Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gumii Kee Isa Haaraatti Itti Baruu kan Dandeessu Akkamitti?

Gumii Kee Isa Haaraatti Itti Baruu kan Dandeessu Akkamitti?

ALAN, * “yeroon waaʼee as dhufu yaadu sodaadheen ture. Hiriyoota ykn fudhatama argachuu fi dhiisuun koo na shakkisiisee ture” jedheera. Yeroo ammaatti Alan gumii isaa isa haaraa iddoo duraan jiraatu irraa kiiloo meetira 1,400 fagaatee argamu itti baraa jira.

Atis gara gumii haaraa deemteetta yoo taʼe, akkuma Alan sodaan sitti dhagaʼamaa jira taʼa. Gumii kee isa haaraatti baruuf maaltu si gargaaruu dandaʼa? Jijjiiramni gochuun si barbaachisu isa yaadde caalaa ulfaataa yoo taʼe hoo maal gochuu dandeessa? Gama biraatiin immoo, gumiidhuma kee keessa jirta yoo taʼe, namoonni haaraa dhufan sirreeffama gochuun akka isaaniif salphatuuf isaan gargaaruu kan dandeessu akkamitti?

SIRREEFFAMA GOCHUU FI MILKAAʼINA ARGACHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

Mee waaʼee fakkeenya kanaa yaadi: Mukti tokko iddoo isaatii buqqifamee iddoo biraatti yommuu dhaabamu itti hin tolu. Yommuu mukti kun buqqifamu, iddoo biraatti geessuun akka salphatu gochuuf hiddi isaa baayʼeen ni ciccirama. Akkuma iddoo biraa dhaabameen, yeruma sana hidda haaraa baafachuu qaba. Haaluma wal fakkaatun, gara gumii haaraa deemuun akka dhiphattu ykn akka sitti hin tolle gochuu dandaʼa. Gumii kee isa duraanii keessatti, michoota hedduu fi sagantaa tajaajilaa dhaabbataa taʼe waan qabduuf “hidda” gadi fageeffattee turte. Amma immoo naannoo haaraa kanatti milkaaʼina argachuuf, hidda haaraa baafachuu qabda. Kana gochuuf maaltu si gargaara? Seera buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuu dha. Mee isaan keessaa muraasa isaanii haa ilaallu.

Namni yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisu, “akka muka isa bishaan yaaʼaa qarqara dhaabamee, yeroo yeroo isaatti ija kennuu, baalli isaas gogee hin harcaanee ti; wanti inni hojjetu hundinuus wal in qixxaataaf.”Far. 1:1-3.

Akkuma mukti tokko lalisuuf yeroo hunda bishaan ofitti fudhachuun isa barbaachisu, Kiristiyaanni tokkos karaa hafuuraa jabaachuuf yeroo hundumaa Dubbii Waaqayyoo irraa soorachuu qaba. Kanaafuu, guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi yeroo hunda walgaʼii gumii irratti argamuu kee itti fufi. Waaqeffannaa maatii fi qoʼannaa dhuunfaa gochuu irratti barsiifata gaarii qabaadhu. Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabdu cimsuuf wanta kanaan dura gochaa turte iddoo haaraa kanattis gochuu kee itti fufi.

“Namni dheebuu nama [baasu] dheebuu in baafama.”Fak. 11:25.

Yeroo guutummaatti tajaajila irratti hirmaattu, jabaachuu fi daftee itti baruu dandeessa. Jaarsi gumii Keevin jedhamu, “Anaa fi haadha manaa koo wanti baayʼee nu gargaare akkuma gara gumii haaraa kana dhufneen qajeelchaa gargaaraa taanee tajaajiluu keenya ture. Obboloota, qajeelchitootaa fi naannoo tajaajilaa keenya wajjin dafnee wal barre” jedheera. Roojeer inni naannoo duraan jiraatu irraa kiiloo meetira 1,600 fagaatee deeme akkana jedheera: “Karaan gumii haaraa wajjin wal baruun itti dandaʼamu inni guddaan, yeroo baayʼee tajaajila irratti hirmaachuu dha. Kana malees, karaa kamiinuu gargaarsa gochuu akka dandeessu, tarii Galma Walgaʼii qulqulleessuuf, kutaa obboloota hafanii dhiheessuuf ykn nama tokko konkolaataadhaan gumiitti geessuuf qophaaʼaa taʼuu kee jaarsoliitti himi. Obboloonni fedhii ofii aarsaa gochuu kee yommuu hubatan, akka gaariitti si simatu.”

‘Garaa keessan balʼisaa banaa.’2 Qor. 6:13.

Jaalala hoʼaa obboloota keessaniif qabdan balʼisaa. Meelisaa fi maatiin ishii gara gumii kan biraa erga deemanii booda michoota haaraa argachuu irratti xiyyeeffatanii turan. Akkana jetteetti, “Walgaʼii duraa fi booda Galma Walgaʼiitti obboloota wajjin taana. Kunis nagaa wal gaafachuu irra darbinee akka waliin haasofnu carraa nuu baneera.” Akkas gochuun isaanii maqaa obbolootaa dafanii baruufis isaan gargaareera. Dabalataanis, keessummaa simachuudhaan jaalala isaanii balʼifataniiru, kunis michummaa isaanii isa haaraa isaaniif cimseera. Itti dabaluudhaan, “Lakkoofsa bilbilaa waan walii kennineef, wal gaafachuu, akkasumas sochiiwwan hafuuraa fi kan biraa irratti waliin hirmaachuu dandeenyeerra” jetteetti.

Namoota hin beeknee wajjin haasaʼuun kan si dhiphisu yoo taʼe, wantoota xixinnoo gochuudhaan maree jalqabuu ni dandeessa. Fakkeenyaaf, yoo sitti tolu baatee illee jalqaba seequuf yaali. Seequun kee warri kaan akka sitti dhihaatan godha. Kana malees, Kitaabni Qulqulluun “fuulli ifaan nama gammachiisa” jedha. (Fak. 15:30) Richeel ishiin naannoo itti guddatte irraa fagaatee deemte akkana jetteetti, “Ija laafettiin ture. Yeroo tokko tokko obbolootaa fi obboleettota gumii koo isa haaraa keessa jiranii wajjin haasaʼuuf of dirqisiisuun qaban ture. Galma Walgaʼii keessaatti nama kophaa isaa taaʼuu argachuun barbaada ture. Tarii namni sunis akkuma koo nama ija laafessa taʼuu dandaʼa.” Kanaafuu, walgaʼii dura ykn booda nama duraan hin beekne tokkoo wajjin haasaʼuuf maaliif galma hin baafattu?

Karaa biraatiin immoo, akkuma deemteen torban muraasaaf namoota haaraa wajjin haasaʼuun si gammachiisa taʼa. Haa taʼu malee, sana booda haaraa taʼuun kee ni hafa. Yeroo kanatti, michoota haaraa argachuuf carraaqqii gochuu kee itti fufuu qabda.

Mukoonni buqqifamanii yommuu bakka biraa dhaabaman isaanitti hin tolu, taʼus yommuu bakka biraa dhaabaman hidda haaraa baafatu

SIRREEFFAMA GOCHUUF OFII KEETIIF YEROO KENNI

Mukoonni tokko tokko naannoo haaraatti hidda isaanii gadi fageefachuuf mukoota kaan caalaa yeroo dheeraa isaanitti fudhata. Haaluma wal fakkaatun, namoonni hundi gumii isaanii isa haaraa wal qixa itti hin baran. Gumii gara biraa erga deemtee kan turte taʼus, amma iyyuu sirreeffama gochuuf rakkachaa jirta yoo taʼe, seerawwan Kitaaba Qulqulluu kana hojii irra oolchuun kee si gargaaruu dandaʼa:

“Yoo abdii kutachuu baanne yommuu yeroon isaa gaʼu waan haammannuuf, wanta gaarii hojjechuuf abdii hin kutannu.”Gal. 6:9.

Sirreeffama gochuuf isa jalqaba yaadde caalaa yeroo dabalataa ramadi. Fakkeenyaaf, misiyoononni Giilʼaaditti leenjiʼan hedduun gara biyya isaaniitti deebiʼuu isaanii dura bakka ramadanitti yeroo dheeraadhaaf turu. Kana gochuun isaanii obboloota naannoo sana jiranii wajjin michummaa cimaa uumuu fi aadaa haaraa taʼe baruuf isaan gargaareera.

Alahandiroo, inni yeroo hedduu iddoo adda addaa deemee ture, dafanii sirreeffama gochuun akka hin dandaʼamne hubateera. Akkana jedheera: “Yeroo dhumaatiif naannoo kan biraa erga deemnee booda, haati manaa koo, ‘Michoonni koo hundi gumii keenya isa duraanii keessa jiru!’ jettee turte.” Innis waggaa lama dura yeroo naannoo kan biraa deemanis akkasuma jettee akka turte ishii yaadachiise. Haa taʼu malee, waggoottan lamaan sana keessatti namoota kaaniif xiyyeeffannaa kennite, kanaan kan kaʼes, namoonni kun michoota ishiidhaaf taʼaniiru.

“‘Baroonni darban maaliif baroota ammaa irra wayyu?’ jettee hin gaafatin! Gaaffiin akkasii gaaffii nama ogeessaa miti.” Lal. 7:10.

Gumii kee isa haaraa gumii kee isa duraanii wajjin wal bira qabdee madaaluu irraa fagaadhu. Fakkeenyaaf, obboloonni gumii kee isa haaraa keessa jiran obboloota gumii kee isa duraanii keessa jiran caalaa baayʼee akka hin dubbanne ykn baayʼee akka dubbatan ibsuu irraa of qusadhu. Akkuma ati wanta gaarii qabdu irratti akka xiyyeeffatan barbaaddu, amala isaanii isa gaarii qofa irratti xiyyeeffadhu. Obboloonni gara gumii kan biraan deeman tokko tokko, bakka biraa deemuun isaanii ‘Dhuguma “guutummaa waldaa obbolootaa” nan jaalladhaa?’ jedhanii of gaafachuuf akka isaan kakaase hubataniiru.—1 Phe. 2:17.

“Kadhachuu keessan itti fufaa isiniif ni kennama.”Luq. 11:9.

Gargaarsa argachuuf kadhachuu kee itti fufi. Jaarsi gumii Deevid jedhamu akkana jedheera: “Rakkinicha kophaa kee moʼuuf hin yaalin. Wantoota hedduu raawwachuu kan dandeenyu gargaarsa Yihowaa yoo arganne qofa dha. Waaʼee dhimma sanaa kadhannaa dhiheessi!” Richeel ishiin olitti caqasamtes yaada kana irratti walii galti. Akkana jetteetti: “Anii fi abbaan manaa koo xinnoo gumii irraa akka addaan baane yoo nutti dhagaʼame, waaʼee dhimma sanaa, ‘Wanta warri kaan akka nutti hin dhihaanne isaan godhu raawwachaa jirra yoo taʼe nu beeksisi’ jennee Yihowaatti kadhannaa dhiheessina. Achiis obbolootaa wajjin yeroo dabalataa dabarsuuf yaalii goona.”

Warra kan taatan ijoolleen keessan itti baruuf rakkachaa kan jiran yoo taʼe, waaʼee dhimma sanaa isaanii wajjin kadhannaa dhiheessaa. Warra kaanii wajjin yeroo gaarii akka dabarsan qophii gochuudhaan michoota haaraa akka argatan isaan gargaaraa.

KEESSUMMUUMMAAN AKKA ISAANITTI HIN DHAGAʼAMNE GARGAARAA

Namoota dhiheenyatti gara gumii kee dhufan gargaaruuf maal gochuu dandeessa? Jalqabumaa kaasiitii michuu dhugaa isaaniif taʼuuf carraaqqii godhi. Kana gochuuf, utuu si taʼee maaltu akka siif godhamu akka barbaaddu yaadi, achiis wantoota sana isaaniif godhi. (Mat. 7:12) Namoonni haaraan kun waaqeffannaa maatii kee irratti akka argaman gochuu ykn sagantaa JW Biroodkaastiingii si wajjin ilaaluu ni dandaʼuu? Akka si wajjin tajaajilan isaan afeeruu ni dandeessaa? Nyaata muraasa akka si wajjin nyaatan yoo isaan afeerte wanta isaaniif goote kana yeroo dheeraadhaaf ni yaadatu. Namoota haaraadhaaf gargaarsa dabalataa akkamii gochuu dandeessa?

Kaarlos akkana jedheera: “Gumii keenya isa haaraa yommuu geenyu, obboleettiin tokko kitaabota seenaa adda addaa qabatan gatii salphaadhaan nutti gurgurte. Kitaabonni kun baayʼee nu gargaaraniiru.” Namoonni naannoo qilleensi isaa isa naannoo keetii irraa adda taʼe irraa dhufan, yeroo hoʼaatti, yeroo qorraatti ykn yeroo roobaatti maal akka uffatan isaanitti himuun kee akka si galateeffatan gochuu dandaʼa. Kana malees, haala namoota naannoo sanaa isaanitti himuu ykn waaʼee amantii naannoo sanaa isaaniif ibsuudhaan tajaajila irratti caalaatti buʼa qabeeyyii akka taʼan isaan gargaaruu ni dandeessa.

SIRREEFFAMA GOCHUUF CARRAAQQIIN GOOTU SI KIISA

Alan inni jalqaba irratti ibsame, gumii isaa isa haaraa keessa waggaa tokkoo oliif tureera. Wanta yaadatu yeroo dubbatu akkana jedheera: “Jalqaba irratti obbolootaa wajjin wal baruuf of dirqisiisuun na barbaachisee ture. Amma garuu maatii koo akka taʼanitti natti dhagaʼama, kun taʼuu isaattis nan gammada.” Alan bakka biraa deemuu isaatti michoota akka hin dhabne hubateera. Kanaa mannaa, michoota haaraa jireenya isaa guutuu isa waliin jiraachuu dandaʼan argateera.

^ key. 2 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.