namoonni itti gaafatamummaa qaban dursa fudhachuudhaan qophii ti’ookraasii ni deggeru. Miseensonni gumiis fakkeenyasaaniirraa faayidaa argatu. Gama kanaan, jaarsoliin fakkeenya Phaawulos hordofu. Phaawulos waaqeffannaa dhugaa deggereera; akkasumas qajeelfama gaarii kenneera. Fakkeenyaaf, akkamitti buusii gochuun akka danda’amu ilaalchisee yaada gaggaarii hedduu kenneera.—1 Qor. 16:1-3; 2 Qor. 9:5-7.

WANTOOTA HAFUURAATIIF DURSA KENNAA

13. Yihudoonni tokko tokko guyyaa Sanbataa utuu hin kabajin kan hafan akkamitti?

13 Nahimiyaa 13:15-21 dubbisi. Wantoota fooniitiif xiyyeeffannaa guddaa yoo kennine, jireenyi hafuuraa keenya suutuma suuta badaa deemuu danda’a. Akka Ba’uu 31:13⁠rratti ibsame, guyyaan Sanbataa Israa’eloonni saba qulqulluu ta’uusaanii isaan yaadachiisa ture. Guyyaan Sanbataa, waaqeffannaa maatiitiif, kadhannaadhaafi Seera Waaqayyoorratti xiinxaluuf ooluu qaba ture. Namoonni bara Nahimiyaatti turan tokko tokko garuu, guyyaa Sanbataa akkuma guyyaa hojii kaaniitti ilaaluudhaan, waaqeffannaadhaaf dursa kennuu dhiisanii turan. Kanaan kan ka’es Nahimiyaan, guyyaan ja’affaan yommuu dhumuuf jedhutti, daldaltoota biyya ormaa achi keessaa ari’ee, Sanbanni jalqabuusaa dura balbala magaalattii cufsiise.

14, 15. (a) Hojii qarshii argachuuf hojjennu yoo daangessuu baanne maaltu nurra ga’uu danda’a? (b) Boqonnaa Waaqayyootti galuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Fakkeenya Nahimiyaarraa maal barachuu dandeenya? Hojii qarshii argachuuf hojjennu hir’isuu akka qabnu baranna. Kana ta’uu baannaan garuu, keessumaa hojii keenya kan jaallannu yoo ta’e, salphaadhumatti yaanni keenya hihhiramuu ykn jaalalli Yihowaadhaaf qabnu hir’achuu danda’a. Akeekkachiisa Yesus gooftolii lamaaf hojjechuu ilaalchisee kenne yaadadhaa. (Maatewos 6:24 dubbisi.) Nahimiyaan qabeenya argachuuf mirga kan qabu ta’us, Yerusaalem keessatti yeroosaa maal gochuuf itti fayyadamee ture? (Nah. 5:14-18) Warra Xiiros ykn warra kaanii wajjin daldaluu mannaa, obbolootasaa gargaaruufi hojiiwwan qulqullina maqaa Yihowaatiif gargaaran hojjechuutti qabamee ture. Yeroo har’aattis, jaarsoliifi tajaajiltoonni gumii wantoota gumicha fayyadan hojjechuurratti kan xiyyeeffatan si’a ta’u, kana gochuunsaaniimmoo obbolootasaanii biratti akka jaallataman godha. Kanaan kan ka’es, saba waaqayyoo gidduutti jaalalli, nagaaniifi gabiin jiraachuu danda’eera.—His. 34:25, 28.

15 Kiristiyaanonni guyyaa Sanbataa akka kabajan isaanirraa kan hin eegamne ta’us, Phaawulos “boqonnaan Sanbata Waaqayyoo saba isaatiif amma iyyuu kaa’ameefii jira” jedheera. Itti fufuudhaanis, “Namni boqonnaa Waaqayyootti galu, Waaqayyo hojii isaa irraa akkuma boqote, innis immoo hojii isaa irraa in boqota” jedheera. (Ibr. 4:9, 10) Kiristiyaanota waan taaneef, kaayyoosaa isa gara fuulduraatti adeemaa jiruu wajjin haala wal simuun hojjechuudhaan, boqonnaa Waaqayyootti galuu dandeenya. Isinis taatan maatiin keessan waaqeffannaa maatiitiif, walga’iirratti argamuufi tajaajilaaf dursa kennaa jirtuu? Keessumaa namoonni qacaranii nu hojjechiisanis ta’e wajjin hojjennu wantoota dursa kenninuuf nuuf hin kabajan taanaan, isaanii wajjin haala wal qabateen ejjennoo cimaa qabaachuu qabna. Kana jechuun, wantoota qulqulluu ta’aniif dursaafi xiyyeeffannaa kennuuf jecha ‘balbala magaalichaa cufuufi warra Xiiroosiin ari’uun’ nu barbaachisa jechuudha. Qulqulloota waan taaneef, ‘Akkaataan jireenyaakoo tajaajila Yihowaatiif akkan addaan fo’ame kan argisiisudhaa?’ jennee of gaafachuu qabna.—Mat. 6:33.

WANTOOTA KIRISTIYAANOTA TA’UU KEESSAN BEEKSISAN EEGGADHAA

16. Bara Nahimiyaatti Israa’eloonni wantoota saba qulqulluu ta’uusaanii beeksisan balaadhaaf kan saaxilan akkamitti?

16 Nahimiyaa 13:23-27 dubbisi. Bara Nahimiyaatti Israa’eloonni dubartoota biyya ormaa fuudhanii turan. Nahimiyaan yeroo jalqabaatiif yommuu Yerusaalem dhaqe, Israa’eloonni dubartoota biyya ormaa akka hin fuune maanguddoonni biyyattii hundi waliigaltee barreeffamaan kaa’amerratti akka mallatteessan godheera. (Nah. 9:38; 10:30) Waggoota muraasa booda garuu, Yihudoonni kun dubartoota biyya ormaa fuudhuu qofa utuu hin ta’in, wantoota saba Waaqayyoo warra qulqulluu ta’uusaanii beeksisan dhabuuf akka jedhan hubate! Ijoolleen dubartoota biyya ormaa kanarraa dhalatan, afaan Ibraayisxii dubbisuus ta’e dubbachuu hin danda’an. Ijoolleen kun yommuu guddatan Israa’eloota akka ta’anitti of ilaaluu danda’uu? Moo, Ashdoodota, Amoonota ykn Mo’aabota akka ta’an godhanii yaadu? Afaan Ibraayisxii utuu hin beekin, Seera Waaqayyoo hubachuu danda’uu? Waaqolii sobaa haadhotiinsaanii waaqeffatan dhiisanii, akkamitti Yihowaa beekuufi isa tajaajiluu filachuu danda’u? Yeroo kanatti atattamaan tarkaanfii cimaa fudhachuun kan barbaachisu si’a ta’u, Nahimiyaanis tarkaanfiidhuma akkasii fudhateera.—Nah. 13:28.

Ijoolleen keessan Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabaatan gargaaraa (Keeyyata 17, 18 ilaali)

17. Warri ijoolleensaanii dhuunfaatti Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii akka qabaatan gargaaruu kan danda’an akkamitti?

17 Yeroo har’aatti nuyis ijoolleen keenya wantoota Kiristiyaanota ta’uusaanii beeksisan akka qabaatan gargaaruudhaan tarkaanfii barbaachisaa ta’e fudhachuu qabna. Warra kan taatan akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Ijoolleenkoo “qooqa qulqulluu”, jechuunis dhugaa Macaafa Qulqulluu keessatti argamu hammam ba’eessa godhanii dubbachuu danda’u? (Sef. 3:9, NW) Wanti isaan dubbatan hafuura Waaqayyootiinmoo hafuura biyya lafaatiin akka geggeeffaman argisiisa?’ Wanti fooyyessuu qaban akka jiru yoo hubattan, daftanii abdii hin kutatinaa. Keessumaa yeroo wantoota yaada keenya hihhiraniin marfamnu, qooqa tokko barachuun yeroo fudhata. Ijoolleen keessan ejjennoosaanii akka laaffisan dhiibbaa hedduun isaanirra ga’a. Kanaaf, yeroo Waaqeffannaa Maatiittis ta’e carraawwan kaanitti fayyadamuudhaan, ijoolleen keessan walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qaban akka cimsatan obsaan gargaaraa. (Kes. 6:6-9) Faayidaa biyya lafaa Seexanni bulchurraa adda ta’anii jiraachuun qabu ibsaafii. (Yoh. 17:15-17) Garaasaanii tuquufis carraaqqii godhaa.

18. Warra Kiristiyaanota ta’an caalaa, ijoolleensaanii Yihowaadhaaf akka of murteessan qopheessuu kan danda’u hin jiru kan jennu maaliifi?

18 Mucaan tokko Yihowaa tajaajiluu ilaalchisee yeroo booda murtoo mataasaa gochuu akka qabu beekamaadha. Ta’us, wanti warri gochuu danda’an hedduun jira. Kunimmoo, fakkeenya gaarii ta’uu, daangaa ifa ta’e isaaniif kaa’uu, bu’aa ykn miidhaa murtoo tokko gochuun qabu isaanii wajjin mari’achuu dabalata. Warra kan taatan, ijoolleen keessan Yihowaadhaaf akka of murteessaniif isin caalaa kan isaan qopheessuu danda’u hin jiru. Wantoota Kiristiyaanota ta’uusaanii beeksisan akka qabaataniifi eenyummaa kana eeganii akka jiraataniif gargaarsi keessan isaan barbaachisa. Hundi keenya “uffata” fakkeenyaan ibsame, jechuunis amalaafi seera bu’uuraa duuka buutota Kiristos ta’uu keenya beeksisu eeggachuu qabna.—Mul. 3:4, 5; 16:15.

“WAAN GAARIIDHAAF” YAADATAMUU

19, 20. Yihowaan “waan gaariidhaaf” nu yaadachuu kan danda’u akkamitti?

19 Namoota bara Nahimiyaatti jiraatan keessaa tokko kan ta’e Miilkiyaas raajichi, “Macaafni seenaa waa’ee warra isa sodaatanii fi warra maqaa isaatiif ulfina kennanii, fuula isaa duratti caafameera” jechuudhaan dubbateera. (Mil. 3:16, 17) Waaqayyo namoota isa sodaataniifi maqaasaa jaallatan matumaa hin irraanfatu.—Ibr. 6:10.

20 Nahimiyaan, “Yaa Waaqakoo, waan gaariidhaaf nayaadadhu” jedhee kadhateera. (Nah. 13:31, hiika bara 1899) Nuyis akkuma Nahimiyaa hamma dhumaatti hiriyyummaa gadheerraa yoo fagaanne, qophii ti’ookraasii yoo deggerre, wantoota hafuuraatiif dursa yoo kennineefi wantoota Kiristiyaanota ta’uu keenya argisiisan yoo eegganne, maqaan keenya macaafa Waaqayyo itti nu yaadatu keessatti galmeeffama. Kanaaf, yeroo hundumaa, ‘amantiitti qabamnee jiraachuu keenya haa qorru.’ (2 Qor. 13:5) Qulqullummaa Yihowaa duratti qabnu eegnee yoo jiraanne, innimmoo “waan gaariidhaaf” nu yaadata.