Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Isin Keessaa Namni Ogeessi Hubataanis” Eenyu?

“Isin Keessaa Namni Ogeessi Hubataanis” Eenyu?

“Isin Keessaa Namni Ogeessi Hubataanis” Eenyu?

“Isin keessaa namni ogeessi hubataanis jiraa? Inni karaa garraamummaa ogummaa keessaa argamu sanaa, adeemii isaa isa gaariidhaan hojii isaa isa gaarii haa mul’isu.”—YAQ. 3:13.

1, 2. Waa’ee namoota ogeeyyii jedhamanii maal jechuutu danda’ama?

NAMNI dhugumaan ogeessadha jettee yaaddu eenyudha? Tarii warrakee, maanguddoota ykn nama piroofeesara kolleejjii ta’edhaa? Nama tokko ogeessa jettee akka yaaddu kan si taasise akkaataa guddinaafi haala keessa jiraattu ta’uu danda’a. Haata’u malee, tajaajiltoonni Waaqayyoo hunda caalaa ilaalchasaatiif bakka guddaa kennu.

2 Namoonni biyyi lafaa akka ogeessaatti ilaalu hundi ija Waaqayyoo duratti ogeeyyii miti. Fakkeenyaaf, Iyoob namoota ogummaa dubbanna ofiin jedhanii wajjin dubbatee kan ture si’a ta’u, “Isin gidduudhaa nama ogeessa hin argadhu” isaaniin jedheera. (Iyo. 17:10) Phaawulos namoota beekumsa Waaqayyoo fudhachuu didan tokko tokko ilaalchisee, “Ogeessota utuma ofiin jedhanii gowwooman” jechuudhaan barreesseera. (Rom. 1:22) Yihowaan, karaa Isaayaas raajichaa “Warra yaada ofii isaaniitti ogeessota of se’aniif, . . . wayyoo!” jechuudhaan ifatti dubbateera.—Isa. 5:21.

3, 4. Namni tokko ogummaa dhugaa qabaachuu yoo barbaade maal gochuu qaba?

3 Nama tokko ogummaafi surraa Waaqayyo akka argatu kan isa taasisuu maal akka ta’e beekuun akka nu barbaachisu beekamaadha. Fakkeenyi 9:10 hubannaa akkasii akka qabaannu yommuu nu afeeru, “Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti, isa qulqulluu sana beekuun hubannaa dha” jedha. Namni ogeessi karaa sirrii ta’een Waaqayyoon sodaachuufi qajeelfamasaatiif kabaja qabaachuu qaba. Haata’u malee, Waaqayyo jiraachuusaafi qajeelfama kan qabu ta’uusaa amanuun qofti ga’aa miti. Yaaqoob waa’ee kanaa akka yaannu nu jajjabeessa. (Yaaqoob 3:13 dubbisi.) Jechoota, “Adeem[m]ii isaa isa gaariidhaan hojii isaa isa gaarii haa mul’isu” jedhan kana qalbeeffadhu. Ogummaan dhugaa guyyaa guyyaadhaan gochaafi dubbii keetiin mul’achuu qaba.

4 Ogummaan dhugaa ilaalcha sirrii qabaachuu, beekumsaafi hubannaa karaa bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuu kan dabalatudha. Gocha kamtu ogummaa akkasii qabaachuu keenya mul’isa? Yaaqoob wantoota gocha keenyaan mul’ataniifi ogeeyyii ta’uu keenya argisiisan baay’ee caqaseera. * Yaaqoob namoota hidhata amantaa keenya ta’aniifi gumii ala jiranii wajjin hariiroo gaarii qabaachuuf nu gargaaran ilaalchisee gorsa akkamii kenne?

Karaawwan Namni Tokko Ogummaa Dhugaa Qabaachuusaa Itti Argisiisu

5. Namni ogummaa dhugaa qabu amala akkamii argisiisa?

5 Yaaqoob, ogummaan hojii gaarii wajjin kan wal qabate akka ta’e ibsuusaa irra deebinee ilaaluun keenya barbaachisaadha. Yihowaa sodaachuun jalqaba ogummaa waan ta’eef, namni ogeessa ta’e karaa Waaqayyoofi qajeelfamasaa wajjin wal simuun jiraachuuf carraaqa. Ogummaan Waaqayyoo dhaalaan kan argamu miti. Ta’us, yeroo hunda Macaafa Qulqulluu dubbisuufi irratti xiinxaluudhaan ogummaa kana argachuu dandeenya. Kunimmoo, gorsa Efesoon 5:1⁠rratti, “fakkeenya Waaqayyoo fudhadhaa!” jechuudhaan nuu kenname hordofuuf nu gargaara. Caalaatti fakkeenya Yihowaa hordofuuf carraaqqii yommuu goonu, gochi keenya caalaatti ogummaa kan argisiisu ta’a. Karaan Yihowaa kan namootaarra guddaa caala. (Isa. 55:8, 9) Kanaaf, karaa Yihowaan wantoota tokko tokko itti raawwatu kan hordofnu yoo ta’e, namoonni gumii Kiristiyaanaa ala jiran warra kaanirraa adda ta’uu keenya ni hubatu.

6. Garraamummaan Waaqayyoon hordofuu keenya kan mirkaneessudha kan jennu maaliifi? Amalli kun maalfaa dabalata?

6 Yaaqoob, karaan fakkeenya Yihowaa itti hordofnu keessaa inni tokko “garraamummaa ogummaa keessaa argamu” argisiisuu akka ta’e ibseera. Garraamummaan nama gaarii ta’uu kan dabalatu ta’uyyuu, Kiristiyaanni tokko seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu karaa sirrii ta’een eeguurratti ejjennoo cimaa qabaachuu qaba; kunimmoo ilaalcha qajeelaa akka qabaatu isa gargaara. Waaqayyo humna hangana hin jedhamne kan qabu ta’us, garraamii waan ta’eef isatti dhihaachuu hin sodaannu. Ilmi Waaqayyoo garraamummaa Abbaasaa guutummaatti kan argisiise waan ta’eef afaansaa guutee akkas jechuu danda’eera: “Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba’aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna. Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu.”—Mat. 11:28, 29; Filp. 2:5-8.

7. Museen gara laafessa ta’u ilaalchisee fakkeenya gaarii ta’a kan jennu maaliifi?

7 Macaafni Qulqulluun waa’ee namoota garraamii ykn gara laafessa ta’anii ni ibsa. Isaan keessaa tokko Museedha. Itti gaafatamummaa guddaa kan qabu ta’uyyuu, “namoota biyya lafaa irra jiran hundumaa caalaa nama gara-laafessa ture” jedha. (Lak. 11:29; 12:3) Yihowaan fedhasaa akka raawwatuuf humna guddaa kenneefii akka ture yaadadhu. Yihowaan kaayyoosaa galmaan ga’uuf namoota garraamii ta’anitti ni fayyadama.

8. Namoonni cubbamoon “garraamummaa ogummaa keessaa argamu” argisiisuu kan danda’an akkamitti?

8 Namoonni cubbamoo ta’aniyyuu, “garraamummaa ogummaa keessaa argamu” argisiisuu akka danda’an beekamaadha. Nutoo? Amala kana argisiisuudhaan fooyya’iinsa gochuu kan dandeenyu akkamitti? Garraamummaan ija hafuuraa hafuurri Yihowaa argamsiisu keessaa isa tokkodha. (Gal. 5:22, 23) Waaqayyo garraamummaa argisiisuuf akka nu gargaaru amanamuudhaan hafuurasaa akka nuu kennu kadhachuufi amala kana horachuuf carraaqqii gochuu dandeenya. Jecha faarfatichi: ‘[Waaqayyo] garraamota karaasaa in barsiisa’ jedhee nuu mirkaneesserraa jajjabina cimaa arganna.—Far. 25:9, hiika bara 1899.

9, 10. Garraamummaa argisiisuuf carraaqqii akkamii gochuutu nu barbaachisa? Maaliif?

9 Karaa kanaan fooyya’iinsa argisiisuun carraaqqii cimaa gochuu gaafata. Nu keessaa tokko tokko akkaataa guddina keenyaan kan ka’e, garraamummaa argisiisuun nutti ulfaata ta’a. Kana malees, namoonni naannoo keenya jiran “hamaa hamaadhaan deebisi” jechuudhaan garraamii akka hin taane nu jajjabeessu ta’a. Haata’u malee, kun ogeeyyii ta’uu keenya argisiisaa? Manakee keessatti ibiddi xinnoon utuu ka’ee ibiddicha dhaamsuuf gaaziimoo bishaan itti naqxa? Ibiddatti gaazii naquun ibiddicha caalaatti finiinsa; bishaan itti naquun garuu ibiddicha dhaamsa. Haaluma wal fakkaatuun, Macaafni Qulqulluun gorsa: “Deebiin laafaan dheekkamsa in qabbaneessa; dubbiin jabaan garuu dheekkamsa in kaasa” jedhu nuu kenna. (Fak. 15:1, 18) Gumii keessattis ta’e bakkeetti wanti nama aarsu yoo nu mudate, garraamummaadhaan hiikuudhaan ogummaa dhugaa argisiisuu dandeenya.—2 Xim. 2:24.

10 Akkuma armaan olitti ibsame, namoonni hafuurri biyya lafaa dhiibbaa isaanirraan ga’e baay’een, gaarummaa, naga qabeeyyiifi tasgabbii hin qaban. Kanaa mannaa, namoonni hedduun kan aaraniifi kan of bokoksanidha. Yaaqoob kana waan beekuuf, namoonni gumii keessa jiran hafuura akkasiitiin akka hin mancaane akeekkachiiseera. Gorsa inni kenne kanarraa barumsa dabalataa akkamii baranna?

Amaloota Namoonni Ogeeyyii Hin Taane Argisiisan

11. Amaloonni ogummaa Waaqayyoo wajjin wal faallessan kamfa’i?

11 Yaaqoob amaloota ogummaa Waaqayyoo wajjin kallattiidhaan wal faallessan ifatti barreesseera. (Yaaqoob 3:14 dubbisi.) Hinaaffaaniifi ofittoo ta’uun amala namoonni nama hafuuraa hin taane ittiin beekamanidha. Ilaalchi foonii babal’achaa yommuu adeemu maaltu akka uumamu hubadhu. Gareewwan “Kiristiyaanota” ofiin jedhan ja’a, Yerusaalem keessaatti gamoo bakka Yesus itti awwaalamedha jedhamee yaadamutti ijaarame to’achuuf yeroo dheeraadhaaf qabsoo gochaa turaniiru. Hariiroon isaan gidduu jiru morkii walirraa hin cinnerratti kan hundaa’e ture. Bara 2006⁠tti barruun Taayim jedhamu haalli moloksoota kanaa maal akka fakkaatu yeroo ibsu “sa’aatii dheeraadhaaf, . . . qodaa gurguddaa dungoo irra kaa’aniin wal reebaa turan” jedha. Waan wal amanuu dadhabaniif bantuu waldichaa Musiliima tokkotti kennaniiru.

12. Ogummaan hin jiru taanaan maaltu uumamuu danda’a?

12 Waldhabiinsi akkasii matumaa gumii Kiristiyaanaa isa dhugaa keessatti uumamuu hin qabu. Haata’u malee, sababii cubbuutiin kan ka’e darbee darbee namoonni tokko tokko amala wanti ani jedhe qofti haa ta’u jedhu calaqqisuudhaan mata jabeeyyii ta’uusaanii argisiisuu danda’u. Kunimmoo lolliifi qoccolloon akka uumamu gochuu danda’a. Phaawulos gumii Qorontos keessatti kana waan hubateef akkas jechuudhaan barreessee ture: “Hinaafuunii fi wal qoccoluun erga isin gidduu jiraatee, isin warra yaada foonii duukaa buutan mitii ree? Akka yaada namaatti jiraattu mitii ree?” (1 Qor. 3:3) Haalli gaddisiisaan akkasii gumii jaarraa jalqabaa kana keessa yeroo muraasaaf tureera. Kanaaf, amalli akkasii kun gumii yeroo har’aatti argamu keessa akka hin galle of eeggannoo gochuu qabna.

13, 14. Fakkeenyota hojiin foonii akkamitti calaqqisiifamuu akka danda’an ibsan kenni.

13 Hafuurri akkasii kun gumii seenuu kan danda’u akkamitti? Wantoota xixinnoodhaan jalqabuu danda’a. Fakkeenyaaf, yeroo Galmi Mootummaa tokko ijaaramu, akkaataa wantoonni tokko tokko itti hojjetamanirratti ilaalchawwan addaddaa kaasuu danda’u. Obboleessi tokko ilaalchisaa hin fudhatamu taanaan waldhabiinsi akka uumamu gochuu ykn murtoo godhame ceepha’uu danda’a. Isaan boodas hojii tokkollee hojjechuu dida ta’a! Namni amala akkasii argisiisuu hojiiwwan gumii keessatti hojjetaman kan milkaa’an nagaa gumii keessa jiru eeguudhaan malee karaa wanti tokko itti hojjetamurratti akka hin taane dagateera jechuudha. Yihowaan kan eebbisu hafuura garraamummaa malee, amala wal morkachuu miti.—1 Xim. 6:4, 5.

14 Fakkeenyi kan biraammoo, jaarsoliin gumii jaarsi tokko waggoota dheeraadhaaf kan tajaajile ta’uyyuu, amma garuu ulaagaalee Caaffata Qulqullaa’oo akka hin guunne hubatu ta’a. Daawwataan olaanaa aanaa gumii sana ennaa daawwatu, obboleessi kun gorsa kanaan dura kennameef akka hin fudhanne hubachuudhaan, yaada jaarsoliitiin walii galuudhaan jaarsummaasaarraa akka bu’u murteessu ta’a. Murtoo kanaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qaba? Murtoo jaarsoliin irra ga’aniifi gorsa Caaffata Qulqulluurratti hundaa’uudhaan kennameef gad of qabuufi garraamummaadhaan fudhachuudhaan ulaagaalee Caaffata Qulqullaa’aa isarraa eegamuu guutuudhaan deebi’ee jaarsa ta’ee tajaajiluuf carraaqii godhaa? Moo mirga sana dhabuusaatti haaloo qabachuudhaan hinaaffaatu itti dhaga’amaa? Jaarsoliin hundi akka inni ga’eessa hin taane kan amanan erga ta’e, obboleessi kun ani jaarsa ta’uuf ga’eessadha jedhee kan falmu maaliifi? Yeroo kanatti gad of qabuuniifi yaada namoota kaanii hubachuuf carraaquun baay’ee gaariidha!

15. Gorsi hafuura qulqulluudhaan Yaaqoob 3:15, 16⁠rratti kenname baay’ee barbaachisaadha kan jettu maaliif?

15 Haalawwan namni tokko amaloota akkasii akka argisiisu isa taasisan garabiraanis akka jiran beekamaadha. Haata’u malee, haalli akkamiiyyuu yoo nu mudate, amaloota akkasiirraa fagaachuuf carraaquu qabna. (Yaaqoob 3:15, 16 dubbisi.) Yaaqoob ilaalchi akkasii yaada foonii malee ogummaa waaqarraa gad bu’u waan hin taaneef kan “lafa irraa” akka ta’e dubbateera. Jechi “yaada foonii” jedhame kun horii dandeettii yaaduu hin qabnee wajjin kan wal fakkaatan ta’uusaanii argisiisa. Amaloonni akkasii, amala qaamonni hafuura Waaqayyoo ta’an argisiisan waan ta’aniif “hafuura hamaa” jedhamaniiru. Kiristiyaanni tokko amaloota akkasii argisiisuunsaa sirrii miti!

16. Sirreeffama akkamii gochuu nu barbaachisa ta’a? Gama kanaan milkaa’oo ta’uu kan dandeenyu akkamitti?

16 Tokkoon tokkoon, miseensa gumii akka gaariitti of qoruufi amaloota akkasii kana ofirraa fageessuuf carraaquu qaba. Ilaaltonni olaanaa gumii keessatti barsiisota waan ta’aniif, ilaalcha fooniifi hafuurota hamaa akkasii of keessaa balleessuuf dammaqoo ta’uu isaan barbaachisa. Cubbamoo waan taaneefi dhiibbaan biyya lafaa waan jiruuf, amaloota akkasiirraa fagaachuun carraaqqii cimaa gochuu gaafata. Akkas gochuun tabba dhoqqee qabuufi nama mucuccaachisu yaabbachuuf yaallutti fakkeeffamuu danda’a. Wanta qabannu tokko hin qabnu taanaan, mucucaannee gara boodaatti deebina. Haata’u malee, gorsa Macaafa Qulqulluu keessa jiru jabeessinee hordofuufi gargaarsa karaa gumii Waaqayyoo isa addunyaa maratti argamurraa argannuun gara fuulduraatti adeemuu dandeenya.—Far. 73:23, 24.

Amaloota Ogeessi Argisiisuu Barbaadu

17. Namni ogeessi wanti hamaan yommuu isa mudatu yeroo baay’ee tarkaanfii akkamii fudhata?

17 Yaaqoob 3:17 dubbisi. Amaloota “ogummaan waaqa irraa” calaqqisuudhaan argaman qoruudhaan faayidaa argachuu dandeenya. Qulqulluu ta’uun, gochaafi yaada keenya wanta hamaa ta’erraa fageessuu kan dabalatudha. Wantoota hamaarraa atattamaan fagaachuu nu barbaachisa. Akkas gochuun battaluma sanatti tarkaanfii fudhachuu gaafata. Namni tokko qubasaa ijakeetti haggaame haa jennu. Yeroo kanatti battaluma sanatti fuulakee isarraa garagalchita ykn harkasaa ofirraa ittista. Utuu irratti yaaduun si hin barbaachisin battaluma sanatti tarkaanfii fudhata. Wanta hamaa akka hojjennu yeroo qoramnus tarkaanfiin fudhannu kanaa wajjin kan wal fakkaatu ta’uu qaba. Murtoon qulqulluu ta’uuf gooneefi yaanni garaa keenyaa inni Macaafa Qulqulluun leenji’e, battaluma sanatti wanta hamaarraa akka fagaannu nu kakaasuu qaba. (Rom. 12:9) Macaafni Qulqulluun, fakkeenya namoota tarkaanfii akkasii fudhatan kan akka Yoseefiifi Yesus qabateera.—Uma. 39:7-9; Mat. 4:8-10.

18. (a) Naga qabeeyyii ta’uu jechuun maal jechuudha? (b) nagaa buusuu jechuun maal jechuudha?

18 Kana malees, ogummaan Waaqarraa naga qabeeyyii akka taanu nu taasisa. Kunimmoo, dafanii aaruufi dubbii barbaaduu dhiisuu ykn gocha nagaa booressu gochuurraa fagaachuu kan dabalatudha. Yaaqoob kana ilaalchisee akkas jedheera: “Karaa isaa warra nagaa buusaniif, sanyiin ija qajeelummaa kennu nagaadhaan in facaafama.” (Yaq. 3:18) Jecha ‘nagaa buusuu’ jedhu qalbeeffadhaa. Gumii keessatti nagaa buusuumoo nagaa booressuudhaan beekamnaa? Yeroo baay’ee walitti buunaa ykn wal dhabnaa? Salphaadhumatti mufannaa ykn warra kaan mufachiisnaa? Namoonni kaan ilaalcha keenya akka fudhatan dirqisiisnamoo, amaloota namoota kaan mufachiisan dhiisuuf gad of qabuuf carraaqqii goona? Nagaa buusuufi dafnee dhiifama gochuudhaan balleessaa warra kaanii dhiisuudhaan beekamnaa? Gama kanaan amanamummaadhaan of qoruun ogummaa Waaqayyoo argisiisuurratti fooyya’iinsa gochuuf nu gargaara.

19. Namni tokko sababi qabeessa ta’uudhaan beekamuu kan danda’u akkamitti?

19 Yaaqoob amaloota ogummaa Waaqarraa argisiisu keessaa tokko sababii qabeeyyii ta’uu akka ta’e dabalee ibseera. Wanta tokkoof seerri bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’oo yeroo hin jirretti, namoonni ilaalcha keenya akka fudhatan dirqisiisuudhaan beekamnaa? Garraamiifi namoonni salphaatti kan nutti dhihaachuu danda’anidhaa? Wantoonni kun sababii qabeeyyii ta’uu barachuu keenya kan argisiisanidha.

20. Amaloota Waaqayyoo irratti mari’achaa turre argisiisuun keenya bu’aa maalii argamsiisa?

20 Obboloonni gumii keessatti argaman amaloota Waaqayyoo, Yaaqoob barreesse argisiisuuf caalaatti kan carraaqan yoo ta’e, gumii keessatti haala baay’ee nama gammachiisutu jiraata! (Far. 133:1-3) Garraamii, naga qabeeyyiifi hariiroo gidduu keenya jiru ilaalchisee sababi qabeeyyii ta’uun, hariiroo keenya nuu fooyyeessuusaarrayyuu, ‘ogummaa waaqarraa’ qabaachuu keenya kan mul’isudha. Gama kanaan matadureen ittaanu namootaaf ilaalcha Yihowaa qabaachuun keenya, garraamii, naga qabeeyyiifi sababi qabeeyyii ta’uuf akkamitti akka nu gargaaru ibsa.

[Miiljalee]

^ key. 4 Yaanni naannoo caqasichaa, Yaaqoob dubbachaa kan ture jaarsolii ykn “barsiistota” gumiitiif ta’uusaa argisiisa. (Yaq. 3:1) Jaarsoliin ogummaa Waaqayyoo argisiisuutti fakkeenya ta’uu kan qaban ta’uyyuu, hundi keenya gorsa kanarraa barumsa argachuu dandeenya.

Ibsuu Dandeessaa?

• Kiristiyaanni tokko ogummaa dhugaa qaba kan jechisiisu maalidha?

• Ogummaa Waaqayyoo argisiisuutti fooyya’iinsa argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

• Namoonni ‘ogummaa waaqarraa’ hin qabne amaloota akkamii argisiisu?

• Amaloonni irra caalaatti argisiisuuf murteessite kamfa’i?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Yeroo har’aatti rakkinni uumamuu kan danda’u akkamitti?

[Fakkii fuula 24rra jiru]

Wanta hamaarraa fagaachuuf atattamaan tarkaanfii fudhattaa?