Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyo Kadhannaa Kee Ni Dhagaʼaa?

Waaqayyo Kadhannaa Kee Ni Dhagaʼaa?

Yommuu kadhattu Waaqayyo dhuguma akka si dhagaʼutti yaaddaa?

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

  • Waaqayyo ni dhagaʼa. Kitaabni Qulqulluun, “Yihowaan warra isa waammatan hundumaatti, Warra dhugaadhaan isa waammatan hundumaatti dhihoo dha. . . Iyya gargaarsa argachuuf dhageessisan ni dhagaʼa” jechuudhaan nuuf mirkaneessa.—Faarfannaa 145:18, 19.

  • Waaqayyo kadhannaa akka isatti dhiheessitu barbaada. Kitaabni Qulqulluun, “Waan hundumaa ilaalchisee kadhannaa fi wawwaannaadhaan galataa wajjin iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa” jechuudhaan nu afeera.—Filiphisiyus 4:6.

  • Waaqaayyo dhugumaan siif ni yaada. Waaqayyo yaaddoo fi dhiphina keenya guutummaatti ni beeka, nu gargaarus ni barbaada. Kitaabni Qulqulluun, “inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa” jedha.—1 Pheexiros 5:7.