Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jajjabina Fudhadhaa—Isinis Warra Kaan Jajjabeessaa

Jajjabina Fudhadhaa—Isinis Warra Kaan Jajjabeessaa

Cubbuu kan dhaalle waan taaneef hundi keenya dhibeen fayyaa kan nurra gaʼu siʼa taʼu, tokko tokkommoo garmalee dhukkubsanna. Rakkoowwan akkasii moʼuu kan dandeenyu akkamitti?

Wanti gama kanaan gargaarsa guddaa nuu godhu, jajjabina maatii, michootaafi namoota hidhata amantii keenya taʼanirraa argannudha.

Yaanni michuun keenya tokko gaarummaafi jaalalaan nuu hiru, dibata gaarii nu fayyisuufi nu haaromsutti fakkeeffamuu dandaʼa. (Fak. 16:24; 18:24; 25:11) Haataʼu malee, Kiristiyaanonni dhugaan jajjabina argachuu caalaa wanti isaan yaaddessu jira. ‘Jajjabina Waaqayyo biraa argataniin, rakkina attamii keessattiyyuu warra kaan jajjabeessinuuf’ carraaqqii godhu. (2 Qor. 1:4; Luq. 6:31) Antooniyoo inni Meksiikootti daawwataa olaanaa koonyaa taʼe, kun dhugaa taʼuusaa wanta isarra gaʼerraa barateera.

Antooniyoon kaansarii dhiigaa liimfoomaa jedhamu akka qabu qorannaadhaan yommuu beekametti baayʼee dhiphate. Taʼus miirasaa toʼachuuf carraaqqii cimaa godha ture. Akkamitti? Jechootasaarratti xiinxaluuf akka isa gargaarutti, faarfannaawwan Mootummichaa yaadachuufi sagaleesaa dhageessisee faarfachuuf carraaqqii godha ture. Sagalee dhageessee kadhachuufi Macaafa Qulqulluu dubbisuunsaas baayʼee isa jajjabeesseera.

Taʼus, Antooniyoon wanti guddaa isa jajjabeesse gargaarsa namoonni hidhata amantiisaa taʼan isaa godhan akka taʼe hubateera. Akkas jedheera: “Aniifi haati manaakoo yommuu baayʼee dhiphanne, firri keenya jaarsa gumii taʼe tokko dhufee nuu wajjin kadhannaa akka dhiheessu isa gaafanne. Kana gochuun keenya nu jajjabeesseera; nu tasgabbeesseeras.” Itti dabaluudhaanis, “Maatiifi obboloota keenya gargaarsa nuu godhaniif galanni haa gaʼuutii, yeroo gabaabaa keessatti miira gadhee nutti dhagaʼamu moʼuu dandeenyeerra” jedheera. Antooniyoon michoota isa jaallataniifi isaa yaadan akkasii qabaachuusaatti guddaa galateeffata.

Wanti yeroo dhiphinaatti gargaarsa nuu godhu garabiraanimmoo hafuura qulqulluudha. Phexros ergamaan hafuurri qulqulluun “kennaa” akka taʼe dubbateera. (HoE. 2:38) Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee yeroo namoonni baayʼeen hafuuraa qulqulluudhaan dibamanitti kun dhugaa taʼuunsaa kan mirkanaaʼe siʼa taʼu, hundi keenyas kennaa kana argachuu dandeenya. Kennaan kun dhuma kan hin qabne waan taʼeef, Waaqayyo baayʼinaan akka nuu kennu gaafachuu dandeenya.—Isa. 40:28-31.

WARRA DHIPHATANIIF XIYYEEFFANNAA KENNAA

Phaawulos rakkinni hedduun kan isarra gaʼe siʼa taʼu, yeroo tokko duʼaafillee saaxilamee ture. (2 Qor. 1:8-10) Taʼus, Phaawulos nan duʼa jedhee garmalee hin dhiphanne. Deggersa Waaqayyoo akka qabu beekuudhaan jajjabina argateera. “Waaqayyoof, abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos, abbaa araara hundumaaf, Waaqayyo jajjabina hundumaaf galanni haa taʼu! . . . Inni rakkina keenya hundumaa keessatti nu in jajjabeessa” jechuudhaan barreesseera. (2 Qor. 1:3, 4) Phaawulos rakkinnisaa akka isa moʼu hin heyyamne. Kanaa mannaa, qorumsi isarra gaʼe, namoonni kaan yeroo rakkinni isaanirra gaʼu isaan jajjabeessuuf amala isa gargaaru akka horatu isa godheera.

Antooniyoon dhukkubasaarraa erga fayyee booda, hojii daawwannaatti deebiʼuu dandaʼeera. Antooniyoon namoota hidhata amantiisaa taʼaniif yeroo hunda xiyyeeffannaa kan kennu taʼus, amma inniifi haati manaansaa warra dhukkubsatan gaafachuufi jajjabeessuuf carraaqqii addaa godhu. Fakkeenyaaf, Antooniyoon obboleessa garmalee dhukkubsate tokko erga daawwatee booda, obboleessi kun walgaʼiirratti argamuu akka hin barbaanne hubate. Antooniyoon akkas jechuudhaan ibseera: “Obboleessi kun walgaʼii dhaquu kan hin barbaanne Yihowaa ykn obboloota waan hin jaallanneef utuu hin taʼin, dhibeensaa miirasaarratti dhiibbaa guddaa gochuudhaan, gatii akka hin qabne akka isatti dhagaʼamu waan godheefidha.”

Antooniyoon obboleessa kana jajjabeessuuf wanti inni godhe tokko, afeerrii dhihootti godhanirratti akka inni kadhannaa dhiheessu isa gaafachuu ture. Obboleessi kun gaʼumsa akka hin qabne kan isatti dhagaʼame taʼus, kadhannaa dhiheessuuf walii gale. Antooniyoon, “Obboleessi kun kadhannaa gaarii kan dhiheesse siʼa taʼu, sana booda miirri gaariin isatti dhagaʼameera. Gatii akka qabu isatti dhagaʼame” jechuudhaan ibseera.

Hammisaa garaagara haataʼu malee, hundi keenya dhiphinni taʼe tokko akka nurra gaʼu beekamaadha. Haataʼu malee, akkuma Phaawulos dubbate, haalli kun namoonni kaan yeroo dhiphatan jajjabeessuuf nu gargaaruu dandaʼa. Kanaaf, Kiristiyaanota hidhata keenya taʼaniifi dhiphataniif xiyyeeffannaa haa kenninu; Waaqa keenya Yihowaa fakkaachuudhaanis namoota kaaniif madda jajjabinaa haa taanu.